OROMOO AKKA KURDOOTA?????… moo oromoo akka AYYUUDOOTAA??…

Sabboonummaa Oromoo fiixee irraa gara golga Itophiyummaa (cover fake nationalism akka political ideology) summeeffamuutti.

Uummaanni tokkoo eenyummaa fi biyyaa qaba kan jedhamuu yoo sabboonummaa qabaateedha. Sabboonummaan uummaata tokkoo kan ibsamuu immoo wantoota jiruu ofii guyyaa guyyaa keessatti godhatuu kanneen eenyummaa, duudhaa, aadaa, sirnaa, ogummaa fi beekumsa ganamaa sabichaa waliin walqabatuuni. Oromoonis sabbonummaa isaa Oromummaa keessaan muldhataa.

Oromummaan bal’aadha, gad fagoodha. Waan hundaan oliidha.
OROMUMMAA malee oromoon biyya qabaachuu hin danda’uu.
OROMUMMAA malee oromoon akka sabaatti itti fufuun danda’uu.
OROMUMMAA malee oromoon eenyummaa isaa tikfatee jiraachuu mitii nagaan garboomufiyyuu hiree hin argatuu.

Gaafti oromoon salphatee akka ayyuudota duriitti faca’ee baduuf deemu gaafa Oromummaa isaa gad lakkisee fi Tika godhuufii dadhabeedha.

Bilxiginnaan akka dhufeen jaarmiyaalee golgaa oromummaa tahaan diige, kuniis sabboonummaa oromoo(Oromummaa) balleessuufi. Kanaas kan godheef jaarmiyaa sanneen diiguun oromummaa qullaa argatee rukutuuf akka mijatuufiidha. Kan jalqabaa sana keessatti balaan irraa gahee, Qabsoo Bilisummaa Oromooti. QABSOO OROMOO butuun PP kan innii itti oromoo miidhe, galii hanqachuu kaayyoo qofa osoo hin taane jaarmiyaaleen Oromoo laamsha’anii akka Oromoon impaayeerummaa fudhatuu taasisee. Oromoon impaayerummaa fudhatee jechuun Oromummaan haleellaa hamtuu jala seene jechuudha. Kan ammaa argaa jirruus kanuuma.
Itophiyaan seenaa keessatti Oromoo cabsuu irraatti akka alanaatti nutti milkooftee hin beektu. Kan biraa hafee gaaffiilee qabsoo Oromoo waggoota 60 oliif godheen injifannoon oromoon argatellee ofduuba deebifamaan.
Fknf. Dhimmii afaan Oromoo
Eenyummaa oromoo wantootni oromummaa, Oromoo fi oromiyaa ibsaan ni balleeffamaan(koodii gabatee konkolaataa, alaabaa/faajjii/, moggaasaa kilaboota, miidiyaalee) fi kkf akkasumaas duudhaa fi eenyummaan oromoo oromummaa ibsaan ni faalamaan. Itophiyummaan fudhachiifamanii abbummaan oromoo zeroon baayyifamee.

Jaarmiyaaleen oromoo bara kana ni sarbamaan, Gadaan sirnii guddichii oromoo dhaabbataa daldalaa tahee, baankiin bakka buusaan, siiqqees akkasumaa. Dhaabbata daldalaa tolfamaan, kunii haalluu fi ulfaatina sirnichaa gatii dhabsiisuun cinaatti eenyummaa fi sabbonummaa oromoo diqaalessuun itophiyummaa fudhachiisuuf summii facaafamaa jiruudha. Isa kana Oromoon qubaayyuu of hin qabuu.

Afaan Oromoo wareegamaan afaan barnootaa taasifamee, cabee balleeffamaa jiraa. Qormata biyyoolessaa keessaa haqamee jiraa. Itti aansee itophiyummaan dhaloota cuubuuf seenaan oromoo kitaabilee keessaa haqameera. Oromoo akka weerartuutti babal’ifannaa oromoo jedhamee barsiifamuu eega qabee bubbuleera. Oromoon akka hin jirree fakkeessanii seenaa Oromoo haqaa deemuuf namoota oromoo fi daangaa oromiyaa illee amaaraaf kennaan(fknf abbabaa biqilaaf akkaatti barreeffamee kitaaba barnoota as dhiyoo irraa ilaalaa)

Daangaan oromiyaa ciramee guyyaan oromiyaan diigamaa jirtii. Onoonni oromoo kibbaa bahaan kanneen akka gammoojii sawweenaa, fiiltuu, qaachaan, Odaa roobaa, maddaa walaabuu, Gurraa dhaamolee, golboo liibaan kanneen akka odaa diimaa haga dooloo xiqqaa, kibbaan kanneen akkaa udaat, malkaa marii dabalatee guutummaan oromiyaa irraa fudhatameera.

