Lubbuun Jiraannee Waan Hawwinuuf Arguu Feenu Arguuf Jalqaba Nagaan Jiraachuun Murteessaadha!”(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO-WBO)

“Impaayera tana keessatti Oromoon eenyummaa isaatiin balfamee dhiittaa mirga namoomaa fi sarbama dhala namaa kamirrattuu hin raawwatamne nurratti dalagamuun hanqatee, biyya abbaa isaa irraatti Oromoon namummaa mulqamuun jaarraa oliif dhiitamuu irra deddeebiin dubbataas, dhaga’aas as geenye. Sabni Oromoo akka sabaatti nagaa waan jaalatuuf nagaa faarsaa–ajjeefamaa, nagaa faarsaa–nagaa dhabaa as gahee. Kunis diinota innikkaa keenya biratti, akka sodaa fi gowwuummaatti ilaalalmuun inumaa obsaa fi kabajaa Oromoon nagaa fi mirga namoomaaf qabu tuffatuun, saba Oromootti roorrisuu aadaa kan godhatan dhufaa darbaan Mootummaa Impaayera Itoophiyaa ammas duula duguuggaa sanyii maqaa nama nyaataa Minilikiin moggaafameen Oromoo fi Oromiyaa irraatti weerara bananii jiru.

Oromoon akka sabaatti tuffatamuun, Qabsaa’onni Oromoo qaaliin, Aartistoota Oromoon qabu, Aartistoota dirna Oromoo nyaatu balfanii balaalleffataniif hayyootaa fi abboota Oromoo irratti duguuggaa labsuun sirni nyaate, Qabsaa’otaaf beektota Oromoof qaalii ta’an kumaan lakkaawaman sirni hidhuun ukkaamsee dararaa jiru, diina Oromoof Oromiyaa balleessuuf deemu tahuu beekuun murteessaadha. Manni hidhaa biyyaatti guutee mana baruumsaa mana ukkaamsaa taasisuun, waraanaf duula duguuggaa maqaa “Duula Miniliik” jedhuun nurraatti labsameen, walii galatti waggaa 150 keessatti roorroof dararaan akka miilanaa saba Oromoo muudatee hin beeku. Impaayericha keessaa beekaa fi hayyuun mana hidhaa keessa jiru kan Oromoo qofaadha. Kun ammoo jibba sirni biyyichaa Oromoof Oromummaaf qabu ifatti mullisa.

Balaa lolli fidee dhufu waan beekuuf sabni Oromoo waggoota baayyeef qe’ee isaa irraatti ofirraa ittisuu qofaatti fuulleffachuun cinaatti rakkoo Impaayera tana muudate karaa nagaan furuuf yaalaa turus, duulli Oromummaa balleessu warra dibbee waraanaa tumuun, dhiiga namaa dhangaalaasuu aadaa godhatee akka gootummaatti ittiin dhaadatuun Oromoon ajjeefamaa, buqqifamaa, godaansifamaa qe’ee isaa irraatti salphifamaa ture. Har’as wareegamni sabni Oromoo sirni diimokiraasiif haqaa; Abbaa Biyyummaa isaa raggaasifatuuf taasise dhiibamuun Oromoo diinummaan farrajuun gareen Impaayera dulloomtuutti umurii dheeressuuf deeman Oromoo irraatti lola sanyummaa labsuun ifaan nutti bobba’anii jiru. Nagaa buusuf nagaa jaalachuun ykn fedhiin gam-tokkee qofti gahaa akka hin taane lola amma impaayerattii kana keessatti tahaa jiru irraa ni hubaanna.

Kanaafis Uummanni Oromoo akka sabaatti diina daangaa kabajaaf mirga namuummaa darbuun Oromoorraa namummaa mulquun ajjeechaa jumlaa irraatti gaggeessaa, kaan humna qilleensaan haleellaa saba nagaa irraatti gaggeessu, kaan Ardaa-Jilaatti Jilaa Gadaa Michillee Abbootii Gadaaf haayyuu akkasumaas jaarrolii guutummaan duguuggaa irraatti gaggeessaa jiru kana yeroo dhumaaf akka sabaatti xumuruuf, yeroon itti “Warraaqsa Diddaa Weeraara Minilik” itti gaggeessinu ammadha. Kana malees barnoonni, jireenyi qananiin, waliin jireenyii fi hawaasummaan lafa nagaan jiru keessatti malee yoo nagaan hin jiraanne hunduu milkaa’uu hin danda’u. Nagaan dhufuu kan danda’u qaama farra nagaa tahuun dararaa, duguuggaa fi weerara nurraatti labsee kana sirnasaa hundeen buqqisuu qofaan tahuu hubachuun Oromoon akka of baraaruu qabu waamicha dhiheessina.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo ABO-WBO jala hiriiruun, ‘DUULA IMALA GARA FINFINNEE’ jedhu kan WBOn gaggeessaa jiru tumsuuf yeroon itti tarkaanfii lama of dura tarkaanfachuun diddaa duula Minilik kana irratti gahee Leencaa bahatu yeroon isaa amma. Kana malees yeroon itti Oromoon tarkaanfii boonsaa fudhachuun biyya isaa Oromiyaa fi eenyummaa isaa Oromummaa kabaachiisu amma tahuu hubachuu feesisa.

