WHAT IS IRREESSAA/IRREECHAA?

Oromoo is one of the largest people in Africa. Afaan Oromoo/Oromoo language is the fourth largest language spoken next to yurbo of Nigeria kiswahili,and Arabic in Africa.

Oromo is also the largest among the 35 Kushitic people, eastern(22)&western(13). This east-west categorization is to mean people living on both sides of the Blue Nile for centuries.

Hence,Oromoo belongs to the eastern kushitic group,i.e., Eastern Africa. One could almost say that all of the horn Africa has been habituated by these people.

Oromoo has its own traditions,culture,belief and belief system. It has also politico-economic,as well as societal administration system called GADAA. This system is the democratic system Oroomoo has invented and lived with it for centuries,even before the Greeks.

Therefore, Oromoo existed as independent nation and people in the horn of Africa up to when Minilik II, with the help of European powers, has invaded and seized it in 1902.

Oromoo believes in One God,called Waaqa.Its belief system is called Qaalluu,Warra Ayyaanaa or in its present name, Waaqeffanna. The Oroomoo belief system teachings incorporate Ayyaana-Holy spirit.

Therefore, every part of the Oroomoo society exercises this Ayyaanaa,called Ayyaaneffachaa/ritual ceremonies in its different forms,places and conditions.

However, these Ayyaaneffachaa/celeberation is divided into two main groups: one which is exercised in the ritual house called GALMA-Ritual Hall and the other is exercised outside of the GALMA.

The ritual ceremonies outside the GALMA are so many. IRREECHAA/IRREESSAA, Dhibaayyuu, Ayyaana Dallaa,Ayyaan Abbaa,Ateetee,Maqa Baasaa,Haammachiisaa,Jaarii,etc,are to mention just a few.These kinds of ritual ceremonies are performed in around lakes,river sources,mountains,big trees(Adibar),confluences,at front houses,in the houses,etc.

The IRREESSAA/IRREECHAA is one of the ritual ceremonies exercised outside the GALMA. What makes IRREECHAA unique from other OROOMOO ritual ceremonies is that it is performed once in a year,at BISHOOFTU with the participation of all OROOMOO people from across the OROOMOO land. It is being celeberated at lake called HORASADE-meaning three lakes believed to have joined under the ground of the earth.

IRREESSAA/IRREESSAA has an imaginable value and magnificent meaning to the Oroomoo & its neighbouring people.

HAPPY IRREESSAA/IRREECHAA, 2021/6417

By Qilinxo Lamu(PHD)

HORA BULAA!!GADAAN ROOBAA GABBINA,
GABBISI WAAQI!!!

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Kaayyoodhaan Masakamaa;Kaayyoo Jalattis Hiriira!(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)


Fulbaana 29 2021

Sabni Oromoo Impaayera Xoophiyaa kan sirna qeenxee fi ol’aantummaa saba tokkootiin dhuunfatamte ofirraa cabsee, biyya Walabaa: kan nagaa, dimokiraasii fi wal-qixxummaan ilmaan namaa keessatti kabajamu ijaarruuf Qabsoo roga maraa kan walirraa hin cine gaggeessaa yoona gaheera. Qabsoo kana irrattis lubbuu qaalii ilmaan isaa dhiira-dhalaa osoo hin jenne duguugee itti gabbaraa bahe. Sirni jaarraa tokkoo fi walakkaa biyya kana seerrate sabaa fi sab-lammoota biyyattii Afaan Qawwee jalatti ukkaamsuun, sarbamiinsa mirga namoomaa heedduu dhaqqabsiisaa tureera. Ammas dhaqqabsiisuutti jira. Kana ofirraa qolachuuf Oromoon dhaaba isaa ABO jalatti hiriiree, Oromiyaa Walabaa kan hunduu nagaan keessa jiraatu gad dhaabuuf wareegama mara kaffalaa, lafee itti cabee, dhiiga itti lolaasaa yoona gahe.

Kanarraa ka’uun barattoonni Oromoo sadarkaa addaa addaa baroota dheeraaf fincila mootummaa irratti geggeessaa turaniiru. Akka jaarmayaatti ammoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo hoggana
ABO jalatti taligamuun Eebla, 2011 irraa ka’uun ifatti bu’uureffamee caasaa isaas goolee Oromiyaa mararra diriirfate. Kaayyoon hundeeffamuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabsoo uummanni Oromoo baroota dheeraaf Abbaa Biyyummaa isaa mirkaneeffachuu, gaaffii qe’ee ofii irratti abbaa
ta’uu, dheebuu nagaa, bilisummaa fi wal-qixxummaa gaafataa turee fi sabni Oromoo ammoo akka sabaatti hiree isaa ofiin mirkaneeffachuuf gaggeessaa ture tumsuun uummatasaa kakaasee qabsoo
sabichatti xumura gochuudha.

Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo baroota dheeraadhaaf wayita dhaabni isaa Addi Bilisummaa Oromoo dhiibbaa mootummoota darbaniin dhiibamee biyya hambaa turetti, caasaa isaa dirree Oromiyaa mararra diriirfachuun bifa qindaa’een ABO jalatti taligamee falmaa gaggeessaa ture. Sochiiwwan Warraaqsaa maqaa “Fincila Diddaa Gabrummaa” jedhu moggaasuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Oromiyaa hundarraa dargaggootaa fi dardarran sabboonummaa qabanii fi
naamusa dhaabaa eegan ijaaree gaaffiiwwan Oromoo kan durii hanga ammaa: Gaaffii lafaa, afaanii,
eenyummaa fi dimokiraasii gaafachaa tureera.

Haaluma kanaan, Qeerroon Bilisummaa Oromoo bara 2014 keessa caasaa isaa dhaabbilee barnoota
ol’aanoo (Yuunvarsiitii) hanga sadarkaa gadiitti diriirfatuun ifatti sochiiwwan Warraaqsaa
uummaticha maandheeffate karaa nagaatiin gaggeessaa tureera. Sochii kanas karaa icciitii ta’een
qabsoo siyaasaa, afaanii fi eenyummmaa saba isaa barsiisuu fi gurmeessuutti cehe. Wayita sana Addi
Bilisummaa Oromoo mootummaa ADWUI/EPRDF’n galmee shororkeessummaa jalatti waan galmaa’eef jecha, hooggana isaa waliin bifa dhoksaa fi icciitiin qunnamaa jiraate. Haaluma kanaan, Warraaqsa kana bifa qindaa’een sochoosuun kaayyoo fi aggaammii saamicha lafaa naannawaa Finfinnee fi magaaloota Oromiyaa mootummaa EPRDF’n raawwatamaa ture dura
dhaabbatuun fashaleesseera.

Mootummaan sab-boontota Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi namoota Adda Bilisummaa Oromoo waliin walitti hidhata qabdu jedhee shakku hunda, maqaa “Shororkeessaa” fi “Farreen nageenyaa” farrajuun kaan hidhee, kaan ajjeesee, qabsaa’ota heedduus biyya abbaa isaanii Oromiyaa dhiisanii biyya hambaatti akka baqatan godheera.Kanaan osoo hin geenye saamichi lafaa kun ammas bifa qindaa’aa ta’ee fi maqaa “Master Plan” jedhuun marroo lammaffaaf qote bulaa Oromoo lafa isaarraa beenyaa tokko malee ari’anii, kaan ammoo lafuma Abbaa isaa Oromiyaa irratti waardiyyaa taasisuun itti fufe. Kanaa fi kanneen biroo bu’uureffachuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo ammas bifa haaraan Sadaasa 12, bara 2015 Warraaqsa haaraa maqaa “Fincila Diddaa Gabrummaa” jedhuun Finfinneerraa km 75 fagaattee kan argamtu Lixa Shaggar magaalaa Ginciitti dhoose. Ibiddi achii qabate sun osoo hin turiin guyyoota
muraasa gidduutti guutuu Oromiyaa dhuunfachuu danda’eera. Warraaqsi Qeerroo kun itti fufiinsaan Master Plan hundeen buqqisuurra darbee, qabsoo hunda hammate kan #OromoProtest jedhamu ofitti dabalatee bara 2016tti daran ilmaan Oromoo biyya alaa fi keessa jiran sochoose. Wareegamnii fi gaaga’amni lubbuu ilmaan isaarra gahus uummanni Oromoo falmaa hadhaawaa taasiseen biyyittii raafama guddaa keessa galche. Warraaqsi Qeerroo kun bara 2011 hundeeffame irraa kaasee haga bara 2018 mootummaa Wayyaanee handhuura Oromiyaa Finfinnee irraa
buqqisuum Maqaleetti galchetti haala walirraa hin citneen gaggeeffamaa ture. Sochii kanaanis Oromiyaa harka diinaarraa baraarfachuu danda’eera.

Dhuma bara 2018ttis Qeerroon jijjiirama siyaasaa guddaa biyyattii keessatti fidee fi waamicha mootummaan maqaa jijjiiramatu dhufee fi marii nagaa jedhuun dhiheesseen ABOn karaa nagaa qabsaa’uuf biyya seene. Jijjiirama siyaasaa yokaan ammoo marii nagaatu jira haa jedhamuyyuu malee, jijjiiramnis ta’e nagaan biyyittii keessatti dhufuu akka hin dandeenye Qeerroon qaaccessee hubata ture. Sababni isaa sirnii fi qaamni ilmaan Oromoo ajjeesisaa, hiisisaa fi biyyaa baasaa ture; akkasumas qabeenyaa fi eenyummaa Oromoo saamsisaa ture ammayyuu bakkaa kaafamuu dhabuun isaa, abdii bilisummaa fi nagaa waaraa biyyicha keessatti dhufuu malu dukkaneesse, laamshesses.

