Rakkoon Gaanfa Afrikaa eenyu?

Jaawwii Jiilleetiin

Lola ammaan taana gaanfa Afrikaa waadaa jiruuf itti gaafatamaan abbaa nobel nagaa 2019ti. Hubannoo malee gahuumsaaf seenaa dubbee isaa osoo qoratanii ilaalcha keessa hin galchiin eejjannoo yeroo gabaabduu qofa ilaaluun abboota irree dantaa egereef wal tumsaan lamaan araaramuu gidduu galeessa godhatuun badhaasa hin madaallee kennuufin faarsaa hin madaallee addunyaan faarsaa turte. Mummicha ministeera Itoophiyaa Abiy ahmed. Faaruu biyyoota dhihaaf mootummoota addunyaa kanaan kan gurri duude koloneelli waraanaa kun of tuulummaaf miira amantii dhuunfaa isaa hordofuun biyya hoggaanuuf adeemsa taasiseen godiina gaanfa Afrikaa gara jeequmsaatti ceesisaa jira.

Dhaabbileen addunyaa kanaa kanneen waggaa darbe faarsaaf leellisaa turaan hundiyyuu bara kana rakkoo gaanfa Afrikaa muudateef itti gaafatamaa taasisaa jiru. Haalumaa kanaan moggaasa

~hoggaana nagaa irraa gara hoggaana waraanatti, hoggaana ilma abbaa gadaa irraa gara ilma abbaa irreetti, nama nagayaa irraa gara nama hokkoraaf jeequmsaatti waggaa lama keessatti haala nama qaanessuun addunyaa biraatti hubatamee. Durumayyuu rakkoo keessoo Impaayerattii osoo hin furiin saaduu fi faaruu argatuuf akkasumaas deeggarsa siyaasaaf tumsa sobaa qofaan biyya gaggeessuuf ol muldhisuu irratti xiyyeeffatuun imaammata PP fi hoggaana PP kan hangafaa tahee. Kanaanis biyyoota ollaa muraasa hin jedhamnee waliin waan irratti waliif galuu hin dandeenye eegaluun rakkoo akka ammaa kana keessa seenee jira. Biyyoonni Addunyaa guutuun ammaatti maddi rakkoo gaanfa Afrikaaf Impaayera itoophiyaa garee biyyaan bulchaa ofiin jedhee aangoo mootummaa heeran ala humna waraanan dhuunfate tahuu hubachuun akeekaa jiru.

Gama kaaniin uummattoonni eenyummaa saba biyyaa fi seenaa mataa isaanii qabaan kan impaayerattii keessa jiraan bulchiinsa hoggaanummaa koloonel Abiy gaggeeffamaa jiru mormuun karaa irratti bahanii jiru. Kunis mataa dhullunnii fi xumura Impaayeratti tahuu agarsiisaa jira. Kanaanis saboonni akka walayittaa diddaa isaanii itti fufuun uummattoota kibba keessatti dhiibbaa yoo uumaan kanneen akka qimant, agawu fi kkf amaara keessa jiraatan immoo lafee dugdaa mootummaa giddugaleessaa tahuun kan duula saboota irratti qindeessaa jiraan humna Amaaraa gara bittiimsuutti oofaa jiru.

Saba oromoo dabalatee uummattoonni duraaniyyuu bulchiinsa impaayeraa irratti mormii dhiheessaaf diddas agarsiisaa turaan immoo gsadarkaa diddaa isaanii guddisuun gara qawwee kaasuutti adeemanii jiru. Kanaanis waggootan 45 ol darbaniif kan impaayera dulloomtuuf rakkoof yaaddoo tahaa turee waraanni bilisummaa Oromoo WBOn miliyoonan hiriiruun haleellaa PP wabii impaayeraa tahaa jirtu irratti taasisuu jabinaan itti fufee jira. Kanaanis abdii sab-bicuu Oromiyaa fi saboonni impaayeratti keessa jiraan abdii isaanii WBO taasifataa jiru. Uummanni oromoo kallattii hundaan diddaa PP irratti adeemsisaa jiruu jabeessee itti fufuun mataa dhukkuubbi bulchiinsa waraanaa kolonel abiyiif tahee jiraa.