Kanaafis:

1) Mannii barnootaa lafa sirni PP (Bilxiginnaan) itti humnaan baraattoota waraanatti guuraa jirtu waan taheef, ilmaan Oromoo jumlaan mana barnootaa keessaa fedhii isaanii malee Afaan Qawween guuramuun gara dirreetti oofamaa jiru. Kana malees goleewwaan Oromiyaa danuu keessatti osoo manni barnootaa kaampii waraanaa tahuun, gar-tokkeen qaama keenyaa barnoota irraa dhiibamee jiruu sammuun ittiin baratan waan hin jirreef, akkasumaas barnoota barachuuf nagaan jiraachuun waan feesisuuf, barattoonni Oromoo qaama farraa nagaa tahee PP buqqisuuf fincila finiinsuun gaaffii mirgaa kaasuun murteessaadha.

2) Qe’een Oromoo kabajaa dhabuun daangan Oromiyaa cabfamee, lolli kallattii hundaan Oromiyaaf Oromoo irraatti Oromummaa balleessuuf osoo nurraatti adeemaa jiruu, sirni duguuggaa nurratti labse nagaan nuwaliin jiraachuu waan hin qabneef, akkasumas teessuma isaa Finfinnee godhachuun gareen wal ijaaree duula nutti banaa jiru adabamuu waan qabuuf, DAANDIWWAN OROMIYAA KEESSAA KAMIYYUU: DAANDII GURRAACHAS TA’EE, DAANDIIN CIRRACHAA; HOJII DHAABUU QABU. Kana malees karra Finfinnee shanaanin oomishni lafa Oromoo fi Oromiyaa irraa galu, ibsaaf bishaan dabalatee Finfinnee irraa ni citu. Akkasumaas nu ajjeesaa nu salphisaa konkolaatan kamillee, kan abbaa qabeenyaas ta’e, kan mootummaas ta’e, kan dhuunfaa biyya keenya Oromiyaa keessa darbuun hin dandaa’amu. Oomisha kamillee alattis hin baasan. Keessaas hin seensisaan.

3) Faajjiif mallattoo eenyummaa Oromoo kan ta’e bu’uura Oromummaa keenyaa sirna Gadaa fi Abbooti Gadaa Oromoo kanneen sirna duudhaaf bulchiinsaatti mataa Oromoo ta’aan irraatti duguuggaan gaggeeffamee Oromuummaa cabsuuf balleessuuf kan sagaanteeffameedha. Ajjeechaa jumlaa abboota keenyaan gaddama nutti dhaga’aamellee ibsachuu nu dhorkuun roorroo irraatti roorroo waan taateef, hanga sirni kuni buqqifamutti, qabeenyaan diinaa Oromiyaa keessa jiru kamillee sochii akka hin taasisne akeekkachisna.

4) Qabeenyaa keenya saamaa, haleellaa xiyyaaraa nurraatti gaggeessaa, daangaa Oromiyaa cabsaa waan jiraniif Oromoon bakka jiru maraa dalagaa sirna kanaa lakkisuun, sirna egeree Oromoof Oromiyaaf tahu kan ABO-WBOn ijaaraa jiru waliin hiriiruun dirqama.

5) Qaama qawween ajjeesee, doorsisee, gidirsee… waan fedhe godhuuf akka fedheen sigodhaa jedhuuf taaksii kaffaluun saanduuqa awwaalchaa bitachuu waan taheef, Gibirri kamillee akka hin kaffaalamne akeekna. Akkasumas qaamni sirna kana bakka bu’ee guurus tahee, kaffale walqixa yakkamaa tahuu hubaachiisna. Duguuginsi sanyii Oromoota Walloo irratti adeemsifamaa, finxaalessitoonni Sirna Minilik leellisan (Ilmaan Nafxanyaa) daangaa Oromiyaa seenuun; Giddu-gala Oromiyaa fi Wallaggaa keessatti uummata harka qullaa ( Civilians ) ta’an manaaf qabeenya isaanii barbadeessaa, mormaaf harka irraa ciraa; Sirni Shiftaa PP Abbootii Gadaa Karrayyuu hunda bakka tokkotti badii malee jumlaan osoo ajjeesuu kana arganii callisuun ajjeechaa sana tumsuun wal qixa.
Oromummaan eenyummaa ofiitiif falmatanii darbuun; dhaloota egereef bilisummaa, walabummaa, haqaaf walqixxummaa saaquudha malee; dibbee abbaan irree dhaanuun gara bubbiseetti jal’aachuu miti. Kanaafiyyuu biyya ofiitiif of kennuun yeroo sabni Oromoo akka sabaatti salphina nu muudate kana keessaa baanu amma ta’uu gad jabeessinee dhaamna.