Qeerroon haala kanaan nagaan dhufuu akka hin dandeenye quba qabaatus, ABOn siyaasa karaa nagaa gaggeessuuf jecha, Waraana Bilisummaa Oromoo irraa of baasuun imala qabsoo hidhannoo irraa gama nagaan socho’uutti murteeffate.

Mootummaanis shiraa fi maltee ittiin WBO hiikkachiisan kalaqatee, maqaa araaraatiin ‘Koree Teeknikaa’ jedhee hundeesse. Karoora kanaan WBO sakaaluufis Oromiyaa gama kibbaa fi lixaatti bobbaase. Waraanni Bilisummaa Oromoo shira kana dursee hubachuun gochaa fi sochii mootummaan yeroo sana uummata Oromoo irratti raawwachuu eegale, karaa bifa jaarsummaa hin guunneen WBO sossobuutti seenuu fi haal-duree araaraaf WBOn lafa kaa’ate mootummaa biratti fudhatama dhabuu isaa irraa ka’uun qabsoon karaa nagaa geggeeffamuu akka hin dandeenyee fi fuul-durattis dhufuu
akka hin dandeenye hubatuudhaan kaayyoo ABO ganamaa fi Qabsoo Hidhannootti akka fufu labsatee hojiitti seene. Miseensota Qeerroo Bilisummaa Oromoofis, daandiin qabsoo karaa nagaa cufamuu fi hogganoota dabalatee, miseensonni akkasumas deggertootni ABO jumlaan hidhaatti guuramuun abdii egeree qabsoo karaa nagaaf qaban jalaa dukkaneesse.

Hogganoonni ABO yerosii labsa labsaniin, “Ammaa booda qaama hidhatee bosona keessa socho’u
hin qabnu” jechuun WBO qofaatti baasuu fi qunnamtii irraa kutachuu, qaamonni dantaa dhuunfaaf ifaajii godhan Qabsoo fi wareegama ilmaan Oromoo hanga ammaa harka sirna kaleessaa OPDOtti deebisanii burjaajiin bal’aan uummata gidduutti uumamuun; Waraanni Bilisummaa Oromoo akkaataa kaayyoo dhaaba ABO ganamaa fi qabsoo hidhannoo itti fufsiisu aanjessuun hooggana haaraa akka of keessaa qopheeffatu dirqe. Kanumaan, Ajajaan Ol’aanaa ABO-WBO hundaa’ee qabsoon ABOs bosona Oromiyaa keessaa hogganamuu eegalte. Kanuma irraa kaasanii qaamonni Qeerroo hoogganna ofiin jedhan yeroo addaa addaatti Qeerroo qoqqooduu fi olola WBOn dambii dhaabaa diige jedhuun caasaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
bittinneessuuf burjaajii uumaa turuu fi ammas kanumatti jiraachuu waliin wal qabatee, Qeerroon Bilisummaa Oromoo burjaajii armaan olitti uumamee fi kanneen fuul-durattis uumamuu malan hambisuuf jecha, hoogganoota haaraa, caasaa fi sochii bifa haaraan diriirfatee hojiitti seenee jiraachuu ifa gochuu barbaanna.

Hogganoonni Qeerroo Bilisummaa Oromootis maree bal’aa yeroo addaa addaatti gaggeessaa turaniin murtoowwan armaan gadii kanas dabarsuu isaa gad jabeessee ilmaan Oromoo hundaaf dhaamuu barbaada!

1) Qeerroo Bilisummaa Oromoo warraaqsi guutummaa Oromiyaa, akkasumas sab-boontota ilmaan Oromoo kanneen Walloo fi Matakkal keessa jiran dabalatee akka gaggeeffamuuf qophii xumuree jiraachuu Oromoo maraaf ibsuu barbaadna.
2) Hoggansi, caaseffamnii fi akkaataan taligamuu jaarmayaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ajajaa Ol’aana ABO-WBO jalatti kan deebihe ta’uu gad-jabeessinee mirkaneessina.
3) Hojiiwwan warraaqsaa (labsa, ibsa ejjennoo, odeessii fi sochiiwwan) Qeerroon Bilisummaa
Oromoo taasisu biroon kamiyyuu amman booda gama miidiyaa Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatiin kan isiniif darbu ta’uu hubachiifna.
4) Casseffamni Qeerroo akkaataa ammaan duraatiin alatti bifa haaraatiin caaseffamaa waan jiruuf, ilmaan Oromoo bifa diinaaf banaa hin taaneen wal gurmeessin sosso’uu akka qaban waliif dhaamna.
5) Warraaqsii fi fincilli Oromiyaa maratti godhamu hundi wal utubbii hoogganoota Qeerroo
Bilisummaa Oromoo fi Waraana Bilisummaa Oromootiin akka taasifamuu Qeerroon bilisummaa
Oromoo murtee fudhachuu ibsina.
6) Warreen dantaa dhuunfaaf fi gartuuf jecha Qabsoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessaa jiru qooduuf dhamaatanii fi wareegama Qeerroon Oromoo kumaatamaan irratti of kitime dura
dhaabbattan akka hatattamaan hammeenya keessan irraa deebitan akeekkachiisna.