Bahaan kanneen jaarsoo, cinaaksaan, gammoojii baabbilee, haga deemee hargeessaa gahuutti Oromoon jaarsoo balleeffameera. Waadaan chaartaraatti naannoon somaalee haga Godee magaala jabduu godhee ijaarratuutti teession isaanii jijjiigaa haatahuu jedhamee cabee Oromiyaan jijjiigaa mitii dirree dawaa, harariif awaadayiyyuu dhabdee jirtii. Kan kallaattii karraayyuun, areertii, kaasee haga affaar gahuu Bulgaa guutuu oromoo keessaa balleeffameera. Kaabaan Oromiyaan walloon gargaar kutuun guutuun goolabameera.
Gama lixaa fi kaaba lixaatiin daangaan oromiyaa kan buree daamotirraa Oromoon Osoo dhiibamuu walaakka biyyaa keenyaa dhabneerra. suniyyuu hafnaan godinoota lama Horroo guduruu fi wallagga bahaa keessatti diinni biyyaa ofiisaa hundeessuuf deema. Kanaas PPtu PPtu godhaa jiraa. Yeroo TPLF illee hin turree waan kun. OROMOONNI akka mataakkal, raayyaa fi walloo wabii hin qabaan

Kana maaliif kaasee? Sabbonummaan oromoo(Oromummaan) sadarkaa Oromiyaa jedhuu irraa diigamee oromiyaan baddee Itophiyummaan minlki fedhuuf eegalee goolabuun itti fufuu agarsiisuufi. Piroojeektiin bilxiginnaan godhaa jiruu kun yeroo booda Oromoo uummaata biyyaa dhabeessa qofaa osoon eenyummaa isaallee dhabsiisuudha.

Akka ammaa ilaalaa jirruutti bilxiginnaan badee impaayeerri kun diigamee hin jiguu tahee sadarkaan impaayeerri itophiyaa itti dabartuu kan itti aanuu sadarkaa sabboonummaa waloo uumaan fudhachiisuuti.

Kan ammaa argaa jirruu dargaggeessi oromoo, waan ofii dagachuun, ajandaa impaayerummaa dhaadhessuu fi kkf kunneen Oromummaa fi qabiyyee eenyummaa ofii dagachuu oromoo agarsiisa. Sadarkaa kana irraatti sabbonummaa waloo Kan jedhamuu, kanneen akka Irreechaa kan waloo taasifamuu, aadaawwaan fi ayyaanni dhugeeffannoo Oromoo akeeka fi kaayyoo godhamaniif gatanii akka impaayeeraaf tahuutti, bakka daldalaa, dirree gabaa, dirree siyaasaa fi itophiyummaa(aadaa kolonii itti dhaadhessaan) lafa safuun oromoo itti baduu cabuu fi cabaanummaan babal’aatu tahuu. Kana irreecha bara kana irraatti argineerra.

Sadarkaan kunii gaafa goolabamee, sadarkaan impaayeerummaa irraa gara biyyaa saba tokkootti ceeti jechuudha itophiyaan. Kuniis akka duraa sana osoo hin taane; Aadaa, eenyummaa, sabbonummaa fi oromummaan, oromoo adeemsa keessaa balleeffamaa waan dhufeef, eenyummaa itophiyummaa, amaarummaa, afaan amaaraa, amantii alaa dhufaa fi alaabaa tokkiittii fi biyyaa itophiyaa fudhachiifamaa. Sanaa booda Oromiyaan ni balleeffamtii, Oromoo wanti jedhamuu gaadatti ol deebifamaa. Biyyii takkaa, alaabaa takkaa fi saba takkaa jedhamaa jechuudha.

Isa kana Oromoon osoo arguu /osoo ilaaluu hubachuu dabarraa/ ofiirraatti dalagaa jiraa. Kan PPn godhaa jirtuu isaa kanaadha.

Kanaan ani jechuuf yaalaa deemuu, adaaduma Itophiyummaan Oromoo keessaatti dagaagaa adeemtuun Oromummaan quucaraa adeema. Kana jechuun yoo itophiyaan olkaatuu oromummaa irraa eejjachuun ishii dirqama, kunii ijaaramaa ishii irraatti kan eegaleef bu’uureffateedha. Kanaaf itophiyaan Oromoo ishiif tahuu uumuu irraatti dhaloota kana irraatti milkooftee jirtii.

Kana booda yoo kunii tahee.
*gaaffiin daangaa hin jiruu, moyaaleen kan somaalee taatee kan gaamoo taatee rakkoo hin qabuu, sababni isaa laftii kan biyyaati malee kan sabaa mitikaa
*finfinneen kan kootin hin jiruu, oromoon lafaa hin qabuu. Laftii kan warraa(baalagarii) tahaa jechuudha. Baalagariin eenyu gabbaariin eenyu kan jedhuu sirnaa durii keessaa ilaaluu dandeenya. Torbee 3n tokkoofimmoo shaggaar keenya jettee iyyuuf teessa. Gaafa airport haaraan fudhatee gidduu sanaa oromoo balleessemmoo adaamaaan keenya jechuufii….. Raajii…

  • Oromiyaan waati jedhamuu hin jiruu, sababni isaa biyyaa keessa biyyii hin jiraattu jechuudha.

Walumaagalaatti Oromoon haguuma Itophiyaa gaarii fi dansaa tahuuf yaaluu haada ittiin fannifamuu mormaatti of naqee jireenya ofiitti xiqqeessaa.

Impaayeerri takkaa biyya tahuuf adeemsa keessa darbuu qabduutu jiraa. Itophiyaan biyyaa tahuuf ulaagaa sanneen hin guutne. Ulaagaa sanneen karaa lamaan guutti. Sana keessaa karaan tokkoo saba hundaa balleessuun adeemsa waliitti makuu(assimilation) walfudhachiisanii eenyummaa haaraa uumudhaani. Suni eenyummaa saboota balleessa(sanyii balleessuuni) kan ammaa itophiyaan godhaa jirtuu sanyii balleessuu kanaadha.

