Warraaqsi Galaana uummataa Waxaabajjii 8/2021 bifa haaraan labsame godina Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa keessatti hojiitti galamuun ibsame.
Warraaqsi Galaana uummataa uummataa erga baatii lamaan as godinootaa fi onoota garaagaraa Kanneen akka Walloo, Arsii, Harargee, Gujii, Qellem Wallaggaa fi Shawaa Lixaa keessatti buufata filannoo kijibaa barbadeessuun, kaabinootni fi Dabballoonni PP akka gandoolee hin seenne ugguruunii fi waajjiraalee mootummaa maafi’aa irratti tarkaanfii laalesssaa fudhachaa turuun mootummicha raasaa jira.
Kanuma itti fufsiisuuf warraaqsi Galaana uummataa Waxaabajjii 8/2021 akka hojiitti galamuuf waamicha Waxaabajjii 6/2021 waamameen Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi uummatni Oromoo godinoota akka Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa ona garaagaraa keessatti guyyaa kibxataa adeemsifamaa ooleera.
Akka kanaanis godina Lixa Wallaggaa onoota akka Ganjii, Hoomaa fi Laaloo Assaabii keessatti sochiin konkolaataa ganama irraa akka dhaabbatu gochuunii fi daandii itti cufuun yeroo uggura kaa’an godina Qellem Wallaggaa ona Anfilloo fi Sayyoo keessatti karaa guddicha Oromiyaa fi Gambeela Wal quunnamsiisu cufuun waraana mootummaa koloneeffattuu Impaayera Itoophiyaa olii gadi fiigsisaa oolaniiru.
Warraaqsi Galaana uummataa yeroo itti uummatni Oromoo roorroo hamaa keessa galee jiru keessa ba’uuf tattaafata jiru keessatti yeroo labsamu uummatni Oromoo carraa falmaa hadhaawaa biyya keessaa geggeeffamaa jiruu fi addunyaan mootummaa PP jibbite kanatti warraaqsa jabaa geggeessee mootummicha ofirraa obbaasuu akka danda’utti cimee itti hirmaachuu qaba jechuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo godinaalee kanniinii dhaamaniiru.