Saboonni ollaa keenyaa hidhatanii qe’ee isaanii kabaachiifataa jiraachuu argaa jirra, kanaaf “Oromoonis akka sabaatti Waraana Bilisummaa Oromoo akeeka Oromiyaa bilisoomsuun; nagaa waaraa buusuf dhaabbatee falma hadhooftuu godhaa jiru waliin hiriiruun biyya isaa dhuunfachuun murteessaa tahuu” Ajajaa Olaanaan ABO-WBO ibsa isaa darbe keessatti gad jabeessee dhaameera. Nutis irra deebinee hojiitti hiikamiinsi ibsa sanaa yeroon isaa amma ta’uu mirkaneessina.

Dhuma irraatti:

Biyya keenya Oromiyaa irraatti abbaa taanee nagaa waaraa buusuun, daangaa keenya kabaachiifannee, wabii nageenya uummata keenya dhaabbachuun, akeeka keenya Kan yoomillee irraa hin maqnee tahuu hubaachiisaa, Qeerroon Bilisummaa Oromoo ABO-WBO; hooggansa isaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin ta’uun lola warri Itoophiyanistootaa Oromummaaf Oromoo balleessanii, Oromiyaa qircachuuf maqaa “Duula Minilikii”n Oromoo irraatti labsan kana qolachuuf yeroo kamillee caala qophii tahuuf gahuumsa itti qabaachuu ibsina.

Kanaafis, uuummanni Oromoo akka sabaatti waltahuun olka’ee yeroon itti diddaa isaa agarsiisuu qabu amma tahuu irraa deddeebii dhaamaa, guyyoota itti aanan fuuldura keenyaa kana keessatti Ajajaan Olaanaa ABO-WBO fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo ABO-WBO qabxiiwwan shanan olitti heeramaniif guyyaa uggurri kun kaa’amu/ hojiitti seenamu kan beeksisan ta’uu hubaachiisna!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO-WBO
Finfinnee Oromiyaa
Mudde 11, 2021

No Power under the Sun can stop the Oromo Struggle for Freedom!(OLF-OLA High Command Press Release)

The Oromo struggle for self-determination and emancipation of our people has a recognized
just cause and clear end goals without the attainment of which the movement shall not relent. While forming strategic and tactical alliances are an important component of achieving these objectives, the Oromo struggle has always relied primarily on the ingenuity and resources of its own sons and daughters. This is especially true now when the movement has reached new heights.

Cognizant of these facts, the fascistic ‘government’ of Abiy Ahmed is leaving no stone unturned to reverse our gains in the frontlines, and should that fail, to muddy up and conceal the achievements made by the Oromo Liberation Army in recent months. In an internal letter
addressed to its US-based mouthpiece, the Ethiopian Satellite Television and Radio (ESAT),
the regime’s Media Authority writes:
“You must not report about the areas retaken by the government from OLF-Shene because we
are planning to retake these areas through covert operations without telling the public that any of these places were under OLF- Shene’s control from the very beginning. Even if the
government retakes areas controlled by OLF-Shene reporting that the government liberated
areas from them would be recognizing that they have been in control of these areas. What is
expected from you to repeatedly report ‘OLF-Shene killed innocent civilians and they have
never taken control of a single Kebele.”

By so doing, the regime is trying to create an ‘alternative reality’ through eradicating almost all
other media voices and using its own media propaganda. We also have credible evidence that preparations are underway to deploy Abiy’s troops with artificial wigs to impersonate members of OLA to commit atrocities in an effort to distance OLA from the Oromo people while lending some credence to the ‘alternative reality being manufactured, and to stage a fake ‘home-coming’ of members of the liberation army to Finfinnes by parading its own ‘wig-wearing soldiers’ in front of its media outlets.

OLF-OLA would like to call upon the Oromo people to fight this misinformation and
disinformation propaganda campaign aimed at belittling the victories you have earned with the
blood and bones of your sons and daughters. We would also like to reiterate the call to our
people to fight Abiy Ahmed’s so-called ‘Menelik Campaign’ aimed at dismantling the state of
Oromia and the Oromo nation in every way you can. Finally, we remind members of the Oromia
Police and Special Forces to break away from the fascists and join your brothers in the Oromo
Liberation Army.

Victory to the Oromo people!
OLF-OLA High Command
December 10, 2021

ODUU INJIFANNOO WBO Z/KIBBAA K/GUJII BAHAA 3/12/2021

Cibraa odaa adoolaa duula bobbaa imala gara finfinnee jedhuun leenciichii bosona irreef gaachannii ummata oromoo wbon z/kibbaa k/gujii bahaa Aanaa gooroo doolaa ganda qaraaroo kaambii magaalaa badanaa keessati tarkaanfii gootichii bosona wbon zoonii kibbaa fudhate injifannoo addaa galmeessee jira

Loltuu nafxanyaa kaambicha keessaa ari’ee baasu danda’ee jira.Dibbee badanaas dhunfatee jira ummaticha magaalichaa barnoota barbaachisuu kenneefi jiraa. Itti fufuun Aanaa gooroo doola magaalaa haraqalloo sa’aatii wal fakkaata ta’eeti loola guddaa taasiseen humna addaa oromiyaa warraa ofiin jedhuu 4 ajj¢¢sun milishaa ykn dhitee kufaa 3 ajj¢¢sun 4 madeesse jiraa haaluma kanaan wal qabatee dhitee kufaan tokkoo immoo qawwee ofi baatun of rukutee du’aaf jireenya gidduu jiraa