Haaluma kanaan, akeeka Qabsoo Bilisummaa Oromoo galiin gahuuf sochii fi injifannoolee
warraaqsaan argaman mara tiksuun dirqama miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromoo ta’uu hubatuun, caasaan Qeerroo hundi qabsoo hidhannoo tumsuu fi caaseffama haaraa jalatti akka hiriiru murtee isaa dabarsuu barbaada.

Maayyii irratti, uummanni keenya kanneen biyya keessaa fi ala jirtan, akkasumas qabsaa’onnii fi quuqamtoonni saba Oromoo hundi roorroo fi gidiraa saba keenyarratti deemaa jiru jabaatee ofirraa qolachuuf wayita hojiitti seenee jiru kanatti, murtoo fi sochii warraaqsa Qeerroo Bilisummaa
Oromoo bifa haaraan eegale kana akka tumsitanii fi cina dhaabbattan waamicha dabarsina.
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!
Injifannoo Uummata Oromoof!
Fulbaana 29, 2021
Finfinnee, Oromiyaa

Oromoon Jechaa fi Gocha Gantootaan Afaanfajjawuu Hin Qabu!(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

Lola PPn uummata Oromoo fi WBO irratti gaggeessaa jirtuun kasaaraa guddaa keessa galuun ifa galaa dha. Injifannoo WBOn baadiyyaalee Oromiyaa dhuunfachuu fi magaalota qabachuun mooraa diinaa raasaa jira. Haala kanaan diinni kasaaraa isaa kana ololaan haguuguuf afaan gantootaan dubbataa jiru Oromoon osoo hin alanfatne akka hin liqimsine hubachiisna.

PPn jaarmaya farra-dimokraasii, kan eenyummaa nafxanyummaan guutame ta’uu moyxannoon ganna sadan darban keessatti qajeellootti waan mul’atee jiruuf, yerooo ammaa dhugaa kana namni hin hubanne yoo jiraate fayyaa hin qabu. Gantooti PPn uumamaan farra dimokraasii tahuu osuma beekanii abdii hin guutamneen of-sobanii rakkina siyaasaa naannoo kanaa furuuf yaalan uummata keenya wareegama ulfaataaf saaxile, gantootatti ammoo waaroo salpinaa itti uffise malee bu’aan irraa argame tokkollee hin jiru.
Addi Bilisummaa Oromoo maalummaa PP hojiidhaan lafa irratti waan beekuuf osoo PPn guutuutti hin diigamiin nagaadhaan waliin hojjetanii rakkoo siyaasaa naannichaaf furmaata waaraa fiduu akka hin dandahamne ibsaa ture. ABO-WBOn dhugaa kana tolchee hubachuudhaan, uummata barsiisee ijaaruu fi hidhachiisuudhaan uummatni akka mirga isaa qabsoodhaan kabajsiifatu taasisuu irratti hojjetaa jira. Galata ABO fi Ummata Oromoo kan mirga ofii kabajsiisuuf gootummaa fi cichoominaan qabsaawee, har’aan tana PPn eenyummaan isaa kan farra-ummataa, dimokiraasii, farra-bilisummaa fi nageenyaa tahe hunda biratti saaxilamee uummatoota hundaan jibbamee tufamuu bira taree, qabsoo uummatootni mirga ofii kabajsiifachuuf geggeessaniin akka hin dandamannetti haleelamee afaan boollaa irra gahee jira.

PPn sadarkaa amma irra gahe kan kufaatii isaa kan hin oolle ta’uu hubachuun fi of dandamachiisuuf diraamaa shiraa hojjechuuf yaaluu irraa hanga du’ee awwaalamutti hin dhaabbatu. Diraamaa kanas ergamtoota isaa kanneen tahan miseensota dhaabota kaayyoo isaa ittiin galmaan gahachuuf bifa ofii isaatiin bixxilee fi gantoota sabaa kan garaa isaaniif bulanitti dhimma bahuudhaan seenessuuf tattaafachaa jira.

