
Dursa hidhamtooti siyaasaa KFO, Gazexeessitooti OMN fi kanneen biroo kan mana hidhaa dhiphaa keessaa turtan, baga mana hidhaa guddaa kan siyaasaa, waraanaa fi dinagdee keessa jirutti ‘nagaan’ dabalamtan. Lammiileen Oromiyaa fi sabooti cunqurfamoo hedduus mana hidhaa keessatti hafanii gidiraa argaa jiran kumoota hedduun lakkaawamu. Har’as lammiileen mana hidhaa dukkanaatti darbamaa jiran danuu dha.
Hedduunis mana hidhaa keessaa baafamanii rasaasaan reebamanii ajjeefamaa jiru. Warri lubbuun jiraattanii, mana hidhaa dhiphaa keessaa baahuuf carraa argattan, haqa uummata keenya mana hidhaa keessatti dararamanii, ajjeefamanii fi ammallee mana hidhaa keessa gidiraa argaa jiraniin addunyaaf saaxiluuf hiree guddaa qabdu.
Rakkoon hidhaa fi ajjeechaa irra darbee lammiileen hedduun jumlaan humnaan qabamanii dirree waraanaatti darbamanii irbaata rasaasaa ta’aa jiru. Lammiileen nagaa boombii xiyyaaraa fi drone irraa itti darbatamee lubbuu fi qabeenyi hedduu badaa jira. Haala akkasii keessatti hidhamtoota lakkoofsaan xiqqaa ta’an baasanii nagaa fi araara fidna jedhanii shubbisuun haqatti baacuu dha. Sirni haqa uummataatti qoosaa jiru kun ammoo farra nagaa ta’uun, adeemsi nagaa fi araaraa akka gufatu danqaa uumuuf waan inni hin dhamaane hin qabu. Sababaan Abiy Ahmed hidhamoota siyaasaa badii malee hidhee turee fi amma hiikeef:
- Mootummaan PPtti beekamtii (legitmacy) horuuf;
- Lola amma deemaa jiru kan injifate of fakkeessuu;
- Humnoota falmaa hidhannoo gaggeessaan dirree siyaasa keessaa moggeessuuf fi 4. Hawaasa idil addunyaa biratti nama nagaa barbaadu fakkaatee akka faarfamuuf dha.
Badiin hidhamtoota siyaasaa raawwatan yoo jiraate deeggarsa uummataa qabaachuu isaanii ture. Hidhamtooti siyaasaa kun yoo filannoo irratti haqaa fi bilisaan hirmaatan akka Abiy Ahmed moohatan shakkiin hin turre. Abiyyis sana sodaatee Artist Hacaaluu Hundeessaa ajjeesisuun hidhamtoota siyaasaa kana mana hidhaatti darbe. Hidhamuun hidhamoota siyaasaa fi ajjeechaan Artist Hacaaluu Hundeessaan irratti raawwatame yakka isa jalqabaati. Yakki inni itti aanu sagalee uummataa ukkaamsanii, filannoo biyyoolessaa qobaa ofii dorgomanii, qobaa ofii filannoo injifadhe jedhaanii fi labsanii mootummaa ijaaruu dha. Yakki sadaffaan ammoo maqaa mootummaa beekamtii uummataa hin qabneen lola hin feesisne seenuun, dhabama lubbuu kumaatamaa fi qabeenya kitila hedduu dhaqabsiisuu dha.
Qaamni yakka haga kana raawwate kun hidhamtoota siyaasaa badii hin raawwatneef dhiifama godhe jedhee media irraa lallabuun dammaqiinsa uummataa tuffachuu dha. Gaaffiin siayaasaa sabichaa furmaata dhabee lola hamaa keessa seenamee jiru keessatti; dinagdeen biyyittii burkutaahee sadarkaa jiguu irra gahee jiru keessatti; ilaalchi siyaasa Abiy uummataan tufamee bakka hin qabne keessatti; Diplomasiin biyyoota dhihaa waliin jiru gadi bu’ee gargaarsi biyya ambaa hin jirre keessatti; jiruu fi jireenya uummataa gadadoo keessa seenee jiru keessatti, tarkaanfiilee xixiqqoo, dhiifama badii malee godhamun, rakkoo bu’uuraa furra jedhanii yaaduun gowwummaa dha. Abiy Ahmed yakka raawwateef fi naannoo keenya gara waraanaa barbadeessaatti waan dhiibeef, mootummaan inni ijaare jedhu beekamtii (legitmacy) argachuu hin qabu. Inumaayyuu akka PPtti yakka raawwatamef gaafatama fudhatee aangoo gad dhiisuu qaba. Haqa qofaatu nagaa waaraa fida waan ta’eef!
Lolli haga ammaatti gaggeeffamaa jiru kan injifachaa jiru WBO fi humnoota cunqurfamoo, kan bobbaa isaanii babal’ifachaa jiran akka ta’e hubachuun ni dandahama. Lolli amma Abiy gaggeessaa jiru lafa gad-dhiisee, qilleensa irraan uummata nagaa irratti boombii darbachuu qofaatti daangeffamee jira. Lolli bifa kanaa ammoo dhuma irratti kan injifatu, qaamuma deeggarsa uummataa qabuu fi lafa qabate akka ta’u shakkiin hin jiru. Humnooti bilisummaa saba isaaniif hidhannoodhaan dirree irratti falmaa gaggeessaa jiran dirree siyaasaa keessaa moggeessuunis hin dandahamu. Kunis, sababaa kaayyoo, deeggarsaa fi bu’uura hawaasa bal’aa qabaniif siyaasi isaanii yoomuu jiraataa dha. Bara teknologyn guddatee jiru kana keessattis hawaasa idil addunyaa sobanii bira darbuun hin dandahamu.
Kanaaf, nagaa waaraa fi gammachuu dhugaa argachuuf murteessaan haqa argachuu ta’uu hubachuun, haqa ofii kabachiisuuf ammoo qabsoo jabeessuun fi humna ta’u ogguu qalbeeffachaa qabsoo keenya itti fufunu dhaammachaa; hidhamtooti siyaasaa lubbuun jiraattaniis, qabsoo Oromoon haqaaf gaggeessaa jirutti makamatnii sagalee uummata taatan, kan haalli isiniif aanjahes bifa dandeessan maraan waardiyyaa haqaa taatan ajajaan ol’aanaa ABO-WBO waamicha godha! Haqa qofaatu nagaa waaraa fida, dhiifamni badii malee godhamus hin jiru!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Amajjii 8, 2022



