Loolli ammaas ittii fufee jira ammaas itti fufaa hanga bilisummaaf walabummaa oromiyaati

IUOF

Oduu Injifannoo

Mudde 4/2021 Waraanni Bilisummaa Oromoo Zooni Kibbaa Cibraa Soddom Booroo Godina Gujii Bahaa Magaala Nageelle Boorana Dabalatee Iddoole gargaraatti Lukkeele diina Adabuun Injifannoo cululuqaa galmeessu Ajajaan Cibrichaa Beeksisee!

Abdiif Wanteen Saba Oromoo Cibraan Soddom Booroo Godina Gujii Bahaa Magaala Nageelle Boorana Dabalatee Iddoole gargaraatti Lukkeele diina Uummata Oromoo lafarraa duguuga turte irratti dhukaasa sa’aati 24:00 keesatti Iddoole gargaraatti diina irratti baneen 38 ijeesuun 41 madeesse Gumaa Ilmaan Oromootiif Gumaa Abbooti Gadaa Karrayyuu Baaseeraa!

Lola kana irratti Jalqabaaf Humna PPn Lafoota duraan keesa baqatte deebifte qabachuuf sochoote irratti Kan eegale To Ganda Mugaayyo halkan keesa sa’aati 01:00 irratti Magaala Nageelle Boorana Seenuun barraaqa sa’aati 11:00 hanga sa’aati 01:30tti Guutummaa magaalattii keesatti diina daaressaa Kan ture yota’u,Ganda Daarusalaamis barraaqa sa’aati 12:00 irratti Ganda #Dhakaaqallaas barraaqa sa’aati 11:30 irraa kaasee diina kokkee qabuun baqattuuf dabeeyyi PP ilaan waan jabduu maadeffatan garsiisaa tureeraa!

Iddoowwan kanneen keesatti miidhamni diina Kan armaan gadii fakkaata.

Nageellee Booranaa Dootii=27

Madoo=32

Mugaayoo Dooti=2
Madoo=4

Daarusalam Dooti=4
Madoo=2
Dhakaqallaa Dootii=5
Madoo=3n adabe.

Injifannoon_Uummata_Oromoof!

“Koreen Deggarsa WBO” Namoota 11 Of Keessaa Qabu Beekamtii WBO Hin Qabu!

Ibsa Ajaja olaanaa ABO-WBO

Qabsoon bilisummaa Oromoo ABO-WBOn hogganamu bifa haaraan ilmaan Oromoo goolee Oromiyaa hunda keessatti dammaqinaan ijaaramee qabsoo hidhannoo finiinsaa jirachuun ni beekama. Qabsoon bal’inaan ummata keenya hirmaachisee waraana cimaa fi biyya walaba ijaaruuf taasifamu immoo yeroo kamiyyuu caalaa tumsa diinagdee guddaa barbaada. Dhugaa kana hubachuun, ilmaan Oromoo biyya keessaa fi ala jiran ijaarsa gurmuu, tuutaa fi garee keessatti ijaaramanii gahee isaanii bahaachaa jiru.

Haa ta’u malee namootni qabsoo kana dura dhaabbachuu barbaadan ykn ergama diinaa qaban
olola fi odeessa dharaa facaasuun qabsoo finiinaa jiru gufachiisuuf dhama’aa jiraachuun mul’achaa jira. Qaama olola kanaa kan ta’e gareen tokko maqaa beektotaa fi akstiivistoota Oromoo dhimma bahuun Fuula FB Sadaasa 25, 2021 tolfameen akka “Koree Deggarsa
WBO” ta’eetti facaafame.

Koreeen jedhamu kun, miseensota maqaa dhahaman birattis ta’e ABO-WBO biratti beekkamtii homaa kan hin qabnee fi deggarsa WBOf karaa seera qabeessaan walitti qabamu danquuf kan as bahee ta’uu isin yaadachiisaa, ummanni keenyi deeggarsa WBOf gumaachitan
mara qaama WBO waliin sududaan quunnamtii qabu irraan ta’uu isaa akka mirkaneeffattan
beeksifna.

Gumaachi keessanis karaa ajajoota ol’aanoo ABO-WBO ykn qaama isaan bakka buufatan irraan dirree dhaqabuu isaa akka mirkaneeffattan hubachiifna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Sadaasa 29, 2021

Gadda Onnee Nama cabsu.

Ummata Oromoo ajjeesuu, saamuu, qe’ee isaa abiddaan daaressee hiyyoomsuun jilbeeffachiisuu imaammata jedhu kan hordofu sirni faashistii Abiy Ahmed’n durfamu waraana daangaa Sudaan irraa gara Walloo fi gidduu Gala Oromiyaatti guuruudhaan guyyaa dheengadda sadaasa 09 2021 Aanaa Ada’aa Bargaa Gandoota sadii keessatti manneen ummataa gubaa ooluun qabeenyi ummataa lukkuun otoo hin hafiin saamaa ooleera.

