Injifannoo WBO Zoonii lixaa Cibraa Odaa Bulluq !
WBOn Zoonii Lixaa Cibraan Odaa Bulluq Humni addaa Sulula Fincaa’aa tarkaanfii guyyaa har’aa 07/12/2020 amma galgala kana sa’aa 1:05 irratti humna diinaa 3F tokkoon Keellaa Warshaa Shukkaaraa Sulula Fincaa’aa irraa gara magaalaatti Baatuutti galuuf deemtu irratti fudhateen injifannoo ajaa’ibaa galmeessisee jira.
Haaluma kanaan Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa humna diinaa 3F tokko irra nama 15n tatee jirtu guutumma guutuuti barbaadeesuun konkolaachisaa 3F Sanaa nama Tasfaayee jedhamu madoon adabuun gumaa Qeerroo lama kaleessa Guduruutti humna Shiftaa kanaan ajjefamanii dachaa dachaan baasee jira.
Gumaa ilmaan Oromoo baasuun itti fufa!
Bilisummaan dhiigaa keenyaan dhufa!
IUOf!