OROMOO FI DARGAGGEESSI OROMOO.
Giraafii gadii kanarraa sadarkaa sabboonummaan (Oromummaan) isaa dura tureetti(top) ol deebi’uuf impaayeerri kun diigamuu fi PPn baduu qabdii.

Taphnii obbolaa lamaan jettuu sunii impaayerummaa lafa qabsiisuu fi oromummaa itophiyummaan walfudhachiisuuf deemsa godhamuudha. Lollii godhamaa jiruu impaayera fi uummattoota/humnoota bilisummaa sabaaf falmaan/ gidduuttidha. Akkuuma beektaa sirnii ammaa sabaa waan jedhamuuf Heera beekamtii sabaaf kennuu kana ciree gatuuf deema, hojiittis hiikee jiraa. Impaayeera hundeessitoonni(ownership) warrii qabaan balfanii nuffanii jibbanii waraanuu eegalaan, gabbaarotaan(slave)n baraaramtee ijaaramuu hin dandeessu.
KUNII KARAA OROMOO AKKA KURDOOTAA GODHUUDHA.

Jaawwii Jiillee
Fiwudaalaaf du’aa
OROMUMMAAF KA’AA! haa tahuu.
OROMOON AKKA AYYUUDOTAA OF KABAACHIISUUF MAAL GODHUU QABAA? ITTI FUFAA…. ITTI HAA FUFUU?

Abaagazoota waraana absiniyaa irraa isiin haa aansu

lolaa qindaawaa qaama mootummaa ofiin jedhuun Oromoo irraatti tahaa jiruu

duulli Horroo guduruutti godhamaa jiruu PPn hoggaanama.

waggoota dheeraaf duulli Oromummaa fi Oromoo irraatti taasifamuu akeeka minilik Oromoo balleesse biyya Oromoo Dhuunfachuuf qabatee ka’ee qaama Lola Galmaan gahuuf saganteeffamuuti. lollii kun karaa lamaan adeemaa jiraa.

A. Bara nugusootaa, kan dargii fi Wayyaanee keessaa Saboota biraa fi keessattiyyuu warraa kaabaa fidanii Oromiyaa keessa qubaachiisaa turaan. Qubaachiisun kun immoo qaama haala teessumaa fi qubannaa hawaasaa jijjiiruuf Kan taasifamuudha. oromoon Yoo beellii ykn hongeen dhufee oromiyaadhuma keessa qubsiifamaa, sanayyuu Yoo hireen jiraatedha. warrii kaabaa garuu Oromiyaa keessaa iddoo strategic tahee qubsiifamuu, kuniis Kan godhamuuf sagantaa Oromoof Oromiyaa xiqqeessaa adeemu fi boodarra balleessanii eenyummaa itophiyummaa hawwaan uumuf waan godhamuudha. impaayerri tuniis akeekni jiraachuu ishii kanuumaafi.

B. Kan Lammaaffaa qubannaan cinaatti Kan deemsifamuu humnoota daangaa irraatiin Oromoo daangaa isaa dhiibuu fi sanaa booda immoo lafa xiqqeessuudha. lollii kun karaa lamaan altokkootti adeemsifamaa, kuniis keessaa humnoota Oromiyaa keessa qubaachiifamaan hidhachiisuun Oromiyaa tasgabbii dhorkuu, qaamni Aangoo of harkaa qabuu tasgabbii dhabuu keessoo kanaa ajandaa godhatee lolaa daangarraan oromootti banamuu Akka dhageettii hin argannee taasisaa. humnoonni daangaa irraa jiraan immoo Oromoo lolanii buqqisanii ofii isaaniitif qubataa adeemu. haala kanaan yeroo dhiyoo waggaa 11n asiitti qofaa Yoo xiqqaate guutuu Oromiyaa digirii 360 naanneessanii waraanaa jiruu. waraanni kun sagantaa sirna akkaa tahee fi qaama mootummaa ofiin jedhuun kan wiixinamee Akka tahee kan agarsiisu keessaa muraasnii yeroo ajandaan wayii Oromoo tokkummeessu uumamuu karaa kanaan lolaa itti bananii Oromoo cabsuu.

haala kanaan Oromoof Oromiyaa yeroo adda addaatti obboloota isaa osoo hin hafiin irraatti bobbaasuun duguuggaa sanyii gaggeessaa jiruu. Kunis.

  1. Yoo karaa bahaatiin ilaallee, somaaleen mi’eessoo kaasee haga moyaalee marsee waggoota Oromoo fixaa jiraa kuniis km 1700 Ol naannessee waraana Oromoo irraatti banameedha. kunii ammaas Kan Falaa argatee mitii, lolaa kanaan Oromoon Yoo xiqqaate walaakkaa Oromiyaa har’aa kana dhabeera, waggaa muraasan asiitti qofaa.
  2. maccaaf Tuulamaa(fantaallee kaasee haga asoosatti, mataakkal dabalatee) marsee finxaaleyyiin oromiyaa irraatti lolaa erga labsuun duguuggaa eegalanii bubbulanii jiruu.
  3. giddu galaa kibbaatiin, yeroo adda addaatti sidaamaa, gedayoo, hammar, koyiraa fi kkf saboota itti bobbaasuun Oromoo duguugsisuun Oromiyaa weerarsiisuutti jiru.
  4. Kaabaan immoo oromoota boorana kaabaa jedhamaan kanneen akk, walloo, raayyaa fi kkf itti gariin itti milkaa’uun duguuganii har’aallee hambaa hafteetti duula irraa hin citnee irraatti gaggeessaa jiruu.