Gandootni Dhakkuu Qarsaa fi Tulluu Lammii guutummaatti manneen jireenyaa isaanii ibiddaan daareffamaniiru qabeenyi horatanis lukkuun otoo hin hafiin saamamaniiru.

Kanneen manni isaanii gubatee fi qabeenyi isaanii saamame muraasni:
1, Warqituu Badhaasaa mana lama (2) gubanii loon hunda saamanii deeman.
2, Raggaasaa Birrishoo mana gubanii lukkuu 17 saamaniiru.
3, Eebbisaa Isheetuu mana lama gubanii loon hunda saamani.
4, Isheetuu Gonfaa mana sadii gubanii loon hunda saamaniiru.
5, Bookii Isheetuu mana tokko gubanii lukkuu 10 saamaniiru.
6, Birqoo Tolasaa mana tokko jalaa gubanii lukkuu 10 saamaniiru.
7, Ajjamaa Tolasaa mana lama jalaa gubanii loon hunda jalaa saamaniiru.
8, Tolasaa Ajjamaa mana tokko gubuun lukkuu 23 saamaniiru.
9, Mokonnin Dhaqqabaa mana sadii jalaa gubuun loon hunda saamaniiru.
10, Abarraa Badhaadhaa mana tokko gubanii loon hunda saamaniiru.
11, Faranjii Badhaadhaa mana lama loon hunda saamaniiru.
12, Gaaddisaa Hundee mana lamaa gubanii loon hunda saamaniiru.
13, Badhaadhaa Gurraachaa mana tokko gubaniiru.
14, Saxxuu Diroo mana lama gubuun jabbii afurii fi lukkuu 25 saamaniiru.
15, Ashabbuu Badhaadhaa mana 2 gubuun loon hunda saamaniiru.
16, Girmaa Addunnaa mana 1 gubanii lukkuu 15 saamaniiru.
17, Addunnaa Badhaasaa manni 1 jalaa gubateera.
18, Abarraa Badhaadhaa manni 1 jalaa gubatee sangoota 3 fi re’ee 5 saamameera.
19, Faranjii Badhaadhaa manni 2 jalaa gubatee jabbii 3 fi lukkuu 10 saamameera.
20, Gaaddisaa Hundee mana 2 gubanii lukkuu 20 fi jabbii 3 saamaniiru.
21, Bakkalcha mana 2 gubanii lukkuu 5 saamaniiru.
22, Takiluu Daadhii loon 20,Hoolaa 18 fi re’ee 15 saamaniiru.
23, Shaashoo Bayyanaa mana lama gubanii lukkuu 15 Saamaniiru.
24, Booressaa mana lama gubanii re’ee 6 fi loon loon lama saamaniiru.

kanneen armaan olitti maqaan isaanii tuqame muraasa yommuu ta’u sirni faashistii kufuuf guyyoota lakkaawwachaa jiru kun gochaa gara jabeenyaa fi sukaneessaa amanuuf nama rakkisu Ummata Oromoo irratti raawwachaa jiru kufaatii isaa daran ariifachiisaa akka jiru beekuu qaba.

WBOn zoonii gidduu gala Kaaba lixa shaggaar duula “imala gara Finfinnee’ jedhuun bobbaa torbee kana taasiseen onoota Baadiyyaaf magaalaa hedduu Kaaba shaggaar, lixaa shaggariif G/A/O/N Finfinnee’ danuu to’aachuun Injifannoo boonsaa galmeessera!