Gama kaaniin PPn abiyin hoggaanamtu biyya keessatti rakkoo uummataa furuu hanqatuu bira darbuun rakkoo keessoo isaanii furuu dadhabanii jiru. Karaa biraan lola Tograay waliin eegalaan goolabuu dadhabuun impaayerattiin mootummaa malee jiraachuu ragaa bahaa jira. Tumsa ertiraan kan lola saboota irratti bante PPn duula eenyummaa sabootaa balleessuu akka yaaddeetti xumuruu hanqatuun caalatti kufaatii ishii ariifachiisaa jira. Qabsoon bilisummaa oromoo daraan jabaatee itti fufuun abbaa irree waan qabuuf dhiisuu wallaalchisuun tarkaanfii of balleessuu akka of irratti fudhatuu godhaa jiraa.

Gama diinagdeetiinis sharafa doolaaraa gara 14 birrii itoophiyaattin gad buusa jedhee kan waadaa galuu hanqatuun olkaasuun 40 taasisee jira. Gama kaanin immoo yakkaamtoota TPLF barootaaf uummata saaman qabeen siniif dhiheessa jedhee waraana qulqulloota irratti baneen qaama impaayeratti kan taate tigrayiin guutumaan guututti daaressee jira.

Walumaagalaatti rakkoon impaayera Itoophiyaa muudatee impaayeroota diigamaan armaan duraa waliin wal bira qabnee yoo ilaallu isa hundarra hammaataa fi yaaddeessaa akkasumaas bulchiinsa boodatti hafaa fi rakkoon guutamee waggaa 50n darbaan Afrikaa keessatti muldhaatan keessaa kan sadarkaa duraa qabaatuudha.

Haala ammaa adeemaa jiruu kana hunda hubachuun nageenya godina afrikaaf uummatichaaf wabii tahuuf addunyaan kun Waraana Bilisummaa Oromoo fi ABO waliin dhaabbachuu qabdi.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Qabsoon Bilisummaa Lubbuu Qaalii Wareeguu Gaafata!!!Muddee 18, 2020.

Qabsoon bilisummaa sabaafi walabummaa biyyaatiif adeemsifamu gatii qaalii wareeguu gaafata. Waan roorroon jirtuuf, waan cunqursaan jirtuuf warraaqsi jirti. Waan warraaqsi jirtuuf wareegamni jirti. Waan wareegamni jirtuuf waan wareegamaniif argatuun jiraachuu shakkii hin godhatin.

Haqa ofii irratti lubbuu takkittii deebii hin qabne aarsaa kafaluun gootummaadha. Kabajaa saba ofiif jecha dantaa ofii/ka dhuunfaa gabroomsuun dirqiidha. Kunis ka akeeku warraaqaan tokko hogayyuu sirna gita bittuufi saamtuu dura haga wareegamaatti nii dhaabbata, ittiin morma.

Biyya adunyaa kanarratti sabni hiree isaan ofiin hin bulle hogayyuu gaaddisa gabrummaa aduu saafaa caalaa bobeessee nama gubu jala jiraata, tahus maqumaaf jireenya jenna malee du’a salphinaati.

Nameenyaafi qabeenyi ofii gaafa; alagaan booji’amu, Saamamuufi aggatamu eegalu sanyiin gabrummaa namarratti, lafa ofii irratti facaafame jechuu. Sanyii gabrummaa facaafame kana sirni cunqursaa kunuunsuun akka miciree guddinaa uummatu taassisa. Gaafa kana qaamni cunqursaa jala bulaa jiru dhiigni isaa ol hin adeemu, hiddi isaa nagaafi jaalala, haqaafi gammachuu sarbamuun akka sanyii kaarotii asii gadi guddina jalqaba. Kana amaleeffatee barsiifata ofii ka godhatu yoo taate xumura irratti baduuf akka jiru hegeree millachuun waan hafa hin qabne.

