Afaanfajjii Keessaa Bahuun Qabsoo Ofii Finiinsuun Yeroon Isaa Amma!(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

ABO-WBOn Kora Guddaa ABO magaalaa Gimbii jalatti Adoolessa, 2021 gaggeesse ilaalchisee ibsa Adoolessa 25, 2021 baaseen ABO jaarmayaa kaayyoo fi akeeka ifaa qabu akka ta’ee fi warri kaayyoo ABO lagatanii maqaa ABOn daldalan akka gochaa isaanii irraa of qusatan dhaamsa dabarsee ture. Maqaan ABOs namootii dhuunfaa fi murnooti kaayyoo ABO lagatanii diina jala fiigaa, nutu ABO dha, jedhanii maqaa ABO akka itti dhimma hin baane daangaa itti tolchuu uummata Oromoo hubachiisee ture. ABOn dhaaba tokkicha kan waraana bilisummaa Oromoo of jalatti goblaa godhatee fi jaarmiyaa akeekaa fi kaayyoo qabsoo bilisummaa, walabummaa fi birmadummaa Oromiyaa afaan qawween kabachiisuuf falmaa hadhooftuu gochaa jiru qofaa tahuus uummanni Oromoo akka hubatu korri ABO-WBOn gaggeeffame waamicha dabarsee ture.

Haa ta’uutii, diinnii fi farreen qabsoo bilisummaa Oromoo faallaa ibsa ABO-WBO dhaabbachuun miidiyaalee diinaa kanneen akka ‘prime media’, ‘faanaa’ fi ‘OBN’ jedhaman irratti bahanii ABO irratti olola gaggeessaa turan. Qajeelaa Mardaasaa, Ibsaa Nagawo, Toleeraa Adabaa, Atomsaa Kumsaa fi fakkaattooti warraa ABO-WBO mormuun summii facaasaa turuun ni yaadatama. Ammas tumsa ABO-WBOn humnoota cunqurfamoo waliin tolfatee Abiy Ahimed bakkaa kaasuuf hojjechaa jiran mormuun ajandaa olola isaanii tolfachuun afaanfajjii uumuuf tattaafachaa jiru. Olola kijibaa Oromoon Walloo fi TPLF wal rukutaa jiru jedhanii akka loltuun PP haamlee argatuuf hololaa jiraniis, kijibaa bu’uura hin qabne akka ta’e hubachiisna. Lola Oromoon fi humnooti cunqurfamoo mirga abbaa biyyummaa isaanii tikfachuuf gaggeessaa jiran lola gatii hin qabne ‘senseless war’ jechuun ibsa baasuun wareegama jaallan baasaa jiranitti qoosuu irra darbee akka uummati Oromoo jilbeeffatu shira dalaguu irra adda baasnee hin ilaallu.

Waan ta’eef, qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf yeroo qabsoon hidhannoo murteessaa ta’e keessatti, qaamni murtii kennuu dandahu, qaamuma qabsoo hidhannoo keessa qaamaan jiruudha malee kan qabsoo hidhannoo balaaleffataa jiru akka hin taane ifaa galaa dha. Qabsoo hidhannoo lagannee jirra jechaa, qabsoo hidhannoo balaaleffataa fi ibsa itti baasaa, injifannoo wareegama qabsoo hidhannootiin argamaa jiru saamuuf nutu biyya tasgabbeessa, WBOn nu jala jira, yoo nuti aangoo arganne WBO Humna Addaa Oromiyaatti daballa jedhanii Faranjiitti kijibaa jiraachuun mataa tokko keessaa arraaba lama baasuu akka ta’ees uummati keenyi akka hubatu barbaadna. Oromoon kan qabsoo hidhannootti seene, mirga of ittisuu qabu itti dhimma bahee mirga isaa kabachiisuuf akka ta’e uummati keenyii fi hawaasni idil-addunyaa akka nuuf hubatu barbaadna.
Warri kaleessa karaa nagaa qabsoofna jedhanii Oromoo Qawwee hikachiisaa turan, haga ammaattis qawwee Oromoo irraa hiiksisuuf harka lafa jalaan dhama’aa jiran, ilmaan Oromoo dirree jiran akka wal dura dhaabbatan shira gaggeessaa jiran marti akka PP waliin hojjechaa jiran shakkiin hin jiru.

