ABOn hundeeffama isaa irraa kaasee hanga ammaatti tokkummaa Oromoo gadi dhaabuu fi dhugoomee akka mul’atu taasisuu irratti bal’inaan hojjete. Akeekni eebbifamaan kun akka hin dhugoomneef diinni gufuulee hedduu uumaa fi garaagarummaa xixiqqaa afarsuun tokkummaa Oromoo diiguuf yaaliin godhes akkuma akeeka isaa biroo maseenfamee jira. Keessattuu ganna dabarsine kana keessa tokkummaan Oromoo akka urjiitti ifee mul’atuun isaa diina hundee dhaa raase. Qabsoo bilisummaa ABO-WBOn durfamuun tokkummaan mirkaneeffame. Galatni kan qabsaawotaa fi sabboontota Oromoo haa tahu! Har’a Oromoo adda baasuun gonkumaa sadarkaa hin dandahamne irra gahame jira. Ummatni Oromoo tokkummaan hiriiree akka biyya isaaf falmatu dandeessisuuf hojii hojjatamee firii boonsaa argamsiise kanaaf galatni kan qabsaawota wareegamtootaa fi ummata keenya tokkummaan sosso’uun falmatuu danda’ee ti. Kunis injifannoo ol’aanaa qabsoon galmeesse tahee yaadatamaa jiraata. Oromoon, Injifannoo qabsoon argamsiise kana jabeeffataa, akka hin dhaabbanne taasisuuf itti fufiinsaan irratti hojjatamuu qaba. Gufuulee diinaan kaa’aman ummatni Oromoo injifannoo irratti galmeeffate kan biraa duula kanneen PPf daboo bahan irratti galmeessee dha. Mootummaan PP Oromiyaan kan Oromoon keessatti badhaadhu, aadaa, afaan fi eenyummaa isaatiin boonu, hojjatee jiraatu osoo hin taane, hiyyummaan keessatti mankaraaruu fi keessaa baqachiifamu akka tahuuf hojjata. Duulli har’a babal’atee mul’atu kun waggoota sadan dabraniif osoo adddaan hin citiin ummata Oromoo irratti adeemsifamaa kan turee dha. Ummatni Oromoo duula bal’aa itti baname kana jabinaa fi tokkummaan of irraa ittisuu danda’uun kan dinqisiifamuu dha. Hanga mootummaan PP aangoo irra jirutti lolli Oromiyaa fi Oromoo irratti xiyyeeffate kun waan hin dhaabbatneef, duula jireenya Oromoo irratti agaamame kana caalaatti maseensuuf Oromoon tokkummaa isaa jabeeffataa diina dura dhaabbatuun itti fufuu qaba. Diinni ummata Oromoo qabsoo ummata Oromoo doomsuuf kan itti xiyyeeffate biroon caasaa ABO biyya keessaa fi sochii Qeerroo cabsuu ture. Kanaaf, diinni akka toftaatti ABO karaa nagaa qabsaawu dandaha jedhee maadhee fi miseensota ABO adda baasee haleeluu ture. Kun diinaan qofa osoo hin taane, kittillayyoota diinaa waggoota sadan PPf ergamaa bahanii fi of tahanii mul’atuu hin dandeenye, tajaajiltuu diinaa tahanii jiraatuu murteeffatan dabalata. Caasaan ABO, Qeerroo fi dargaggoon Oromoo duula diinaa kana dura dhaabbatuu irratti wareegama baasan yoomiyyuu seenaan hin dagatu. Kana waliin wal qabatee kanneen dantaa matayyaaf jecha qabsaawota irratti duulaa jiran gochaa farrummaa kana irraa akka dhaabbatan ABO-WBOn gadi jabeessee gorsa. Yeroon kun yeroo kaayyoo fi akeeka ummata Oromoo dura dhaabbatan osoo hin taane, kan waliin hiriiranii diina waloo of duraa kaasan akka ta’e qalbifadhaa jennaan. Waggaa dabarsine kana keessa kan diinaatti dabalee gareelee fi nam-tokkeen diinatti hidhata qabanii fi kanneen kaayyoo bilisummaa Oromootti gufuu tahuu filatan ABO-WBO maqaa xureessuuf ololli adeemsisan bal’aa ture. Kanneen bu’aa bubuutuu argatuuf ori’an akkanaa ummata Oromoo biratti jibbamoo fi tufamoo ta’uus hubachiisna.