Gootowwan ilmaan sabaa qaroon roorroo saba isaa irratti daraartee jirtu argu aarsaa warraaqsi barbaaddu hubatee ka hiriire waan ta’eef haala akkaan rakkisaa keessa adeemuun wareegama lafeefi dhiigaa kafaluun ala filannoon ka biraa ittiin sirna cunqursaa cabsan hin jiru jedheeti amana.

Warraaqsi Galaana Ummataa Itti Fufa~ Walabummaa fi Bilisummaan Dhiigaan Dhufa!

IUOf!!!

ODUU AMMEE (Breaking News)

Goojjammoonni Oomisha Shankoora Warshaa Sukkaara Finca’aatti Ibbidda keesse.

Humni Shiftaa PP Mana ilmaan Oromoo gubuu itti fufte.

Amaarrii Goojjam fedhii Oromiyaa saamuufi dhuunfachuu qaban karaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaartee Jaardagaa fi Aanaa Abbay Coomman jedhaman Laga Abbayyaan ce’anii daangaa Oromiyaa seenuun oomisha Shankora Fincaa’aatti ibidda kaahuun baramee jira.

Haaluma kanaan, Guyyaa Har’aa 08/12/2020 ganama irraa kaasee ibiddi humna badii Goojjameen karaalee (sites) Nashe 3 fi Nashee 4 jedhamanii beekamanitti qabsiifame hanaga gabaasni Kun qindaahutti gubaa jiraachuutu beekameera. Uummanni saayitoota kana irra jiranis dhaamsuuf yaalii ijibbaataa taasisanis humna isaanii ol waan ta’eef gara bulchiinsa Warshichaatti ol iyyataniiru. Haata’u malee Manajerri olaanaan Warshichaa Sababa “Ati Shanee deeggarta” jedhamuun hidhameef hanga yoonaa Gama humna Shiftaa ‘ani mootummaa dha’ ofiin jettuu deebiin argamehanga yoonaa akka hin jirre hibatameera.

Gama biraan humni shiftaa PP Mana maatii qabsaa’otaa gubuu itti fufteetti.

Guyyuma har’aa 08/12/2020 Mana Obbo Taakkalaa Kitilaa kan Aanaa Jaartee Jaardagaa ganda Diimaa Jokkee bakka addaa Funyaan bokkuu jedhamutti argamu, sababa obboleessi isaa miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’eef gubdee jirti. Kana malees haadha manaa Obbo Taakkalaa Kitilaa qabdee dararaa kan jirtu ta’uus barameera.
Obbo Taakkalaa Kitilaa nama nagaa dafqee lafa qotatee maatii isaa jiraachifatu yoo ta’u, badiin isaa obboleessi isaa J Fayyeeraa Kitilaa miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’uu isaati.

Jaal Fayyeeraa Kitilaa qabsaa’aa gameessaafi nama bara mootummaa Wayyaanee murtiin umrii guutuu itti darbee manneen hidhaa Maa’ikelaawwiifi Qaallittiitti dararamaa ture dha.

Maatii qabsaa’otaa ajjeesuufi Mana isaanii gubuun mallattoo humna Shiftaa Abiyyi yommu ta’u mallattoo abdii kutannati!
Humni Shiftaa Kun gatiishee bakka jirtutti argachaa kan jirtu yoo ta’u, Isa dhumaaf Oromiyaa keessaa haxoofnee baasuun dhihootti ta’a!
IUOf!

Injifannoo WBO

Injifannoo WBO Zoonii lixaa Cibraa Odaa Bulluq !

WBOn Zoonii Lixaa Cibraan Odaa Bulluq Humni addaa Sulula Fincaa’aa tarkaanfii guyyaa har’aa 07/12/2020 amma galgala kana sa’aa 1:05 irratti humna diinaa 3F tokkoon Keellaa Warshaa Shukkaaraa Sulula Fincaa’aa irraa gara magaalaatti Baatuutti galuuf deemtu irratti fudhateen injifannoo ajaa’ibaa galmeessisee jira.

