Warraaqsi Galaana uummataa Waxaabajjii 8/2021 bifa haaraan labsame godina Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa keessatti hojiitti galamuun ibsame. Warraaqsi Galaana uummataa uummataa erga baatii lamaan as godinootaa fi onoota garaagaraa Kanneen akka Walloo, Arsii, Harargee, Gujii, Qellem Wallaggaa fi Shawaa Lixaa keessatti buufata filannoo kijibaa barbadeessuun, kaabinootni fi Dabballoonni PP akka gandoolee hin seenne ugguruuniiContinue reading “Koree Qindeessituu Warraaqsa Galaana Uummataa”
Author Archives: Bakakkaa Bonaa
Qabsoon Bilisummaa Lubbuu Qaalii Wareeguu Gaafata!!!Muddee 18, 2020.
Qabsoon bilisummaa sabaafi walabummaa biyyaatiif adeemsifamu gatii qaalii wareeguu gaafata. Waan roorroon jirtuuf, waan cunqursaan jirtuuf warraaqsi jirti. Waan warraaqsi jirtuuf wareegamni jirti. Waan wareegamni jirtuuf waan wareegamaniif argatuun jiraachuu shakkii hin godhatin. Haqa ofii irratti lubbuu takkittii deebii hin qabne aarsaa kafaluun gootummaadha. Kabajaa saba ofiif jecha dantaa ofii/ka dhuunfaa gabroomsuun dirqiidha. Kunis kaContinue reading “Qabsoon Bilisummaa Lubbuu Qaalii Wareeguu Gaafata!!!Muddee 18, 2020.”
ODUU AMMEE (Breaking News) Goojjammoonni Oomisha Shankoora Warshaa Sukkaara Finca’aatti Ibbidda keesse. Humni Shiftaa PP Mana ilmaan Oromoo gubuu itti fufte. Amaarrii Goojjam fedhii Oromiyaa saamuufi dhuunfachuu qaban karaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaartee Jaardagaa fi Aanaa Abbay Coomman jedhaman Laga Abbayyaan ce’anii daangaa Oromiyaa seenuun oomisha Shankora Fincaa’aatti ibidda kaahuun baramee jira. HaalumaContinue reading
Injifannoo WBO
Injifannoo WBO Zoonii lixaa Cibraa Odaa Bulluq ! WBOn Zoonii Lixaa Cibraan Odaa Bulluq Humni addaa Sulula Fincaa’aa tarkaanfii guyyaa har’aa 07/12/2020 amma galgala kana sa’aa 1:05 irratti humna diinaa 3F tokkoon Keellaa Warshaa Shukkaaraa Sulula Fincaa’aa irraa gara magaalaatti Baatuutti galuuf deemtu irratti fudhateen injifannoo ajaa’ibaa galmeessisee jira. Haaluma kanaan Gootichi Waraana Bilisummaa OromooContinue reading “Injifannoo WBO”
Lolaa mootiin hin argamne kan kaaba impaayera Itoophiyaatti eegalamee gidduu sabaaf sablammiin seenuu hin qabaan
Lollii Teediroosiif yohannis akka xumurameen miniliik darbee Oromoyaa weeraruu eegalee, osoo kaabatti minilikiif Yohannis wal diddaa agarsiisaa turanii garuu oromiyaa waliif qabuun waloon duula irratti banaan. Kanaanis dursanii osoo lollii minilikiif yohannis hin xumuramiin dura Yohannis horroo guduruu yoo weeraree qabatuu minilik immoo abbichuuf jiddaan weeraraan qabatee. Ammaas lolli yeroo kana kaaba itoophiyaatti adeemaa jiruContinue reading “Lolaa mootiin hin argamne kan kaaba impaayera Itoophiyaatti eegalamee gidduu sabaaf sablammiin seenuu hin qabaan”
Cibraa Odaa bulluuq!!✊
Injifannoo WBO zoonii Lixaa Cibraa Odaa Bulluq! (Sadasaa 06, 2020) Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo guyyaa har’aa Sadaasa 06, 2020 Lola humna Shiftaa Abiyyi bobbaase waliin gaggeesseen injifannoo galmeessiseera. Haaluma kanaan Humna Shiftaa Abiyyi kan uummata dararuuf 80 taatee bobbaatee WBOtti dhaqte irratti tarkaanfii laalessaa WBOn Cibraa Odaa Bulluq Buttaan Eebantuu Muraasni Gaara Weennii Aanaa HarooContinue reading “Cibraa Odaa bulluuq!!✊”
Galiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo Oromiyaa walabaa ijaruudha!
Qaamni Impaayera Itoophiyaa Tiksee Boritti Tarkaanfachiisuuf Carraaqu Joobira Walabummaa Oromiyaan Butamee Dhabama Ta’a!Mudde 6, 2020. Jaal. Birmaddummaa-tiin. Biyya keenya Oromiyaa impaayeraan liqimfamtee jirtu walaba baasuuf galaana impaayeraa gogsuun fardiidha. Galaanni impaayera kun yeroo ammaa kanatti raafama guddaa keessa seenee hundeen urgufamaa jira, Yeroonni gogee dhabama ta’us fagoo miti. Haala kana keessatti yaatota galaana ka ta’aanContinue reading “Galiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo Oromiyaa walabaa ijaruudha!”
PPn midhaan gargaarsa uummataaf deemu karaatti saamuu hojii godhatee jira
Gujii bahaa aanaa Gumii eldallootti midhaan gargaarsa uummataaf dhufee kaabineen PP waliigaluun tasaabii 3 gurguraa jedhanii shuferoota ajajuun uummata dhowwataan Waggaa sadiif walitti fufiinsaan qabeenya uummataa gubuu, ooyiruu qotee bulaa daaressuuf barbadeessu irraatti kan fuulleeffatee PPn uummata beelessuun harka kennachiisuuf karoora baafate hojiitti hiikaa jira. Haala kanaanis uummanni oromoo 50% ol wabii midhaan nyaataa dhabuunContinue reading “PPn midhaan gargaarsa uummataaf deemu karaatti saamuu hojii godhatee jira”
Injifannoo WBO
INJIFANNOO WBO ZOONII KIBBAAIrree fi gaachannii Uummaata Oromoo WBOn Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa Ganda Roggichaa iddoo addaa Haroo adaamaa jedhamutti Cibraan Madda Albuudaa Buttaa Malkaa Sooddaa loltuu mootummaa garboonfataa Toophiyaa maqaa WBO sakkaata’uuf bobba’ee gaafa guyaa 5/12/2020 guyyaa keessaa sa’aatii 8:00 irraatti tarkaanfii fudhateen lama(2) yoo ajjeesuu Saddet(8) madoon adabeera.IUOf!!Lolli hanga bilisummati.
Ajjeefamuu Jaal Galaanaa Immaanaan kan walqabatee
Dhimmi Ajjeefamuu Galaanaa Immaanaa Maaliif Dhoksamee Hafee? • Galaanaa Immaanaa yakka hojjetee osoo hin taane, Sababa ilaalcha siyaasaaf Akka ajjeefamuuf kan murteessan dhalattoota Dirree Incinnii paartii mormituu fakkaatanii tika mootummaa ta’anii hojjechaa jiran Paartii ABO-gamtoomee jedhanii warra of waaman, General Hayiluu Gonfaatiin Ambo keessatti ijaaramanii Tokkummaa Qeerroo Amboo Ololaan diiguu basaasanii hiisisuuf caasaa tika BilxiginnaaContinue reading “Ajjeefamuu Jaal Galaanaa Immaanaan kan walqabatee”