Haala siyaasaa amma deemaa jiru, dhimma tumsa humnoota Federaalaa fi Konfederaalaa jedhamus ilaalchisee kan ibsaa fi odeeffannoo kennuu dandahu abbaa dhimmichaa ABO-WBO dha malee qaama activist ykn qaama maqaa ABOdhaan daldalu akka hin taane uummati keenyi akka hubatu barbaadna. Jaarmiyaaleen siyaasaas tahee uummanni Oromoo bal’aan haga diinni Oromoo bakkaa ka’uutti diina bakkaa kaasuu irratti akka fuulleffannu wal gorsuu qabna. ABO-WBOn dhimma Oromoo, Oromiyaaf mirga Abbaa biyyummaa uummata Oromoo kabachiisuu irraatti eenyuniyyuu Kan mariitti hin seenne tahuus hubaachiisa hololoonni tumsa saboota cunqurfamoo waliin ABO-WBOn taasise busheessuuf oofamaa jiruu shira bilxiginnaaf umurii Boruuf godhamuuf murnoota dantaan jalaa uggurameen oofamaa jiruu tahuu hubaachisna!

ABOn dhaaba of danda’ee murtee siyaasaa fi waraanaa kennuu danda’uu, dhaaba sirna, heera fi seera of dandahe qabu, kan kora sirnaawaa gaggeessuun hoggaana isaa of keessaa filatee waan ta’eef, olola fi afaanfajjii ergamtooti diinaa uumuuf tattaafatan kanaaf uummati keenyi osoo gurra hin kenniin, sirna nama nyaataa PP bakkaa kaasuuf falmaa isaa itti fufuun, ‘duula imala gara Finfinnee’ labsame milkeessuuf WBO waliin hiriiruun falmaa eegalame jabeessee akka finiinsu ajajaan ol’aanaa ABO-WBO qajeelcha.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka jaarmiyaa sochii dargaggootaa Oromootti ibsa fulbaana 29, 2021 baaseen akka qajeelfama Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO irraa fudhatee murannoon sosso’uf murteen ibsa isaaniin eeramee kan deeggaramu ta’uu ajajaan ol’aanaa ABO-WBO mirkaneessa. Qeerroon Bilisummaa Oromoos qaama jaarmiyaa ABO-WBO tahuun fi dirqama seenaa qabsoon irra kaahe akka jabinaa fi si’aaninaan bahatu dhaamaa, Qeerroon Bilisummaa Oromoo qajeelfama Ajaja ol’aanaa ABO-WBO irraa bahuu irratti hundaa’uun Koree Bulchiinsaaf Bilisummaa jalatti ijaaramee, maadhee diinaa diigaa, hoggaanoota WBO Zooniilee irraa qajeelfama fudhachaa gahee haqaa fi nagaa uummata kabachiisuu keessatti qooda ol’aanaa fudhatu waamicha dhiheessina.

Yeroo diinni ilmaan Oromoo Walloo xiyyaaraan fixaa jiru keessatti, loltuu konkoolaataa dhibbootaan lakkaahamu itti guuree lola sanyii duguuggaa irratti gaggeessaa jiru keessatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Oromiyaa mara keessa jiru, Warraaqsi uummataa kaasuun saffisaan hojii isaa warraaqsaa jabeessee itti fufus ajajaan ol’aanaa ABO-WBO dhaama. Hawaasni idil addunyaas haleellaa Xiyyaaraa ilmaan Oromoo Walloo, Caffaa Roobiitti gaggeeffame akka balaaleffatu, namootaa fi qaama sanyii dugguggaa ajajaanii fi raawwatan hundas mana murtii idil addunyaatti akka dhiheessan gaafanna.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Sadaasa 6, 2021

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started