●Ammaatti Sababni PPn waan kana gootuuf maali yoo jennee.

  1. Siyaasni sabaa fi sabboonummaan haa baduu sagantaa jedhuu qabu. Kunis sabboonummaan oromoo baduu qabaa, oromoo ni xiqqeesse, oromoon eenyummaa isaa dhiisee itophiyummaa fudhachuu qaba sagantaa jedhuu waan qabaniif lolaa kana itti banuun kan feesiseef, siyaasni sabaa biyyaa diigaa, waliitit bu’iinsa dhalaa, farraa nagaati jechuufi. Kanaas ammaatti gochuun kan feesisee yeroo itti sirniichi bututee dadhabee hattuun guutamee utubaaleen state gatii dhabaan waan taheef akka oromoon hiree isaa hin murteeffannee danquufi. Kana malees diina oromootti baayisanii harka kennaachiisuufi.
  2. Sagantaa oromoo itophiyaa irraa eegnee itophiyaa baraarre jedhaan galiin gahuufi kan kana duraa dubbatanii warraa isaanii nugusootaaf waadaa seenan agarsiisuufi. Kunis kan isaan itophiyaan itti fuftii jedhanii dhaadataan oromoof oromiyaa laamshoftee irraatti tahuu waan hubataniif iddoo tarsimaawaa tahee rukutanii oromoo laamshessuuf duula godhamaa jiruudha. Ammaan duraa bahaaf kibbaa bahaa turee, ammaa immoo lixaa, kaaba lixaaf giddu galaa oromiyaatti kanaaf fuulleffatee.
  3. Oromiyaa balbala addunyaatti ittiin baatu dhorkanii marfamaa keessa seensisuun ukkaamsanii bitanii qabeenyaa oromiyaaf oromoo saamaa oromoo fi oromummaa dhabamsiisuufi. Kanaas fknf yoo ilaallee, karraa Bahaa irraa yoo ilaallee oromoo dhiibanii, Jijjigaa, cinaaksaniif dooloo irraa buqqisanii baasaniiru. Ammaa immoo moyyaalee, dirree dawaa, awaadaayif nageellee keessaa baasa jiruu. Yoo hin dhaqqaabne dhiyootti karraa kana cufuu. Haala kanaan marsanii ukkaamsuuf hawwii qabaan dhugoomsuuf lolaa godhamaa jiruudha. .Lollii kun akkasumaatti lolaa adeemsifamaa jiruu ykn lolaa daangaa kan baramaa tahee uummaanni wal cinaa jiraatu waliitti bu’uu mitii. Saganta lamaa qabatee jiraa. Sagantaan lamaan kun garee lamaan deemaa jiraa.

.Gareen jalqabaa warraa saboonni isaanii oromoo cabsaan yoo tahuu isaan kun oromoon baduu malee cabee moo’amuu malee jireenya itti fufuu hin dandeenyu jedhanii yaadu. Kanaafis oromoon cabee lolaanis tahuu tolaan akka asoosama isaanii fudhatee eenyummaa isaa garuu fedhuu.
.Gareen lammaffaan immoo aangoo warraa qabuu yoo tahaan warraa teessoo isaanirraatti faayidaaf haadha isaan deessellee gurguraniidha. Isaan kun oromoos dabalatuu, akeekni isaanii immoo cabiinsaa oromoo keessaan aangoo turfachuufi, kunis gamtokkoon warraa habashaa gammachiisanii firoomfachuu fi oromoon immoo diina impaayera tanaati jedhanii warraa sagantaa kana hojiitti hiikaa jiraaniidha.

●Taatee gidduu kanaa yoo ilaallu.
Taateen Horroo guduruutti irraa deddeebiin ta’aa tureef jiruu waan kanarraa eegalaa. Wantoonni akkanaa kun oromiyaa horro guduruu wallagga, wallaggaa bahaa, GG, walloo fi kkf as dhiyeenya muldhataa jiraa. Akkuuma oliitti jedhee sagantaa kana duuba Kan jiruu PPdha. addaatti immoo shimallis Abdiisaatu qindeessaa jiraa. Raayyaa ittisaa biyyaa itti erguun uummata irraa qawwee funaansisaa. humna ittisaa WBOn hidhachiisee uummata Akka eeganiif bobbaasu diina jedhanii itti duulu, Akka Faannoon uummaata fixuufi haala mijeessanii itti waamu, kana boodarra Faannoon dhufee uummata duguugaa jiraa.
humna waraana jiraa RIB jedhamuuf kan odeessa kennuu immoo warraa lafa naannoo Sanaa beekaan kanneen caasaa PP Godinaa, aanaa fi gandaatti muudateedha. warrii kun karaa isaaniitin faannoof dhiyeessi fi rasaasaf dhiyeessuuf. kana malees shanee waliin lollaa jedhanii jedhanii marii yeroo adda addaatti qabachaa turaan. fknf meeshaa Oromiyaa irraa fuudhanii faannoo waliin gurgurtaan Wal jijjiirraatu. warrii waraana jedhamaan RIB immoo golgaa faannoof taasisanii Akka uummaanni ofirraa hin qolanneef uummata irraa qawwee hiiku, kana malees Akka Faannoon hin rukutamnee duula qolannaa uummataa gufaachiisu

kana Kan godhaniifis Oromoon Akka humna godhatee nagaa argatee hin jiraanneefiidha. Akka Oromoon isaan gabbaree harka kennatee waan isaan jedhaan fudhatee buluufiidha. waan kunii kan godhamuuf walumaagalaatti Oromoo Afaan isaa hin dubbannee, eenyummaa isaa hin hirmaanne akkasumaas itoophiyummaa fudhatee biyyaa isaa irraatti gaaffii hin kaasne taasisanii bituufii.