Oduu dirree Lolaa!sadaasa 06 2021

Irreef Gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu gala Oromiyaa Kaaba lixaa Shaggaar gaafa guyyaa 02 fi 03 2021 Kaaba shaggaar onoota Akka Hidhabuu Abootee gandoota baadiyyaa guututti dhuunfachuun harcaatoota humna diinaa PP jedhaamtu aangorratti tiksuuf deeman adabuun Qawwee AKM 101 irraa hiikuun galii qabsoo Bilisummaa Oromoof taasiseera. duula kanaanis magaaloota aanaa irraa Kan hafee gandoota baadiyyaa guutumaan guututti dhuunfachuun magaaloota xixxiiqoo onoota kana keessatti argamaan kanneen akka Kiroo tohannoo isaa jala oopcheera.
Bifuuma walfakkaatuun Godiinuma kana Aanaa kuyyuutti tarkaanfii laalessaa harcoota diinaa irratti fudhateen Lukkeelee diinaa qulqulleessuun gandoota ona kuyyuu guutun guututti dhuunfateera. injifannoo boonsa duula imala gara Finfinnee’ jedhu kanaan gaggeeffameenis magaalaa Garba Gurraacha irraa Kan hafee guutummaan aanaa kuyyuu to’aannoo WBO jalaatti kuftee jirtii.
Gootichi irreef gaachanni uummata Oromoo WBOn Kaaba lixa Shaggaar torbeedhuma kana keessa warra jaarsottis bifa walfakkaatuun tarkaanfii harcaatoota diina funaanuu gaggeessen Magaalaa warra jaarsoo Qarree taa’aa irraa Kan hafee guutummaa aanaa kanaa dhuunfateera.
Ittii dabaluun aanaa Darraattis duula kanaan tarkaanfii WBOn fudhateen gandoota baadiyyaa guututti dhuunfachuun meeshaalee waraabbii ergamtoonnif lukkeelen koloneel abiyyi ittin uummata nagaa dararaaf mankaraarsa turaan irraa hiikuun galii qabsoo Bilisummaa Oromoof oopcheera.
torbee kana qofa duula imala gara Finfinnee’ jedhu jalaatti bobbaa bal’aa onoota hedduu uwwiise gaggeessuun, Godiina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee’ Aanaa Darbaa magaala keenteriitti tarkaanfii fudhateen AkM 2 diina irraa hiikeera!
akkasumaas lixa Shaggaar Ona meettaa Roobititti tarkaanfii haleellaa ganda Burrusii dullaatti WBOn Kaaba lixa Shaggaar gaggeessen Ona kana qofa irraa Qawwee Akm 23 diina irraa hiikuun magaalaa aanichaa shinoo irraa Kan hafee aanicha guututti dhuunfatuun diina keessa baaseera!
Godiinuma kanaatti aanaa Ada’aa bargaatti torbee dabarsinee kana WBOn Lukkeelee diinaa adabuun Qawwee AKM 4 diina irraa hiikuun Injifannoo boonsaa galmeessu itti fufeera.
Itti fufuun WBOn Kaaba lixa Shaggaar aanaa meettaa walqixxeetti sadaasa 04 2021 irraa bobbaa imala gara Finfinnee’ jedhu jalaatti duula taasiseen aanaa kana keessaa gandoota adda addaa irraa Lukkeelee diinaa adabuun Qawwee AKM 11 hiikuun galii qabsoo Bilisummaa Oromoof Kan oolche Yoo tahuu magaalaa aanicha Eelaa irraa Kan hafee gandoonni onichaa guututti to’aannoo WBO jalaatti deebi’aniiru!
Dabalataanis lixa Shaggaar aanaa Abuunaa gindibaraat keessatti bobbaa bal’aa WBOn Kaaba lixa Shaggaar taasiseen magaalaa Abuunaa irraa kan hafee guutun guututti gandoota onichaa WBO jalaatti deebi’aniiru!.

Bifuuma walfakkaatuun sadaasa 06 2021 Irreef gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Kaaba lixa Shaggaar giddu galeessa Oromiyaa aanaa Ada’aa bargaatti tarkaanfii ganama kana sa’aa 3:00tti warshaa simiintoo darbaaf mogoor gidduutti konkolaataa patroolii waraana diinaa haleelun daaressee qawwee AKM7 irraa hiikuun Ajajaa poolisii diinaa tokko harkaan qabuun booji’eera! waraana diinaa konkolaataa waliin jiraanis guututti daaraa taasifamanii jiruu!
Itti fufuunis guyyaa kalee galgalaa kaasee hanga har’aa(sad 06/2021tti) WBOn Kaaba lixa Shaggaar aanaa Hidhabuu/Abootee gandoota adda addaa kanneen akka ganda Dhangaggoo, Amadoo Areeroo, machaaraa fikkf dhuunfachuudhan bobbaa diina qulqulleessuu taasiseen Qawwee akm 45 akkasumaas faalii 4 meeshaalee garagaraa SKS, mintoovii fi Kkf dabalatee 57 WBOn Kaaba lixa Shaggaar moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godheera. walumaagalaatti guyyaa lamaan kanaatti qofaa hidhabuu Abooterraa meeshaalee garaagaraa 106 hiikuun Injifannoo boonsaa galmeessera!
Haleellaan imala gara Finfinnee’ WBOn eegalee kun jabinaan Kan itti fufuu tahuu akkasumaas haleellaan diina innikaa irratti fudhatamuu hanga xumuraatti Kan itti fufuu tahuu hubachiisna. Bobbaa duula imala gara Finfinnee’ jedhuun sochii Oromiyaa dhuunfachuun gara handhuura Oromiyaa Finfinneetti imala WBOn taasisaa jiruu, humna, yeroo, diinagdeef yaadan uummanni Oromoo bal’aan Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka waliin dhaabbattan waamicha dhiheessina. Qe’ee ofii irraatti nagaaf tasgabbii buusuf eenyuyyuu gaafatama Kan qabuuf dirqama lammii tokkoo tahuu beekuun ilmaan Oromoo dandeettii qabdaniin koree Bulchiinsaaf bilisummaa yeroo jalaatti gahee keessan bahaachuun Akka uummata Oromoof gaachana taatan Ajaja olaanaan ABO-WBOn waamicha isiniif dhiheessaleera
Injifannoon Uummata Oromoof!

