

Loltoonnii Mootummaa Faashistii Xoophiyaa
Kan dhalootan Oromoo ta’an sirna bututaa xoophiyaa irraa abdii dhabuun gara Waraana bilisummaa Oromooti dabalamaa jiru.
Kan suuraa irraa argaa jirtan miseensa Poolisii 𝐌𝐀𝐍𝐀 𝐒𝐈𝐑𝐑𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀 Godina Gujii Bahaa Magaala nageellee Booranaa kan turee nama maqaan isaa Heeliyaas Xaaxoo Areeroo jedhamu kaleessa mudde 14,2021 𝐌𝐄𝐄𝐒𝐇𝐀 𝐀𝐊𝐌 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 ,𝐑𝐚𝐬𝐚𝐚𝐬𝐚 200 𝐨𝐥𝐢𝐢𝐟 𝐛𝐨𝐧𝐛𝐢𝐢 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 qawweef Hidhannoo isaa Guutuu waliin fedhii isaatin Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Cibraa Soddom Boorootti dabalamee jira.
Ilmaan Oromoo kan Sirna 𝐌𝐢𝐧𝐢𝐥𝐢𝐤𝐢𝐢 Tiksuuf 𝐝𝐮’𝐚 seena hin qabneef uummata keessan qawwee gabroomfataa Baattanii miidhaa jirtaniif Waraanni Bilisummaa oromoo akkuma yeroo gara garaatti waamicha isiniif taasisa ture ammas irra deebi’ee waamicha oromummaa isiniif dabarsaa jiraa.
𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟 yeroon kun yeroo itti sabaa ofiitiif lolan malee yeroo qawwee alagaa baatanii gabroomfataa barcumaa jalatti tiksanii dhiiga saba ofii dhangalaasanii miti waan ta’eef ilmaan 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐐𝐮𝐮𝐪𝐚𝐦𝐚 𝐬𝐚𝐛𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐝𝐚𝐧 hundii dafaa Qawwee keessan fudhadhaa gara obboleeyyan keessan 𝐖𝐁𝐎 fi gara qabsoo saba keessanii deebi’aan dhaamsa keenya .
𝐂𝐢𝐛𝐫𝐚𝐚 𝐒𝐨𝐝𝐝𝐨𝐦 𝐁𝐨𝐨𝐫𝐨𝐨 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚!
Horaa Bulaa Deebanaa.