Haala kanaan, har’a ABO-WBOn tokkummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo gadi dhaabuu fi jiraachisuuf wareegama ulfaataa baase, Qeerroo fi ABO-WBOn akka gargar ta’anitti ololli adeemsisan ABO-WBO, Qeerroo fi ummata Oromoo daran tokkoomse. Ammas taanaan, farreen fi gufuuleen qabsoo bilisummaa Oromoo dalagaa diiggaa itti jiran irraa of qusatuu diduun, ummata keenyaaf dhimmaa fakkaatuun ergaa diinaa dabarsuu itti fufanii waan jiraniif, ummatni keenya biyya keessaa fi alaa akka of irraa tiksuu qofa osoo hin taane, akka akeeka isaanii maseenuu jabinaan irratti hojjatu ABO-WBOn hubachiisa. ABO-WBOn jaarmayaa siyaasaa Oromoos tahe kan alagaa ijaaramuu irraa mormii ykn jibbiinsa hin qabu. Qabaatees hin beeku. Ijaaramuun mirga. Haa tahu malee, jaarmayootni siyaasaa Oromoo garii karoorri hojii isaan baafatan kan diina irratti qabsaa’uu osoo hin taane, kan ABO-WBO danda’ame dhabamsiisuu, dadhabame ammoo dadhabsiisuu ti. Akeekni kunis jibbiinsa dhuunfaa, bolola aangoo fi ABO-WBOn dhabame malee mul’atuu hin dandeenyu yaada jedhu irraa madda. Jarmayootni siyaasaa maqaa “Itoophiyaan” ijaaraman ammoo daran akeeka ABO-WBO diiguu fi dhabamsiisuu akka dhaabbataan Oromoon hin beekne xiqqaa dha. ABO-WBO dhabamsiisuu dhaan gaaffii ummata Oromoo ukkaamsuu akeeka jedhuun masakamu. ABO-WBO fi qabsoon bilisummaa ummatni Oromoo irratti wareegamaa jiran isaan biratti mirga dimokraasii osoo hin taane, kan biyya diiguu ti. ABO-WBOn jaarmayoota kamiifuu mirga isaanii kabajee osoo jiruu kan ABO-WBO kabajuu dhabuun, irratti ololuu fi dhabamsiisuuf shiruun ammattis tahe fuula duratti furmaata argamsiisu hin qabu. Waltajjii argatan irratti maqaa ABO-WBO kaasuun xureessuuf yaaluun dalagaa kanneen gaafatamni itti hin dhaga’amnee fi ummataaf kabajaa hin qabnee ti. Mirga dimokraasiif qabsoofna jechaa kanneen mirga dimokraasii ummata isaaniif qabsaa’an diineffatuun qaanfachiisaa dha. ABO-WBOn kanneen akkanaa of irraa ittisuun akeeka ittiin deeman fashalsaa har’a gahe; fuula durattis of irraa ittisuun mirga tahuu hubachiisa. Ummatni kamiyyuu hacuuccaa fi saaminsa jalaa walaba tahuu barbaada. Qabeenya isaa irratti ajajaa tahuun fedhii fi mirga ummata hundaa ti. Bilisa tahee dubbatuu, dhiibbaan alatti bakka bu’aa ofii ofiin filatuun mirga dimokraasii jaarraa 21ffaa keessatti bal’inaan mul’atuu dha. Haa tahu malee, har’as taanaan sababa danqaa PPn irraa kan ka’e, ummatootni mirga kana guuttachuu hin dandeenye. Jijjiirama xixiqqaa wayta qabsoo ummatootaan sardamutti fudhatuun mirgi ummatootaa kan kabajame fakkeessee lallabuun cunqursaa fi ukkaamsaa itti fufuun toftaa PP tahe jira. Kana irraas miidhaan dhaqqabu dabalaa akka jiru, duranaafis hammaataa kan deemu tahuun hin shakkisiisu. Addatti ammoo ummata Oromoo irratti xiyyeeffatuun karoorri baafame gara sadarkaa ol’aanaatti kan cehe tahuun gochaan mirkanawee jira. Kanaaf, Qabsoo Bilisummaa Oromoo sadarkaa amansiisaa irra gahee jiru fiixa baasuuf jabinaan hojjatuun dirqama qabaawotaa fi ummata keenyaa ti. Filmaata biraas hin qabnu. ABO-WBOn Qabsoo Bilisummaa Oromoo milkeessuuf jaarmayaa jabeessuu irratti xiyyeeffatuun hojiin hojjate firii qabeessa. Kanaaf, kan ijaarame daran jabeessuu fi babal’isuun injifannootti tarkaafnachuun dirqama miseensotaa fi deggertootaa tahuu beeknee birraa kana injifannoon keessa bahuuf warraaquu qabna. Diinni ummata Oromoo hanga aangoo irraa hin maqsamnetti Qabsoo Bilisummaa Oromoo dura dhaabbatuu itti fufa. Karoora ummata Oromoo cunqursaa fi saaminsa jala tursu baafachuun dalagaa diinummaa hojjata. Ummata Oromoo qe’ee isaa irraa humnaan buqqisuudhaan lafa-dhablee taasisuun karoora PP dhaan bal’inaan hojii irra oolfamaa jiru tahee itti fufaa jira. Sababa kijibaa ’ol’aantummaa seeraa kabachiifna’ jedhuun Oromoo lafa isaa irraa buqqisanii ari’uun, ajjeesuu fi yakka irratti dalaguun ganna darbe keessa mul’ate dha. Oromiyaan kan Oromoon keessatti badhaadhu, hojjatee jiraatu osoo hin taane kan keessatti hiyyoomee beelaan mankaraaruu fi keessaa baqachiifamu taasifamuu eenyuyyuu jalaa dhokataa miti.
Mootummaan PP addatti Qeerroo Oromoo irratti xiyyeeffatuun maqaa ’ABO-shanee’ jedhuun, ajjechaa fi hidhaan ganna dabarsine keessa bal’inaan raawwate gochaa gara-jabinaa fi tarkaanfii mootummaa shororkeessaa ti. Dargaggoon Oromoo gochaan bineensummaa irratti raawwatamullee kaayyoo ABO-WBO bakkaan gahuu irraa humni isa hanqisuu danda’u akka hin jirre gahaatti hubachiiseera. Qeerroon Oromoo adda durummaa fi murannoon falmaa adeemsiseen ummata isaatti abdii horuutti dabalee akka isa cinaa hiriiru taasiseera. Hidhaa fi ajjeechaaf osoo hin jilbeenfanne, wal gurmeessuu dhaan diddaan agarsiisaa jiru kan dargaggoo biroofis fakkeenya tahee dha. Qeerroon kaleessa dhagaa darbataa ture har’a meeshaa lolaa hidhatee ofii fi saba isaa ittisuu bira darbee, biyya abbaa isaa Oromiyaa dhuunfachuu eegalee jira. ABO-WBOn hiree kanaan PPn lola ummata Oromoo mohuu hin dandeenye keessa jiraachuu hubachiisaa, ummata haqa isaaf falmatu yoomiyyuu injifataa tahuu isaa yaadachiisa. Akeekni ummatni Oromoo qabsaawaafii jirus akka injifannoon gudunfamuuf ABO-WBOn karaa hundaan ummata waliin tahuu gadi jabeessee hubachiisa. Duula waggoota sadan darban ABO-WBO dhabamsiisuuf tattaafatameen ABO-WBOn hin dhabamne. Haa tahu malee diinni ammayyuu abjuu ABO dhabamsiisa jedhuun dhama’aa akka jiru hundatu arga. ABO-WBOn duula fuula hundaa keessaa fi alaan irratti gaggeeffamaa turee fi jiru irra aanee, kaayyoon ittiin deemu ummata biratti jaalala, kabajaa fi deggersa horataa dhufuu irraa, ummatni Oromoo sagalee tokkoon ABO-WBOn alatti furmaati hin jiru! Karaan tokkittiin Oromoo gara bilisummaatti geessu ABO-WBO qofaa dha! jechuun ifatti dhaabbii isaa ibsatuutti jira. Deggersaa fi jaalala ummataa kana kan argamsiise wareegama miseensotaa, ummata keenyaa fi deggertootaa ti. Qabsoo itti fufsiisuu fi dhaaba isaatti iggitii gochuu keessatti shoorri WBO ol’aanaa tahuun hin falamsiisu. Ammas taanaan WBOn magaalaa fi baadiyyaa bal’aa keessatti diinaa fi lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii fudhatuun diina mogolee laaffisuu irra darbee lafa bal’aa Oromiyaa tohatee, guutuu Oromiyaa dhuunfachuuf tarkanaanfataa jira. Duula WBO gaggeessaa jiru kana milkeessuuf, ummatni keenya fiixa bahiinsa akeeka kanaa bakkaan gahuu keessatti qooda irraa eegamu akka gumaachu gaafanna. Har’a manni hidhaa PP ilmaan Oromoo yakka homaatuu hin qabneen guutamee argama. Kanneen mana hidhaa PP hin beekamne keessatti hiraaraa jiranis danuu dha. Lammiileen mirga ofii fi ummata isaaniif jechaa miidhaan qaamaa fi sammuu irra geessifamaa jiru kunneen hundi ummata Oromoo biratti kabajaa qaban. Ummatni Oromoo ilmaan isaa kanneen falmaa mirgaa keessatti qooda fudhatuu irraa diinni irratti roorrisaa jiru gargaaruu akka addaan hin kutne gaafataa, ABO-WBOn karaa isaaf danda’amu hundaan bira dhaabbachuu kan itti fufu tahuu hubachiisa. Ummatni Oromoo kan qabsoo geggeessaa turee fi jiru jijjiirraa buqqaasaa mirga isaa kabajchiisu argamsiisuufi. Milkaa’uun qabsoo Oromoo milkaa’ina qabsoo ummatoota cunqurfamoo maraa akka ta’es hubachiifna.
Kana wallaaluun kanneen ummata Oromoo diina godhatuun irratti duulan diinni har’a waliin duulaa jiran bor kan isaanitti garagalu tahuu dagatuu hin qaban. Kana waliin ummata Oromoo nagaa dhorkatanii nagaan jiraanna jechuun kan hin yaadamnee fi dogoggora dha. Waan taheef, diinatti maxxanuu lagachuun, fira tarsiimoo kan tahe ummata Oromoo waliin hiriiruun, diina waloo loluun ummatoota cunqurfamoo irraa eegama. Waliin jireenya boriifis daandiin ijaaraa fi amansiisaan kana qofa tahuu hubachiisaa, dalagaa hariiroo baroota dheeraa ummatoota gidduu booressu akka hatattamaan dhaaban ABOn gorsa isaa dabarsaaf. Dabalataanis kan furmaata waaraa argamsiisu mirga ummata Oromoo beekuu fi fudhatuu tahuu hubachiisa. Ummatni keenya ammoo weerara itti banamu kamuu irraa of ittisuuf mirgi heera addunyaa akka isaaf haayyamu hubatee of irratti amantaa guutuun of ittisuu irratti akka jabaatee hojjatu irra deebiin hubachiifna. Haala ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru argaa, kaayyoo diinaa eenyummaa Oromoo haguuguu fi dhabamsiisuu akeekkate maxxanfachuudhaan diina waliin hiriiruun hafnaan mul’atuun iyyuu wayta qaanfachiisaa tahe jiru kanatti, hoggana siyaasaa fi qondaala waraanaa PP tahuun caasaa mootummaa keessatti haammatamanii diinaaf hojjechuun seeraanis tahe seenaan gaafachiisaa dha. Waan taheef, kana hubachuun ilmaan Oromoo caasaa mootummaa kamuu keessatti argamtan addatti ammoo waraana PP keessatti sadarkaa hunda irratti argamtan marti waamicha ummatni keessan deddeebisee isinii dabarsaa jiruuf akka owwaattan ABO-WBOn irra deebi’uun waamicha isiniif godha. Paartiin filameen jira, mootummaa haaraa dhaabbachaa jira jedhu kun, afaan qawween bittaa isaa itti fufuuf murteeffate waan ta’eef ummata kamuu biratti fudhatama hin qabu. Ummatootni kan barbaadan bilisummaa dha. Addatti ammoo ummatni Oromoo nama namaan bakka buusuun faaydaa akka hin argamsiifne fi tarkaanfiilee fakkaatoo kanaan duraa irraa barnootaa fi muyxannoo gahaa argatee jira. Waan taheef, kanneen jechoota ummataan darbatamanitti fayyadamuun, sirna Oromoon kabaju of dura qabuun fi uffata aadaa Oromoo uffachuun ummata gowwoomsuu dandeenya jedhanii, afaan damma dibatanii summii facaasaa jiran of irraa gatuuf jabaannee irratti qabsaa’uun mirga keenya of harka galfachuuf haa kaanu.
PPn tumsaa fi gargaarsa biyyoota ollaa fi fagoo irraa argachuun ummata Oromoo fi kanneen biroo kumoota hedduun lakkaa’aman lafa isaanii irraa buqqiseera. ABO-WBOn waggoota sadan darbaniif mootummaa PP kan maqaa ’seera kabachiisuu’ jedhuun lola uummattoota irratti labsee, saaminsa, cunqursaa fi yakka hiriyaa hin qabne dhala namaa irratti geggeessaa jiru akka biyyooti ollaa fi dhihaa qabeenya, leenjii waraanaa fi dippilomaasiin akka hin gargaarre irra deddeebi’uun yaadachiisaa turuun ni beekama. Waamichu sunis amma dhagahamuu jalqabuun mootummooti dhihaa qobqobbii PP irra kaahuu eegaluun injifannoo guddaa dha. PPnis waa’illaan biyyoota dhiha, UN keessaa hojjetan yakkuun fi biyya irraa arihuun wallaalummaa fi doofummaa PP agarsiisu dha. Qaamotaa fi namoota miidhaa ol’aanaa PPn ummata mirga isaaf falmatu irra gahaa jiru, argaa fi dhaga’aa callisuun gaafachiisaa tahuu ABO-WBOn ammas irra deebi’ee yaadachiisa. Qaama miidhaa ol’aanaa uummata irraan dhaqabsiisaa jiru gargaaruun ammoo yakka tahuu hubachiisaa, mootummooti gara bahaa fi Turki akka gargaarsa kana irraa dhaaban akeekkachiisa. Akkasumas PPn yakka uummata irratti raawwataa jiru dhaabuuf, yakkamtoota Oromiyaa keessaa jiraatan tohatee seeraatti dhiheessuuf ABO-WBOn akka hojjechaa jiru hubachiisa.
Qabsoon Bilisummaa Oromoo, qabsoo of irratti hirkannoo fi murannoon mirga keenya of harka galfachuuf wareegama baafneen armaan gahe. Kanaan boodas qabsoon bilisummaa fi walabummaaf gaggeessaa jirru, kan duubatti hin deebifamne tahuu mirkaneessina. Kana jabeeffachuu fi wal malee homaa akka hin qabnee fi ala irraa homaa akka hin eegganne caalaatti hubachuun birraan kana milkii ol’aanaan diina irratti galmeessuuf akka sossoonu gadi jabeessinee hubachiifna! Irreechi barana kan milkii, injifannoo, gammachuu, bilisummaa fi walabummaa nuuf haa ta’u! Gadaan Quufaa Gabbina!
Oromoo is one of the largest people in Africa. Afaan Oromoo/Oromoo language is the fourth largest language spoken next to yurbo of Nigeria kiswahili,and Arabic in Africa.
Oromo is also the largest among the 35 Kushitic people, eastern(22)&western(13). This east-west categorization is to mean people living on both sides of the Blue Nile for centuries.
Hence,Oromoo belongs to the eastern kushitic group,i.e., Eastern Africa. One could almost say that all of the horn Africa has been habituated by these people.
Oromoo has its own traditions,culture,belief and belief system. It has also politico-economic,as well as societal administration system called GADAA. This system is the democratic system Oroomoo has invented and lived with it for centuries,even before the Greeks.
Therefore, Oromoo existed as independent nation and people in the horn of Africa up to when Minilik II, with the help of European powers, has invaded and seized it in 1902.
Oromoo believes in One God,called Waaqa.Its belief system is called Qaalluu,Warra Ayyaanaa or in its present name, Waaqeffanna. The Oroomoo belief system teachings incorporate Ayyaana-Holy spirit.
Therefore, every part of the Oroomoo society exercises this Ayyaanaa,called Ayyaaneffachaa/ritual ceremonies in its different forms,places and conditions.
However, these Ayyaaneffachaa/celeberation is divided into two main groups: one which is exercised in the ritual house called GALMA-Ritual Hall and the other is exercised outside of the GALMA.
The ritual ceremonies outside the GALMA are so many. IRREECHAA/IRREESSAA, Dhibaayyuu, Ayyaana Dallaa,Ayyaan Abbaa,Ateetee,Maqa Baasaa,Haammachiisaa,Jaarii,etc,are to mention just a few.These kinds of ritual ceremonies are performed in around lakes,river sources,mountains,big trees(Adibar),confluences,at front houses,in the houses,etc.
The IRREESSAA/IRREECHAA is one of the ritual ceremonies exercised outside the GALMA. What makes IRREECHAA unique from other OROOMOO ritual ceremonies is that it is performed once in a year,at BISHOOFTU with the participation of all OROOMOO people from across the OROOMOO land. It is being celeberated at lake called HORASADE-meaning three lakes believed to have joined under the ground of the earth.
IRREESSAA/IRREESSAA has an imaginable value and magnificent meaning to the Oroomoo & its neighbouring people.
HAPPY IRREESSAA/IRREECHAA, 2021/6417
By Qilinxo Lamu(PHD)
HORA BULAA!!GADAAN ROOBAA GABBINA, GABBISI WAAQI!!!
Yes, our people are suffering a lot from one corner to the other. No food and no shelter. But most of us choose to give only to the known people.
Eviction, after eviction; burning of their homes, assets, crops in the field, killings and throwing their Holy body to forest and eaten by wild animals have become Oromos fate since Abiy Ahmed came to power. Those who survived the red terror from Gujii and Boron are now returning to their community, but they need not only food and shelter even psychological help. Starvation is widespread all over Oromia for example in Gujii, Borana, Arsi, Dambi Doloo and Walloo. In some districts in Borona people are dying from starvation.
In the video, Obbo Liban who newly returned to his Community Dhuuqo in Gooroo Doola district, in Gujii Zone is briefing the devastating life he and his people have gone through.
According to Liban, “the community was destroyed beyond repair. The Government soldiers dislocated them, burned their homes and farms, leaving them homeless and exposed to man-made starvation. He mentioned there is no school (destroyed by the Government soldiers), the imprisonment rate is high, and the people in the community were tortured and terrorized by the Government soldiers. Children and women were being raped! The Government soldiers were targeting and killing people in the community – more like ethnic cleansing. There is no road, no houses, no schools, nothing! We are in the process of rebuilding now that they have left. No one cares, and no one listens to us. Thank you for letting me speak!”
Human Rights Watch United Nations and other humanitarian institution should have to save the innocents attacked by manmade famine.