Gantooti kan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessa jiran fakkaatanii, ganna 20 dabraan keessatti mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo marsaa sadiif adda qooduun wal waraansisuun seenaa fokkataa hojjetan, har’as marsaa afraffaaf WBO maqaa gosaan wal waraansisuun yakkaa raawwatuuf karoorfatan jabinaa, cichoomina fi Tokkummaan WBOn dura dhaabbateef fashalee jira.

Bobbaan gantootaa WBO karaa nagaa galchina jedhanii diinaaf waadaa galan, waggaa sadan darbaniif mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo diiguuf dhama’an, ammas rakkoo fayyaa jaal Goollicha Dheengee mudate itti dhimma bahuun miidiyaa irratti ololuuf qophii kan xumuran ta’uu hubatamee jira. Jaal Goollichi Dheengee qabsaawaa gaafa gantooti dirree irraa qawwee Oromoo fudhatanii galan didee fi dirree hidhannoo keessatti hafe ture. Booda irra sababa dhukkubaaf kan hojii irra hin turre ta’uu fi dhihoo kanas shira gantootaan dogoggorfamee media irratti bahee akka WBOn miidhaa irraan gahe dubbachuun isaa ni yaadatama.

Dhibee fayyaa Jaal Goollicha mudatetti dhimma bahanii, moonaa impayera Itiyophiyaa gammachiisuuf, seenaa isaa ammoo gurraachessuun, cubbuu mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi jaal Goollicha irratti raawwataa turan hedduu dha. Rakkoo gantooti kun uuman obsaan furuuf tattaafatamus itti milkaahuu hanqachuun nama gaddisiisa. Kanaafis tattaaffii jaarsolii biyyaa, qondaaloota WBO, qaamota itti dhiheenyaan hordoftanii dhugaa jiru hubattanii fi qaaman dirree keessatti argamuun furmaata itti tolchuuf ifaajjitan marti galata guddaa qabdu jenna.

Gidduu kana ammoo PPn namoota WBO diiguuf dirqama fudhatan kanneen akka Abbabaa Garasuu, Hayiluu Gonfaa fi Bilisummaa Biraanuu gara Keniyatti erguun Waraana Bilisummaa Oromoo fi ‘ABO’ waliin araarsina jedhanii oloola oofaa jiru. Murnii kun gantoota kana duras dirqama diinaa fudhatanii Waraana Bilisummaa Oromoo diiguuf dhama’aa turan, ammas rakkoo jaal Goollichi qabu itti dhimma bahanii gara Itoophiyaatti galchuun, sana irraa olola tolfachuuf deeman Oromoon akka dammaqinaan fashalsu dhaammanna.

Namoota akka Abduuba Wariyoo, kan bara jijjiiramaa WBO diiguun Itophiyaatti harka kennachiise fi Galgaloo Dhirrii bara jijjiiramaa jedhamuu galee; Jaarsoo Aannaa, godina Boorana keessatti qondaala PP ta’uun uummata biraatti seenaa badaa qabuu, kan dargaaggoota Oromoo Hiddii fi Moyyaaleetti fixaa turee; Dabbasoo Quxuu kan ganna 20 oliif Imbaasii Itophiyaa waliin wal-tahuun qabsa’oota Oromoo diinatti gurguruun seenaa fokkataa qabaachaa ture fi Hajii Godaana Kuluu, Jaatii Taadhii, Abbaa Gadaa duraanii Guyyoo Gobbaa fi kkf dabalataani torban darbe keessa gara Naayiroobbitti bobbahuun jaal Goollicha Dheengeef kan quuqaman fakkaachuun maqaa gosatiin mooraa gantootaatti dabaluuf yaalaa turan. Akeekni isaanii akkuma kana dura yaalaa turaan WBOn cabe jira, jaal Goollichi waraana fudhatee karaa nagaa qabsaahuuf gale jedhanii ololaa gaggeessuun, kasaaraa waraanaa fi siyaasaa isaan mudate ofuma sobanii of jajjabeessuuf ta’uu hubatamuu qaba.

Gama biraan ABO-WBOn of dandahee hoggansa dirree irraa kennuu eegaluun, akka heerri cabeetti hogganoota ABO dirree jiran irratti ololuun, miseensota ABO biyya ambaa keessa jiranii fi WBO gargar fageessuuf olola rakashaa oofaa jiran qaama shira Goollicha irratti dalagamaa jiruu kan gaggeessan waliin hidhata qaban waan ta’aniif, miseensoti ABO biyya ambaa keessa jirtan akka irraa of eegdanii fi olola hogganoota ofiin jedhan afarsan akka hin dogoggorre dhammanna. Hogganni ABO hogganuu barbaadu, qabsoo Oromoon dachee Oromiyaa irratti gaggeessu keessatti argamuun hoggana kennuun dandahama. Qabsoo Bilisummaa Oromoo jabeessuuf Oromiyaa keessatti argamuun qooda ol’aanaa waan qabuuf, namni ABO hogganuuf fedha qabu akka gara dirree qabsootti bobbahee hogganus waamicha dhiheessina. Dabalataan mootummaa fashistii Abiyyitti harka kennachuuf WBO irratti ololuun ulaagaa kamiinuu kan fudhatama hin qabne ta’uu jaalattooti qabsoo bilisummaa Oromoo maraaf ifa goona.