● OROMOON Maal gochuu qaba
kanaaf fallii jalqabaa sirnaa kana ofiirraa bakka qabsiisuudha. dhumaatii uummata keenyaaf Kan adda dureen itti gaafatamuu PPf jaleewwaan ishiiti. Lollii oromoorraatti tahuu itti abbaan eenyu jechuun ilaaluu nama gaafataa, abbaan lolaa kana qindeessummaan gaggeessaa jiruu qaama mootummaa ofiin jedhuudha. Lolaa kana akkamiin qolannaa irraatti yaadni addaa jiraa hin fakkaatu sabaabni isaa duulli godhamaa jiruu duula duguuggaati. Karaa siyaasaas tahee waraanan qolatanii of baraaruu qofa filaannoon jiruu. Gama kanaan innii oromoo tahee ergamaa diinan ofiitti dhukaasaa jiruus of ilaaluudha qaba. Sooriyaatti duktaatorri Assad gaafa baqatee baduu obbolaa isaallee gatee baqatee, ilmaan oromoo ergama PP fudhaattanii baqataa uummaata fixaaf ficcisiisaa jirtaan of ilaalaa. Boruu itti qaanoftuu ni salphaattu.
Yoo xiqqaate humni oromoo baratee PP dura dhaabbachuu irraatti illee taatu wal hubachuu dadhabuun qaaniidha. Oromoo tahee jiraachuuf itti fufuu oromiyaa irraatti amantaa hin qabaanne yoo jiraate gadigaloo(taadiyoos taantuu) oromoo qofaa. Isa kanaaf sagalee illee uummata kanaaf walfaana tahuu barbaachisaadha. Sagalee uummataaf tahuun waa lamaaf barbaachisaa.

1ffaa. Ijjii addunyaa hammeenya Sirna kanaa argitee callistuus itti agarsiisuun dirqama waan taheefi. Gaafa tokkoo sirna kana gaafatama keessa galuun hin hafuu kanaaf iyyachuun dirqama. Abbaan iyyaatui ollaan dirmaata. Fknf habashoota fudhaadhaa, akkamiin akka dhimmaa jibbaa oromoo irraatti walfaana dhaabbataan. Maaltu addaan sin oofa.

2ffaa. Oromoodhuma ciisee jiruu dammaqaan. Kunis oromoon inni gad hafee akka ciisee du’aa ofirraatti hin eegne obbolaa isaaf akka birmatuu fi akka humna godhatee walfaana qoostuuf gargaara.

Karaa hundaan waltaatee oromiyaa baraaruu fi of baraaruu sagantaa jedhuu jalaatti walirraa qolachuuf waliin falmachuun murteessaadha. Rakkoon dhuunfaa gidduu nama jiruu biyyaa booda tahuu qabdii. Yoo oromoo taanee jiraanne yaada keenya iddoo itti walfalminuu tolfannaa mataa jiruutti shaashii maruu jedhaa mammaakaan.

Jaawwii Jiillee
Nagaan

the agenda is part of a genocidal campaign they are planning to launch against the Oromo

The most friendless people in this empire are the Oromo. on the contrary, they are all enemies of Oromo and Oromummaa.

  1. In connection with the current issue being driven and spread by the media as new, at the time in 2013, the OLA called for an independent investigation. In fact, not only this, but all the crimes committed by the Abiy government and used to defame OLA, while the OLA has call for an independent body to investigate, Abiy Ahmeds regime and PP govt has been rejecting the calls for an independent body.
  2. Why did the media fail to speak up for an independent investigation at the time and release this today? and since he took it out, why did he delete it? this too requires special investigation 
  3. Generally, the agenda is part of a genocidal campaign they are planning to launch against the Oromo. just like they propagated against the TPLF and then attacked the Tigrayan people under the guise of the TPLF.
  4. For the propagandists including EBS መዝናኛ

your attempts to legalize the massacre of the Oromo with this bush propaganda campaign will bring you serious danger. it is Abiy Ahmed who has prevented an independent body from entering to investigate all the allegations against the OLA so far. therefore, it is good to understand that the PP is the mastermind behind this propaganda.

The suffering of anyone should be condemned. The PP’s attempt to use so much self-created evil for political purposes testifies to the suffocation of the regime.

5 finally
such crimes are organized by the Abiy government for political gain. this can be seen from the statement given by the government body at the time. again, please refrain from the propaganda that is going to be driven against the Oromo people in connection with this.
it is imperative that the people who believe in equality for national demands stand together

#freeoromia Jaawwii Jiillee

Diinni Oromoon ammaatti qabuu PP fi Ethiopia qofa

Diina waloo waliin qabaachuuf akeeka waliitti hirkatuu ykn wal miilu(wal tumsuu) ykn waliif dahoo tahee qabaachuun waan dursuu qabuudha.

