

Qeerroon Bilisummaa Oromoo wiirtuu Qabsoo Bilisummaa Oromoo ta’uun beekamaadha. Biyyaa Afaan Qawween bultu keessaatti ammoo Warraaqsi sirnaawaa ta’e jirachuun fardiidha jennee amanna.
Kanumarraa ka’uun Qeerroon Bilisummaa Oromoo ABO-WBO hoggantummaa dhaaba isaa ABO-WBO jalatti Warraaqsa qindaawaa guutummaa Oromiyaa mararratti labsuu fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo baroota dheeraaf gaggeeffamaa turetti xumura gochuu barbaada.
Haluma kanaan Qeerroon Bilisummaa Oromoo ABO-WBO Ibsa Mudde 11, 2021; [Lakk. IQBO 3/2021 ] qabu baaseen, “guyyaa uggurri kun itti labsamu QBO fi WBO aanjessee beeksisa” kan jedhuuf, gaafa Mudde 17, 2021 jechuunis, Jimaata dhufu irraa kaasee labsiiwwan Ibsa sana keessatti heeramaniifi kanneen asirratti ibsaman hojiirra ni oolu:
1) Daandiiwwan gurguddoo biyyoota ollaa fi naannoleen wal-qunnamsiisan, akkasumas Godinaalee, Onootaa fi Magaalota wal-qunnamsiisan hundi ni ugguramu. Daandiin gurraachi (asphalt) fi cirrachaa tajaajila geejjibaa kamiyyuu ni dhaabu.
2) Oomisha kamiyyuu gabaatti baasuu fi gabaa irraa bituun hanga Abbaan Biyyummaa Oromiyaa mirkanaa’utti, yokaan ammoo hanga uggurri kun ka’utti ni lagatama.
3) Hojiin baruu fi barsiisuu nagaa biyyaa waliin waan deemuuf, yokaan ammoo tokko barataa kaan barnootarraa hari’atamuun waan hin danda’amneef guutummaa Oromiyaatti ni cufamu/dhaabbatu.
4) Waajjiraaleen mootummaa fi miti-mootummaa kamuu ni cufamu. Kanarra darbuun kan banamu yoo ta’e tarkaanfii madaalawaa kan hordofsiisu ta’a.
Hub: Guyyaa Uggurri kun itti ka’u, Qeerroon Bilisummaa Oromoo haala qabatamaa jiru ilaalee kan beeksisu ta’a.
Ulaagaawwan armaan olitti tarreeffaman fiixaan akka ba’uuf WBO fi Qeerroon wal-ta’insaan ni hojjetu. Hojii fi sochiin faallaa ulaagaa kanaa kan jiraatu yoo ta’es, qaamni kun lamaan tarkaanfii wal-ta’insaa ni fudhatu!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO-WBO.