Afaanfajjii Keessaa Bahuun Qabsoo Ofii Finiinsuun Yeroon Isaa Amma!(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

ABO-WBOn Kora Guddaa ABO magaalaa Gimbii jalatti Adoolessa, 2021 gaggeesse ilaalchisee ibsa Adoolessa 25, 2021 baaseen ABO jaarmayaa kaayyoo fi akeeka ifaa qabu akka ta’ee fi warri kaayyoo ABO lagatanii maqaa ABOn daldalan akka gochaa isaanii irraa of qusatan dhaamsa dabarsee ture. Maqaan ABOs namootii dhuunfaa fi murnooti kaayyoo ABO lagatanii diina jala fiigaa, nutu ABO dha, jedhanii maqaa ABO akka itti dhimma hin baane daangaa itti tolchuu uummata Oromoo hubachiisee ture. ABOn dhaaba tokkicha kan waraana bilisummaa Oromoo of jalatti goblaa godhatee fi jaarmiyaa akeekaa fi kaayyoo qabsoo bilisummaa, walabummaa fi birmadummaa Oromiyaa afaan qawween kabachiisuuf falmaa hadhooftuu gochaa jiru qofaa tahuus uummanni Oromoo akka hubatu korri ABO-WBOn gaggeeffame waamicha dabarsee ture.

Haa ta’uutii, diinnii fi farreen qabsoo bilisummaa Oromoo faallaa ibsa ABO-WBO dhaabbachuun miidiyaalee diinaa kanneen akka ‘prime media’, ‘faanaa’ fi ‘OBN’ jedhaman irratti bahanii ABO irratti olola gaggeessaa turan. Qajeelaa Mardaasaa, Ibsaa Nagawo, Toleeraa Adabaa, Atomsaa Kumsaa fi fakkaattooti warraa ABO-WBO mormuun summii facaasaa turuun ni yaadatama. Ammas tumsa ABO-WBOn humnoota cunqurfamoo waliin tolfatee Abiy Ahimed bakkaa kaasuuf hojjechaa jiran mormuun ajandaa olola isaanii tolfachuun afaanfajjii uumuuf tattaafachaa jiru. Olola kijibaa Oromoon Walloo fi TPLF wal rukutaa jiru jedhanii akka loltuun PP haamlee argatuuf hololaa jiraniis, kijibaa bu’uura hin qabne akka ta’e hubachiisna. Lola Oromoon fi humnooti cunqurfamoo mirga abbaa biyyummaa isaanii tikfachuuf gaggeessaa jiran lola gatii hin qabne ‘senseless war’ jechuun ibsa baasuun wareegama jaallan baasaa jiranitti qoosuu irra darbee akka uummati Oromoo jilbeeffatu shira dalaguu irra adda baasnee hin ilaallu.

Waan ta’eef, qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf yeroo qabsoon hidhannoo murteessaa ta’e keessatti, qaamni murtii kennuu dandahu, qaamuma qabsoo hidhannoo keessa qaamaan jiruudha malee kan qabsoo hidhannoo balaaleffataa jiru akka hin taane ifaa galaa dha. Qabsoo hidhannoo lagannee jirra jechaa, qabsoo hidhannoo balaaleffataa fi ibsa itti baasaa, injifannoo wareegama qabsoo hidhannootiin argamaa jiru saamuuf nutu biyya tasgabbeessa, WBOn nu jala jira, yoo nuti aangoo arganne WBO Humna Addaa Oromiyaatti daballa jedhanii Faranjiitti kijibaa jiraachuun mataa tokko keessaa arraaba lama baasuu akka ta’ees uummati keenyi akka hubatu barbaadna. Oromoon kan qabsoo hidhannootti seene, mirga of ittisuu qabu itti dhimma bahee mirga isaa kabachiisuuf akka ta’e uummati keenyii fi hawaasni idil-addunyaa akka nuuf hubatu barbaadna.
Warri kaleessa karaa nagaa qabsoofna jedhanii Oromoo Qawwee hikachiisaa turan, haga ammaattis qawwee Oromoo irraa hiiksisuuf harka lafa jalaan dhama’aa jiran, ilmaan Oromoo dirree jiran akka wal dura dhaabbatan shira gaggeessaa jiran marti akka PP waliin hojjechaa jiran shakkiin hin jiru.

Haala siyaasaa amma deemaa jiru, dhimma tumsa humnoota Federaalaa fi Konfederaalaa jedhamus ilaalchisee kan ibsaa fi odeeffannoo kennuu dandahu abbaa dhimmichaa ABO-WBO dha malee qaama activist ykn qaama maqaa ABOdhaan daldalu akka hin taane uummati keenyi akka hubatu barbaadna. Jaarmiyaaleen siyaasaas tahee uummanni Oromoo bal’aan haga diinni Oromoo bakkaa ka’uutti diina bakkaa kaasuu irratti akka fuulleffannu wal gorsuu qabna. ABO-WBOn dhimma Oromoo, Oromiyaaf mirga Abbaa biyyummaa uummata Oromoo kabachiisuu irraatti eenyuniyyuu Kan mariitti hin seenne tahuus hubaachiisa hololoonni tumsa saboota cunqurfamoo waliin ABO-WBOn taasise busheessuuf oofamaa jiruu shira bilxiginnaaf umurii Boruuf godhamuuf murnoota dantaan jalaa uggurameen oofamaa jiruu tahuu hubaachisna!