*Dhimma dibbee lola kaabatiin walqabatee jiruu ilaalchisee, diinni keenya waliitti nu nyaata kanaaf nutii waltaane dhimma keessoo keenyatti waliin qabnu dhiise, isa halaalaaf walfaana dhaabbachuu qabna. Kan PPn jettuuf.
Oromoon PP waliin dhimma waloo qabuu yoo jiraate kan yakkaa waraanaf duguuggaa sanyii gannoota 7f deemaa turee qooddachuuf of qopheessa jiruuf waliin dalagaa tureedha. Kanaaf Oromoon akka sabaatti PP waliin hariiroo diinummaa qofa qaba. PP(Ethiopia) waliin oromoon akeeka waloo qabuu hin jiruu, yoo jiraatees warraa sagantaa PPn waggaa 100f oromummaa cabsuuf saganteeffattee hojiitti hiikuuf karoora keessa jiruu qofaadha.

PP(Ethiopia) waliin rakkoon xumuramee walfaana itti fufuun danda’aamu hin jiruu. sababni isaa Ethiopia project warrii europe qooddannaa Afrikaa irraatti akka isaan waliitti hin buuneef impaayera awurooppanoonni ijaaranii bakka bu’uummaan M£**likitti kennaniif haga ammaa lafaarraatti hafteedha. Impaayeera keessatti rakkoon nagaan furamee hin jiru.

*Diinni nutii itophiyaa waliin waliitti qabnu hin jiruu. Oromoon imaammata(ideology) Itophiya jedhamuu kanaan dhiitamaa, hacuucamee, gabroome jiraata jiraa. Diinni Oromoo, Oromiyaaf Oromummaa, saba fedheellee tahee kan ilaalcha Itoophiyummaa kanaan cuubameedha. Kanaaf diina ofii waliin diinni(firrii) waloo qabaatan hin jiruu.

Diinni oromoo kan ammaatti Oromoof oromummaa liqimsee Oromiyaa dhuunfataa jiruuf ammaas itti hojjataa jiruu Itophiyaaf PP qofa.

Kanaaf humnoota diina halaala impaayeera kana diigan kamillee jabaadhaa jechaa humna oromoo jabeessutu furmaata malee diina nyaatee afaanii nama qabuu kan nama alaanfataa jiruu dhiisanii diina fagoo xiyyeeffannoo keenya hatuuf diinnumti keenya nutti dhaadhessuuf yaadda’uun wallaalummaadha.

*Dhuma irraatti, dargaggeessi Oromoo qoraan impaayeraa taatee Gammoojjii hambaatti biyyee tahuuf qophaa’aa jirtuuf diinni si kaadhimmatee jirtuu biyyuuma abbaa keetitti du’uun filaannoo jalqabaati.

*Ilmaan Oromoo impaayeera kana waraana keessa, kaabinee keessa fi bifa adda addaan tajaajila jirtaan immoo diinni oromoof isiin waliin qabnuu, isa lolaatti sin oofaa jiruu PP fi itophiyaa tahuu beeka.

Jaawwii Jiillee

Diina waloo sodaa
Warrii Diinan wal taatan
Haqa Battee Urgeessaa
Akkamiittin dagaattan

Itophiyaanuu diinaa
Diina Qalee nunyaatee
Kan sodaachudhaa qabdaan
Kan haalala dhufumoo
Isaa nu alanfatee?

Nagaan!

MIL’UU WAGGOOTA 10n KANA DABARSEEF #ADAWAA! ANAAN, OFUUMA KOOTIRRAA!

Kuni kan koo kan akkaa dhuunfaa namaa tokkootti ani ergaan waa hubachuu eegalee gannoota 10n darbaan kana ilaalee taajjabeedha.

Wantootni ganna 10n darbaan kana keessatti jijjiiramaan danuudha. Kan biraa haa hafuutii 2015 keessa yeroo adawaan kabajamuuf jedhuu namoota adda dureen habashaa dura dhaabbatanii guyyaan kun oromoo akka sabaatti nun ilaallatu: waan irraa argannee hin qabnuu jechuun namoonniin beeku kanneen miidiyaa hawaasa kana irraatti walfaana habashaa morma turree kanneen akka Garasuu Tufaa, Birhanu leenjisoo, ahmad Gishee, Awwol Allo.. (including their master icon activist Jawar) warraa yeroo sanaa keessaa Tsagaye Araarsaa irraa kan hafee baayyeen PP tahanii adawaan nu ilaallata nuun jedhaa jiruu. Kuniis raajiidhumaa… Jedheen biraa darbaa….

Gara ijoo dubbiitti kiyyaatti osoo hin seeniin duraa: waadaa tokkoo ofiif seenen waan kana barreesse. Inniis waan Adawaa irraatti barruun koo kun anaaf tarii dhimma kana irraatti kan xumuraa tahuu malaa ammaa booda hin dubbaadhu tarii kan waggaa dhuftuu jiraadhee wanti na dubbachiisu yoo jiraate kanumaan gadi baasa.

Haala yeroo sana tureen barrii itti Italy abisiiniyaa weeraarte jedhamuu sana keessaatti impaayeerri ammaa tun kan unkaaf bocaa sirrii hin qabnee, kan mootummaa abbaa irreellee tahee ulaagaa mootummaa hin guutannee turee. Kanaaf kutaaleen biyya oromoo Danuun sana booda lolaa haga 1900tti tureen cabanii #namittii jalaatti galaan malee bulchiinsa ofdanda’oo turaan. Kanaaf Adawaan kun ayyaana injifannoo weerartootatii malee injifannoo sabootaafi kan oromoo ulaagaan itti tahuu nattiin muldhaanne.

Wanti kana nu jechisiisuu danda’uu danuudha.

1ffaan: haala yeroo sana tureen minilikiis weeraratuu turee. Sana biraayyu darbee weerartuu reef sirna uummattoota diigee gartokkeen sabootaatti duulee duguuggaa geessisaa tureedha malee mootii uummataa hin turree. Gama duula waraananiis yoo taate warraa adiin caalatti kan oromoota lafarraa dhabamsiise minilikii(adiin sana boodas dhufteetti garuu haga sirna habashaa saboota hin miine) sababa weerara Habashaan oromoon ni dhabamee fkn oromoota har’aa maqaa qofaan dhageenyuu warrii akka jaaloo, geeraa, jirruu, daada, gullaallee, eekka warjii dabalatee Danuun dhabamaa tahaani badaaan. Adawaan injifannoo oromooti yoo jennee egaa oromoon ofiin deebi’ee sanyii of balleesse jechuudha

2ffaan. Lollii isaan minilik waliin godhaan jedhamuu kuni qaama lola kolppneeffattoonni walii isaanirraatti Lafa qabannaaf taasisaniiti malee lolaa diddaa kolonii mitii: mataa isaatiin Habashaan biyya sabootaa koloneessaa turee waan taheef. Yeroo lollii Italy waliin godhamuu kutaaleen kibbaa ammaaf oromiyaan gartokkeen walabummaa qabdii. Garuu harkii caalu sanaa booda minilikiin kolooneeffatamaan.
@ Asiitti kan hubatamuu qabuu kolooneeffattoonni warra jalqaba cabsanii bitaan dirqaamsiisanii itti aanuutti wal faana itti duulu. Kana irraayis oromoonni jalqaba osoo minilik hin dhufiniyyuu habashaan wal lolaa turanii oromoo kaan dursanii kolooneeffatamaan kanneen akka Maccaaf Tuulamaa, raayyaaf walloo fi kkf duula adawaa kana irraatti dirqiin hirmaachifamaniiru. Kanarraayyuu lamaanuu diinahoo isa kam lollaa irraatti ilaalchi oromoota raayyaa diina isa hamaa lollaa kan jedhuu akka turee seenanis namoonni seenaa qorataniis ragaa bahuu!
•NB, hirmaannan oromoon lola adawaa kana irraatti taasisee dirqiisiifamaniiti ykn mootii cabaniin tumsuu deeman yoo tahee;
~Lola isaa anolee kan sheek Buusariin oromoo tahee oromootti duulen garaagarummaa maal qaba
~Kan waldaa mika’eel Guddisaa calaanqootti minilik waliin oromoo lolaan hoo?
~Kan Goobannii Bachoo waraagiitti oromoota bachoo minilik waliin cabseen hoo?
~Isa warraa jiddaatti akkasumaas dabareen haga suudaniif kanaatti minilik waliin duule waliin maal adda adduummaa qaba?

Kanaaf oromoon yeroo sanaatti lola irraatti hirmaachuun sirriidha hirmaataniis injifachuun sirriidha. Garuu lollii hurmaatamee kun lolaa oromoo ilaallatuu turee? Oromoof fayidaa qabaa? Dhugumaammoo gootonni oromoo kun fedhiidhan minilik jaalatanii dhaqanii hirmaatanii? Isa kana deebisuuf seenaa Abeebee Tufaa kan italy morma irraa muree mootichaatti kennee sanaa booda kaffaaltiin isaa QE’ee isaa eekkarraa buqqaafamee leemmaniitti awwaalamee ilaaluun gahaadha.

Lolaa sana kan hirmaatan cabanii diina harka jiraachuu isaanirraa ajaja dhufeef taheera.(fudhachuuf dhiisun mirgaa) Adawaa sababa oromoon hirmaateef injifannoo oromooti yoo jennee kanneen kaan oromoon minilik tumsaa oromoo lolees oromootuhoo hirmaate injifannoo eenyuuti jennaa?

3ffaa. Yeroo sana waliin walbiraa qabnee yoo ilaallee, lollii Afrikaa keessatti tahuu hundii duubaan harka warraa adii kan impaayeera koloniin babal’iifataniitu jiraa malee of danda’ee Afrikaatti warrii lolaa taasisee hin turree. Akeekni lolichaas bu’aan isaas aarsaan kaffalameef hojiin siyaasaa sana waliin dalagamees kan gareen naannoo kana kolooneeffatanii jiraan dantaaf itti ilaalaa turaniidha malee jabina addaa sirnii nugusaa sun akka dhuunfatti qabaatee itti fufee hin qabuu.

Kana jechuun warrii itophiyaa kolooneessuu fedhaa qabuu karaa alkallaattiin dadhabbii malee sirna nugusichaan: Warqeen, ilkaan arbaaf warseessaa, baalleen Guchii, dhadhaaf dannii, bunniif albuudonni bifa gibiraatiin ingilizootaaf fe’amaaf isaan ammoo aangootti isa tiksuuf imaammata, meeshaa waraanaaf teeknolojii ergamtuu isaanii minilikiif kennuu. Yoo akkaana taate nutii Adii injifannoo osoo hin taane osoodhuma lollee Mooneyyuu jennee; kolonii italy didnee kan ingliz filannee ingiliziif gabbaraa turree jechuudha qabduu (jechuunkoo warrii guyyiichi nu ilaallata jettaan).

ADDAATTI ADAWAAN YOOMII EEGALEE HO'IIFAMUU EEGALEE?

Adawaa dhaadhessanii oromoo akka injifannoo ofiisaatti fudhachiisuun as dhihoo kana bifaa adda taheen adeemsifamaa jiraa. Taajjabbii guddaan kanaarraatti qabummoo warrootuma kalee adawaan keenya mitii jedhanii dura bu’anii mormanii mormisiisaa turaaniitu deebi’ee adawaan kan kooti jedhee dhaadataa jiraa. Waan kun addaatti erga OPDOn gara aangootti haa dhuftuu jedhamuu eegalee kaasee namni 360 degree ofirraa naanna’ee fudhatee.

Kuni pirojeektii dhaloota itophiyaa fudhachiisuuti malee dhimmii adawaa dhimmaa guddaa akkaas dhaadheffamuuf yeroon itti kennamee mormamuus tahee mitii. Anis akeekni kana duuba jiruu ifa tahuu waan qabuufiin kana barreesse.

Akeekni guddaan isaa Itophiyaa impaayeera jedhamtuu kana erga biyyaa(state) jedhanii ittiin sobuu eegalanii kaasanii seenaa fi injifannoo waloo saboonni impaayeera tana keessa jiraan waliin qabaan takkallee akka hin jirree hubataan. Kana jechuun immoo saboonni waliin waan qooddataan hin qabnee, inumaa waan isaan walirraa fageessuuf seenaa diinummaaf waraanaa walirraa qabaan carraan waliin turuu isaanii bal’aa tahee waan argameef kuni gadi dhufee adawaa oromoo fudhaachiisanii injifannoo waloo waliin qabna jecuuuf godhamee.
Kana malees dhaloota sammuu irraatti dalaganii kana fudhachiisuun itophiyaan yaaddoo oromoo irraa qabduu irraa akka boqoottuuf yaadamee kunii godhamee.
Dhugaatti itophiyaa waliinis tahee habashaa waliin oromoon seenaa diinummaa malee seenaa qajeelaaf hariiroo gaarii waliin qabaatee kan beeku kan ragaan jiruu hin arginee.

Gaafa adawaa dhaadhessuu eegalaan jalqaba irraatti isaan jedhaan muraasa keessaa kan asii gadii kunii isa duraati.

*Oromoo kana yeroo hundaa ABOn seenaa miidhamuu isaa qofa isa barsiisa, sammuu waraanamaa qofaa qabatee deema malee bakkanaatti injifatteetta, kuni Injifannoo keeti kan jedhuu hin barsiisu jedhan. Isa kanaafis oromoo kana sammuu moo’amaa irraa gara ayidolojii injifataatti ceesisuu qabna(we have turn oromoos from victimised mentality to victorious mentality) jechuudhaan adeemsuma keessa bara akkanaa kana goone, bara akkanaa kana galchinee jechaatuma sissiqaa sissiqaa dhufanii dhumarra #Adawaan injifannoo keetii fudhaadhu jedhaniin. ¿Giliiggil… irriif’ jettee amaarrii☹😆. GUDUUNFAA!

Kana jechuun gama biraatiin itophiyaa ijaaruu keessatti sabni oromoo jaalatee qooda fudhatee jiraa, Oromoon oromummaa isaa balleessuuf ofiisaaf fedhee afaan aadaa fi eenyummaa ambaa fudhatee oromummaatti duuleera, oromoon ofumaaf of cabsee malee garbummaa jala hin turree, dhiinbaaf dhiittaan saba oromoo irraa hin turree siin jechaa jiruu.
Duguuggaan sanyii oromoo irraatti hin taasifamnee, aanoleef calanqoon asoosama malee dhugaa mitii, finfinneen bararaadha(yizootaa xaayituuti malee QE’ee abeebee Tufaaf axalee jaatanii mitii) jedhanii sihalaa jiru.

Kana ni fudhaattamoo? Falmattee seenaa kee aadaa kee eenyummaa kabaachiifattaa, abbaa biyyummaa kee deebifattamoo? Durdurii diinaa hordoftee of dhabdaa kan jedhuu siif dhiiseera.

Sababa kana hundaaf Adawaan akka sabaatti Oromoof injifannoos miti. Faayidaan Oromoon irraa argatees hin jiruu! Yoo jiraate immoo lafaaf QE’ee isaa mana amantaaf na#&nyaan saamamuu fi maqaa kiristinnaa baattachuudha. Akkasumaas kolonii jalaatti biyyoota Afrikaa godina takka hin kaanillee gaafa walabummaa cabsitaan Oromoon cabee koloonii jalaatti hafuu isaati.

Bitootessa 2 2024

Jaawwii Jiilleetiin. NAGAAN TURAA!

●Sababoota Itophiyaan itti fufuu hin dandeenyeef!

  1. Gaaffiin eenyummaa sabootaa kan saboota biyyaa kanaa erga koloniitii gaafataa turaan deebii argannaan impaayeerri kun bu’uura akeeka ijaaramaa isaan itti fufuu waan hin dandeenyeef, gaaffiin uummataa yoo deebii argatee ofiitti deebitee waan akeeka itti fufaa dhabduuf ni diigamtii. