●Impaayeerri dheeratti madoofte Afdeeran gamaatti hin fayyiitu!

Waltajjiin kun haleellaa jalqabaa sabboonummaan Oromoo Impaayera itophiyaa bakaakkiffa itti rukutee turee. Tarkaanfii dheeraa kanaan injifannoon argamee oromoo qofaaf osoon taane saboota cunqurfamoo impaayeera itophiyaa jalaatti dhiitamaa turaan hundaaf abdii tahee. Kanaa boodadha egaa saboonni kibbaa Danuun kan miseensa waldichaa tahaan.

Tarkaanfii kanaan ajaja mootii qofaatu kufee osoon taane seera shiraa fi caasaa dabaa cubbuu saboota ittiin diiguuf hojjataniitu burkutaaye. Tarnkaanfiin fudhatamee yeroo dheeraa osoon turiin warraaqsi itti fufee. Sanumaan sirnii nugusaa kufee sirnii waraanaa dargiin lafa qabatee. Dheeraan lafa sabboonummaan oromoo Ulee tarkaanfii isaa bifaa qindaa’aa fi ijaaramaa taheen itophiyaa itti rukuteedha.

Impaayeerri itophiyaa erga dheeratti tarkaanfii sanaan xiinsammuu fi siyaasni ishii rukutamee asiitti takkumaa nagaa horaattee nagaan jiraattee hin beektuu, ergasii uummaata irraatti lolaa labsitee duguuggaa sanyii gaggeessu hammeessitee.

•ijoo dubbii

Gidduu kana namoonni golgaa oromummaa uffatanii oromoon oliitti oromoo of godhaan (to be catholic more than Pope) akka jedhamuu sana tahaa jiraan yoo waa diigan argaa jirraa.
Keessa darbanii waraana itophiyaa(ENDF) kan yakka waraanaa fi duguuggaa sanyii (war crime and ethnic cleansing) gaggeesse fi ittiin himatamee hoo ittisaan argaa jirraa. Kunii immoo yakka duguuggaa sanyii keeyyaata(article) 23(3)/E) keeyyaata 25/3/(C) jalaatti yakka duguuggaa sanyii irraa qooda fudhachuu fi jajjabeessuutiin nama gaafachiisa.

Akeekni waan kana hundaa Itophiyaa bosbostee fi oromoo balleessuu fi dhiiga dhuguuf dadhabdee hin beekne baraaruun gadaadamaa, ajjeechaa, hacuuccaa bifaa, saamicha qabeenyaa fi mulqama biyyaa walumaagalaatti (garbummaa hamaa) oromoo irraa tursiisuuf yaalii taasisaa jiruu.

Oromoo yeroo jalqabaatiif kaaba naannoo Eritrea Barentu har’aa irraa kaasee haga Yajjuutri kan lolaa itti banee buqqisee qawwee fi deeggarsa adiin fixee Galaana gubbaa godaansisee Itophiyaa har’aa abisiniyaa kalee fi agaziyaanoota dheengaddaati. Warrii kun waan hundaan walfaana jiruu.

Dhimmii afdeeran gamaa dhimmaa oromoo tahuu hin danda’uu, impayeralistootni dhiiga uummataa irraatti jireenya mataa isaanii (fortune) ijaaruu fedhaan ilmaan hiyyeessaa dantaa oromoof waan faayidaa hin qabnee irraatti duguugsisuuf ibidaatti oofuun yakkaa. Itophiyaan oromoo akka itti dabala lafaa fi meeshaa ishiitti ilaaltu har’aallee seeronni shiraa fi caasaan dabaaf cubbuu Abiy fi Fakkattoota Abiy (neo abiy) itti fufee jiraa.

Impaayeera butuutte qabsoon dugda kutee fuutanii ajandaa alaa fiduun (extrenalising agenda) taphaattanii dandamachiisuu hin dandeessaan. Itophiyaan oromoo ajjeesaa osoo dhiiga oromoo dhugduu dulloomtee butuutte Asab fi tigray loluu maqaa jedhuun nurraatti fayyuu goonkuma hin dandeessu.
(Waggaa 8 dura gaafa Lammaan jara Lammaan fiigu jennaanin didee gaafas “nu dhiibdanii biyya kana bulchuu hin dandeessan yoo sin jigsuu dadhabnee jeeqne bulchiinsa keessan kotteessu (shrink) gochuun dadhabnuu” jennaanin didee. Booda isayyuu biyyee nyaachisaan.

Itophiyaa suphuuf fiiguun injifannoo Lammeessaa boruu, haji roobalee, waaqoo Guutuu, Hussein bunee, Gen Taaddasaa, Hailu ragassa Elemo qilxuu fi (wareegamtoota WBO) fi Qeeoof uummaata oromoo waggaa dhibba lamaa oliif tahee haaluudha.

Warrii itophiyaa suphiitan Jaagamaa Keelloo himaadhaa malee jaagamaa Badhaaneen wal hin beektan, Laggasaa Tulluu malee Laggasaa wagiif isiin diina.

Impaayeera du’aa, dhabamaaf boo’iicha
Oromiyaaf injifannoof moo’iicha
Oromummaa fi oromoof moo’iicha

#Jaawwii_Jiillee
#OromiyaanBiyyaa.

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a Reply

Create your own website, free on WordPress.com.Create your own website.
Start free