Qabsoon Bilisummaa Oromoo kufaatiif bu’aa ba’ii hedduu keessaa darbitee as geesse, namoota hedduu of keessaa harcasaa arma jirti. ABO-WBOn akka Qabsoon bilisummaa Oromoo hin diigamneef, yeroo hogganni bara 2017 keessa filame biyyatti galee; kaan hidhamee fi kaan facaa’ee biyya alaatti baqate jiru keessatti, qabsoo kaayyoo ABO qabachuun hoggana kennuuf seenaa qabsootu nu dirqe. Jaallan dirree irraa gootummaan qabsoo bilisummaa Oromoo hoggananii sadarkaa kanaan gahuun kan qabsaawota dirree keessaa sosso’an kan galateeffachiisu malee kan irratti olola bansiisu hin turre. Rakkoo dhuunfaa Jaal Goollichi qabuu itti dhimma bahuun qabsoo sabaa gufachiisuuf itti dhimma bahuun kan naamusa namummaa hin hordofne dha.

Namooti hagoon hogganoota ABO-WBO irratti olola oofaa jiran fi kan akka badhaasaatti PP irraa aangoo kajeela jiran ofii isaaniitiin of saaxilaa jiran kan of dura ibsinu ta’a. Haala kanaan waggaa sadan darban gantooti WBOtti bobbaafamuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo diiguuf dhama’aa turan irra aanuun, dammaqinsaa fi qaroomina ajajoota ABO-WBOn fashalee jira. Kunsi kora guddaa ABO-WBO irratti hoggana waaltawaa filachuun mirkanaawe. Hogganni haarawaan filames labsii duula Gootota Oromoon moggaafame Hagayya 8, 2021 labsameen milkii fi injifannoo jajjaboo galmeessuun mooraa diinaa fi farreeni yeroo yaaddessu, mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ammoo onnachiisee fi danboobsee jira.

Nuti WBOn dhaloota hari’aa, seenaa fi rakkoo wal-xaxaa ABOn keessa dabarsee irraa barannee, jabna abbootii keenya qabsaa’oota haqaa maxxafannee, laafina isaanii irraa barachuun jabinatti jijjiiruun, jabina isaanii irraa dhaallee, tokkummaa keenyaa cimsannee, akeeka fi kaayyoo ABO isa ganamaa galmaan ga’uuf murannoo fi kutannoo hojjechaa jiraachuu keenya akka uummanni keenyi, miseensonnii fi jaalattoonni Qabsoo Bilisummaa Oromoo nuuf hubatan barbaadna. Akkasumaas akeekaaf kaayyoo qulqulluu jala hiriirun qooda nurraa eegamuu bahachuu qabna malee, ajandaa diinni fi ergamtoonni diinaa uumata keenyaaf kennan akka hin keessummeessine dhaammanna.

Dhuma irratti, Miidiyaaleen PP olola shiraan guutame WBO irratti lallabamuu jalqabe kanaaf osoo gurra hin kennine qabsoo ABO-WBOn itti jiru jabeessitan ilmaan Oromoo maraaf waamicha goona. PP waliin rakkoo siyaasaa Oromoo furuu ykn akka jaarmayaa bilisa ta’anii sosso’uun hin dandahamne Oromoon marti hubachuu qaba. Kanaaf, uummatni keenya galii qabsoo isaa kan tahe Mirga Hiree Murteeffannaa isaa harkatti galfatuuf ciminaa fi tokkummaadhaan akka socho’u gadi jabeessinee dhaamna. Uummati keenyi ololaa fi afaanfajjii gantooti Qabsoo Bilisummaa Oromoo qawwee WBO hatanii diinatti galanii fi maqaa qabsoo karaa nagaa qabsoofna jedhanii uummata keenya dogoggorsu bira darbanii WBO irratti ololan cinaatti dhiisee, galii qabsoo isaa kan tahe Mirga Abbaa Biyyummaa isaa harkatti galfatuuf duula ABO-WBOn maqaa Goototaa Oromoon moggaase cinaa dhaabbachuun Oromiyaa dhuunfatanii bulchiinsa uummataa diriirfamaa jiru bakkaan gahuuf qooda keessan ciminaa fi tokkummaadhaan bahattan Ajajaan Ol’aanaan ABO-WBO gad-jabeessee dhaama.

Injifannoo Uummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Fulbaana 20, 2021

Many Oromo peoples failed under hunger due the war declared on Oromo peoples by the regime.

Wallo Oromos failed under famine

Yes, our people are suffering a lot from one corner to the other. No food and no shelter. But most of us choose to give only to the known people.

Eviction, after eviction; burning of their homes, assets, crops in the field, killings and throwing their Holy body to forest and eaten by wild animals have become Oromos fate since Abiy Ahmed came to power. Those who survived the red terror from Gujii and Boron are now returning to their community, but they need not only food and shelter even psychological help. Starvation is widespread all over Oromia for example in Gujii, Borana, Arsi, Dambi Doloo and Walloo. In some districts in Borona people are dying from starvation.

In the video, Obbo Liban who newly returned to his Community Dhuuqo in Gooroo Doola district, in Gujii Zone is briefing the devastating life he and his people have gone through.

According to Liban, “the community was destroyed beyond repair. The Government soldiers dislocated them, burned their homes and farms, leaving them homeless and exposed to man-made starvation. He mentioned there is no school (destroyed by the Government soldiers), the imprisonment rate is high, and the people in the community were tortured and terrorized by the Government soldiers. Children and women were being raped! The Government soldiers were targeting and killing people in the community – more like ethnic cleansing. There is no road, no houses, no schools, nothing! We are in the process of rebuilding now that they have left. No one cares, and no one listens to us. Thank you for letting me speak!”

Human Rights Watch United Nations and other humanitarian institution should have to save the innocents attacked by manmade famine.

Qeerroo waa hubaattee

Qeerroo!


Waa dubbiin sii galtee?
Kaayyoon manii hin geenyee
Obbaafadhe jettee
Dhoobamtee akka hin teenye


Bar… hin obbaafattu
Qabsoon dhaalaan darbaa
Kaayyoon tasa hin cittu
Diinniis kaayyoo qabaa
Qabsoonsaas hin cittu
Kansaas dhaalaan darbaa
Ofiif gooftaa ta’uuf
Siin taasisee garba.


”Buddeen nama quubsu
Eeleerraa beeksisa”
Akka hawwii keetiif
Spoonjirra raftee, sponnjirra teessa
Akka yaada kootiif
Bar… spoonjirra raftee, sponnjirra hin teessu
Qoraattirra raftee, qoraattirra teessa
Akka ammaa-ammaa quuqee si damaqsu.
Galfata abbootii fi egeree dhalootaa
Eenyutti dagattee bashanantee rafta?


Kanaafuu yaa qeerroo
Qeerroo morma jorroo
Bashanana balfi
Kaayyo hin dagatini
Ija tokkoon rafi
Tasa hin liphsatini.
Qeerroon kaayyoo eegu
Yeroo argatee hin mugu.
Qeerroon biyya eega
Qeerroon kaayyoo eega
Yoom dagate rafa
Yoom dagatee muga.
Qeerroon kaayyoo eegu
Diilallaan dhiqata
Qeerron taa’ee hin dhugu
Utuu fiiguu unata
Adeemaa cuffata
Qeerroon qalbiin fiigu
“Akka gugee kaataa
Harka buleen nyaata”
Qaamaan huuqqateeu
Qalbiidhaan gabbata.


Zelealem Aberra Tesfa

Odeessa Waraanaa!

Oduu_Injifannoo! Fulbaana 16/2021!

Godina Gujii Bahaa Aanaa Liiban Ganda Mugaayootti Waraani Bilisummaa Oromoo Cibraa Soddom Booroo tiif Cibraan Odaa Adoolaa Walta’uun Fulbaana 16/2021! Barraaqa Sa’aati 11:30tti Kaambiitti itti Cabsuun Mishigii keessatti dhukkeessee daara godheera! Diina irraa battalatti 18 kan duhaan Adabe yo tahu,27 ammoo madoon geggeesseera.akkasuma hogganaa kaambichaas Erga madoon adabeen booda Hospital Nageelle Booranaa keessatti duhuun samiitti ol ergeeraa!

Gamanumaan Waraanni Bilisummaa Oromoo Cibraa Soddom Booroo jiraattota Aanaa Gumii Eel-dallotiifis dhaamsa Ariifachiisa dabarsinaa!

Uummannii Aanaa Gumii Eel-dallo kan Magaala Ardaa Madheera keesa jiraattan kamuu Guyyoota Muraasaaf Cibraan Soddom Booroo Lola ifaa addeesse loluun Kaambii diina barbadeessee Magaalattii bilisa baase Uummata isaa deebisee Bilisummaa isaatiin Akka jiraachisuuf tarkaanfi Cimaa meeshaalee waraanaa gurguddoon diina irratti waan fudhannuuf daddaffiin akkuma duraan itti jirtanitti Walitti fufiinsaan Magaalaa #Ardaa_Madheeraa gadi dhiisaa Bahaa jennaa! Qaamni Ibsaaf dhaamsa kana darbee Gidduu lolaatti miidhame ammoo Cibraan Soddom Booroo itti gaafatamummaa lubbuu isaa kan hin fudhanne ta’uus asumaan isin beeksifnaa!