Haaluma kanaan Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa humna diinaa 3F tokko irra nama 15n tatee jirtu guutumma guutuuti barbaadeesuun konkolaachisaa 3F Sanaa nama Tasfaayee jedhamu madoon adabuun gumaa Qeerroo lama kaleessa Guduruutti humna Shiftaa kanaan ajjefamanii dachaa dachaan baasee jira.

Gumaa ilmaan Oromoo baasuun itti fufa!
Bilisummaan dhiigaa keenyaan dhufa!
IUOf!

Lolaa mootiin hin argamne kan kaaba impaayera Itoophiyaatti eegalamee gidduu sabaaf sablammiin seenuu hin qabaan

Lollii Teediroosiif yohannis akka xumurameen miniliik darbee Oromoyaa weeraruu eegalee, osoo kaabatti minilikiif Yohannis wal diddaa agarsiisaa turanii garuu oromiyaa waliif qabuun waloon duula irratti banaan. Kanaanis dursanii osoo lollii minilikiif yohannis hin xumuramiin dura Yohannis horroo guduruu yoo weeraree qabatuu minilik immoo abbichuuf jiddaan weeraraan qabatee.

Ammaas lolli yeroo kana kaaba itoophiyaatti adeemaa jiru kun osoo hin xumuraminiyyuu humni waldorgomaan lama oromiyaa irratti olaantummaa agarsiisuuf waldhabaa jiru. Lollii kun kan abbaan injifate Oromoo irratti aangoo isaa muldhisuudha. Walaloon asii gadii kuniis kana muldhisaa.

Ilmi oromoo tokkolleen lola kana keessa seenuun oromiyaa cabsuuf tumsa kennuu hin qabu. Inumaa oromiyaa dhuunfachuf qofaa oromoon hiriiruu qaba.

Cibraa Odaa bulluuq!!✊

Injifannoo WBO zoonii Lixaa Cibraa Odaa Bulluq! (Sadasaa 06, 2020)

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo guyyaa har’aa Sadaasa 06, 2020 Lola humna Shiftaa Abiyyi bobbaase waliin gaggeesseen injifannoo galmeessiseera.

Haaluma kanaan Humna Shiftaa Abiyyi kan uummata dararuuf 80 taatee bobbaatee WBOtti dhaqte irratti tarkaanfii laalessaa WBOn Cibraa Odaa Bulluq Buttaan Eebantuu Muraasni Gaara Weennii Aanaa Haroo Limmuu Magaalaa Gabaa Ayyaanaa Ganda Uuchaa jedhamutti fudhateen 4 battalumatti yommuu ajjeesu 5 madoo dandammii hin qabneen adabee gara dhuftetti deebiseera.

Diina Oromoo darartu Oromiyaa keessaa baasuun hanga bilisummaatti itti fufa!
IUOf!

Galiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo Oromiyaa walabaa ijaruudha!

Qaamni Impaayera Itoophiyaa Tiksee Boritti Tarkaanfachiisuuf Carraaqu Joobira Walabummaa Oromiyaan Butamee Dhabama Ta’a!
Mudde 6, 2020.

Jaal. Birmaddummaa-tiin.

Biyya keenya Oromiyaa impaayeraan liqimfamtee jirtu walaba baasuuf galaana impaayeraa gogsuun fardiidha. Galaanni impaayera kun yeroo ammaa kanatti raafama guddaa keessa seenee hundeen urgufamaa jira, Yeroonni gogee dhabama ta’us fagoo miti. Haala kana keessatti yaatota galaana ka ta’aan hedduun irraa dhaabbatanii galaanicha humna dhowwachuun madda galaanichaa dhabama taassisaa jiran.

Finxaaleyyiin leellistoota impaayera itoophiyaa martinuu gufuufi farreen mirga hiree murteeffannaa sabootaati. Akka ilaalcha finxaaleyyii impaayeraatti mirgi hiree murteeffannaa sabootaa; Biyya diiguu, Nageenya booressuufi shororkeessummaadha. Haatahu malee, Mirgi hiree murteeffannaa mirga uumaan uumamaan nama maraaf waan nama ta’eef kenneefidha. Saboonni dammaqiinsa qabaatuun waa’ee mirga hiree murteeffannaa ofii hubatan haga waan akeekan dhaqqabanitti gatii irraa barbaadamu kafaluu duuba hin jedhan. Kanaaf ammoo fagoo deemuu osoo hin taane asuma impaayera itoophiyaa keessattuu haqni kun addeessa caalee ifee mul’ata.

Warraaqsi Galaana Ummataa Itti Fufa ~ Walabummaa fi Bilisummaan Dhiigaan Dhufa!

IUOf.

PPn midhaan gargaarsa uummataaf deemu karaatti saamuu hojii godhatee jira

Gujii bahaa aanaa Gumii eldallootti midhaan gargaarsa uummataaf dhufee kaabineen PP waliigaluun tasaabii 3 gurguraa jedhanii shuferoota ajajuun uummata dhowwataan

Waggaa sadiif walitti fufiinsaan qabeenya uummataa gubuu, ooyiruu qotee bulaa daaressuuf barbadeessu irraatti kan fuulleeffatee PPn uummata beelessuun harka kennachiisuuf karoora baafate hojiitti hiikaa jira.

Haala kanaanis uummanni oromoo 50% ol wabii midhaan nyaataa dhabuun eeggattummaa jalaatti kufee jira. Midhaan nyaataa uummata beela’ee akka dhaqqabuuf deemaa turee konkolaataa wal harkisuu 3 karaatti ugguruun gurgursiisuun saamicha gaggeessaniiru. Akka maddeen keenya godiina gujii bahaa irraa nu dhaqqabeetti!

Injifannoo WBO

INJIFANNOO WBO ZOONII KIBBAA
Irree fi gaachannii Uummaata Oromoo WBOn Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa Ganda Roggichaa iddoo addaa Haroo adaamaa  jedhamutti Cibraan Madda Albuudaa Buttaa Malkaa Sooddaa loltuu mootummaa garboonfataa Toophiyaa maqaa WBO sakkaata’uuf bobba’ee gaafa guyaa 5/12/2020 guyyaa keessaa sa’aatii 8:00 irraatti tarkaanfii fudhateen lama(2) yoo ajjeesuu Saddet(8) madoon adabeera.
IUOf!!
Lolli hanga bilisummati.

Ajjeefamuu Jaal Galaanaa Immaanaan kan walqabatee

Dhimmi Ajjeefamuu Galaanaa Immaanaa Maaliif Dhoksamee Hafee?

• Galaanaa Immaanaa yakka hojjetee osoo hin taane, Sababa ilaalcha siyaasaaf Akka ajjeefamuuf kan murteessan dhalattoota Dirree Incinnii paartii mormituu fakkaatanii tika mootummaa ta’anii hojjechaa jiran Paartii ABO-gamtoomee jedhanii warra of waaman, General Hayiluu Gonfaatiin Ambo keessatti ijaaramanii Tokkummaa Qeerroo Amboo Ololaan diiguu basaasanii hiisisuuf caasaa tika Bilxiginnaa maqaa dhalattoota Waddeessaa jedhuun Hayiluu Dalasaa fi Guddataa Dinqaatiin sochii Qeerroo Amboo cabsuuf warra Abiy irraa dirqamni itti kennameen waan ajjeefameef hanga ammaatti reenfi Galaanaa Immaanaa akka dhokatu taasifamee jira. Uummanni Oromoo bal’aan hanga ammaatti dhimma ajjeefamee lagatti gatamuu Galaanaatiin wal qabatee gaaffii guddaa keessa kan jiran yoo ta’u, Galaanaa Immaanaa dabalatee namni kudhan (10)n mana hidhaa Amboo keessaa baafamanii akka ajjeefamanii jiran poolisoonni quuqama oromummaa qaban heeruu nuuf kennanii jiru.

Dhumarratti dhaamsin Ani uummata Amboo fi Naannoo isheetiif dabarsuu barbaadu maatiin hidhamtoota siyaasaa yeroo yeroon ijoollee ykn nama isin duraa hidhamee jiru akka hordoftan jechuun barbaada. Gumaa qabsaa’ota keenyaa ni baafna.

Create your website with WordPress.com
Get started