ABOn dhaaba of danda’ee murtee siyaasaa fi waraanaa kennuu danda’uu, dhaaba sirna, heera fi seera of dandahe qabu, kan kora sirnaawaa gaggeessuun hoggaana isaa of keessaa filatee waan ta’eef, olola fi afaanfajjii ergamtooti diinaa uumuuf tattaafatan kanaaf uummati keenyi osoo gurra hin kenniin, sirna nama nyaataa PP bakkaa kaasuuf falmaa isaa itti fufuun, ‘duula imala gara Finfinnee’ labsame milkeessuuf WBO waliin hiriiruun falmaa eegalame jabeessee akka finiinsu ajajaan ol’aanaa ABO-WBO qajeelcha.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka jaarmiyaa sochii dargaggootaa Oromootti ibsa fulbaana 29, 2021 baaseen akka qajeelfama Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO irraa fudhatee murannoon sosso’uf murteen ibsa isaaniin eeramee kan deeggaramu ta’uu ajajaan ol’aanaa ABO-WBO mirkaneessa. Qeerroon Bilisummaa Oromoos qaama jaarmiyaa ABO-WBO tahuun fi dirqama seenaa qabsoon irra kaahe akka jabinaa fi si’aaninaan bahatu dhaamaa, Qeerroon Bilisummaa Oromoo qajeelfama Ajaja ol’aanaa ABO-WBO irraa bahuu irratti hundaa’uun Koree Bulchiinsaaf Bilisummaa jalatti ijaaramee, maadhee diinaa diigaa, hoggaanoota WBO Zooniilee irraa qajeelfama fudhachaa gahee haqaa fi nagaa uummata kabachiisuu keessatti qooda ol’aanaa fudhatu waamicha dhiheessina.

Yeroo diinni ilmaan Oromoo Walloo xiyyaaraan fixaa jiru keessatti, loltuu konkoolaataa dhibbootaan lakkaahamu itti guuree lola sanyii duguuggaa irratti gaggeessaa jiru keessatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Oromiyaa mara keessa jiru, Warraaqsi uummataa kaasuun saffisaan hojii isaa warraaqsaa jabeessee itti fufus ajajaan ol’aanaa ABO-WBO dhaama. Hawaasni idil addunyaas haleellaa Xiyyaaraa ilmaan Oromoo Walloo, Caffaa Roobiitti gaggeeffame akka balaaleffatu, namootaa fi qaama sanyii dugguggaa ajajaanii fi raawwatan hundas mana murtii idil addunyaatti akka dhiheessan gaafanna.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Sadaasa 6, 2021

The frustrated Abiy Ahmed lead Ethiopia regime continue attacking the innocent civilian villages

Heart breaking news
starting from yesterday 8:00 local time to still today Abiy Ahmed regime has launchde airstrike on Wallo Oromos areas like Caffaa roobit city of artuma fursi district. only yesterday above 32 children’s aged 4-17 years died and above 27 people’s where heavily injured by the horrific banditary measures of the Ethiopia regime. the air strike is commited in middle of town Infront of commercial bank. As eye witness talks to Oromia national media there is a repeatedly air strike hit Wallo zones which caused to destruction of property and injuries starting from yesterday mid day Nov 4 2021.
The Amhara extremist armed group and the regime military wing is waged a war again on Wallo Oromos on areas like Artuma furse district like areas qallo, cirratti and udanee by heavy machinery gun including beating dwellers village. and the air strike measures is taken after the regime military leave the area, this shows Abiy Ahmad Ali’s hate and anti Oromos principle to displace Oromos from his own land.

Today morning means November 5 2021
starting from early 11:00 local time to still now there is a heavy and fierce fighting b/n OLA and Ethiopian fascist regime leaded by Abiy Ahmed Ali on Caffaa Qorii area. The frustrated Ethiopian regime deploye his force above 200 military car supported by air force.
what ever the empire commits atrocious crime and attack on Oromo peoples we lead forward to controll Finfinnee’, nothing can’t stop us from the journey to finfinnee operation
OLA is advancing on all fronts face with the enemy force.

Finfinneetti Sababa Hin Beekamneen Barattoonni Summeeffamuun Dhagaa’ame[SQ ABO-WBO Onk. 29/2021]

Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Nifaas Silk Laaftoo jedhamutti, barattoota mana barumsaa Afaan Oromoo Haannaa-maariyaam sad. 1ffaa ganama har’aa ciree irratti nyaanni summiin makame nyaachifamuu fi sanumaanis barattoonni heedduun miidhaaf saaxilamuu odeessi arganne ni mul’isa. Ta’us sababnii fi qaamni gochaa akkasii barattoota kana irratti raawwatee hanga ammaatti waanti beekame hin jiru.

Kabajamoo hordoftoota SQ odeessa kana guutuu akkuma arganneen kan isin dhaqqabsiisnu ta’a!
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO-WBO

Design a site like this with WordPress.com
Get started