Diina waraanuun keenya Dirqama qabsoo waan ta’eef dhaamsa barbaachisu isaniif ibsinee jirraa! Kanaaf Namnii Maatii Magaalattii keesa qabdanis daddaffiin dhaamsa kana waliif daddabarsuun dhaamsa Oromummaa keesan bahadhaa isiniin jennaa!

IUOf!

Via-JL Mark Soddom Booroo

Oduu injifannooBobbaa Elemoo Qilxuu!

WBO zoonii kibbaa, cibraa odaa adoolaa.
Fulbaana 11 2021.

G/bahaa gooroodoolaa ganda madha dunuun guyyaa kalee AKM 8f diinarraa hiikuun mooraa diinaa guututti dhuunfateera.

Itti fufuun ganama kana lola guddaa G/ bahaa aanaa Gooroodoolaa ganda goofa yam’ootti loltuu PP 10 ol erguun hedduu madoon adabeera.

Injifannoon uummata Oromoof

❇️Oduu tarkaanfii WBO zoonii GG. 07/09/2021

“””””””””””””””””””””””””””””””
Irreef gaachanni Ummata Oromoo WBOn zoonii GG, humna diinaa salaale Ona kuyyuu irraa gara Kooyyee Akaalee konkolaataf miilan fiigaa turte haxxeen rukutuun biyyoo taasisee jira.

Humni diinaa kun tilmaaman nama 200 kan taatu yoo ta’u 30 battalatti yoo duutu hedduun madoon adabamtee jirti. Konkolaatan tokkos hojiin ala taatee jirti.

Injifannoon Ummata Oromoof.

Baha Oromiyaatti injifannoo WBO Zoonii bahaa

Injifannoo WBO baha oromiyaa 08/09 /2021

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn baha Oromiyaa tarkaanfii waraana gabroomfataa irraatti Harargee lixaa aanaa mi’eessoo araddaa daalachaa gaara daalachii bakka jimaa jaarsootti guyyaa sa’aatii saddeetitti Fulbana 7/2021 fudhateen nama 6 kan ajajaan humna addaa maqaan isaa Xahaa jedhamuu fi ajajaa poolisii ajajaa kudhanii kan keessatti ragamu battalumatti ajjeesee , 13 ol madoon adabe keessa 3 Hospitaala geette yoo duutuu, walumaa galatti loltuu 9 ajjeesee 10 madoo damdammii hin qabnee gara Adamaatti feetee jirti.meeshaa kilaashii 3 irraa hiikuun Dantaa qabsoo Uummata Oromoo ooliche jira .

Injifannoon Uummaata Oromoof!
Fulbaana. 08/ 2021

Duula Bobbaa jaal Elemoo Qilxuu!

Fulbaana 6/2021!

Abdiif Gaachanni Uummata Oromoo WBO’n Zooni Kibbaa Cibraa Soddom Booroo Fulbaana 6/2021 Guyyaa keesa Naanno Sa’aati 09:30 irratti Humna Diinaa Godina Gujii Bahaa Aanaa Gumii Eeldallo irraa gara Magaala Nageelle socho’aa jirtu irratti Tarkaanfii fudhateen bakka Addaa #Irreessa_Liiban_Burii jedhamutti Humna diina paatrooli Shaniin socho’aa turte keesa Sadii guutuu daaressuun 16 battalumatti Lafatti dabaluun 21 oli ammoo yo madeessu paatrooli Kan fiigichaan haxxee jalaa bahee Humna Birmannaa Ganda Simmintoo irraa fuudhe deebi’aa jirus Lola kana irraa Turtii daqiiqa 35 booda Iddoo Addaa #Karaa_Waleenso ykn #Qarree_Kudhaa jedhamutti haxxee hidhuun 8 battalatti yo dhabamsiisuu 11 ammoo madoon adabeeraa!

Waluma Galatti Humna Diina Paatrooli Shaniin socho’aa turte fi Humna Birmannaa Paatrooli Lamaan dhufte irratti Tarkaanfi Cimaa Fudhachuun Humnii Addaa Cibraa Soddom Booroo Fulbaana 6/2021 Injifannoo Cululuqaan Diina irraa 24 Lafatti dabaluun 31 ammo madoon adabee kanneen hafanis Raasaa keesa harcaaseeraa!

Injifannoon Uummata Oromoof! Lolichii itti fufaa!

Design a site like this with WordPress.com
Get started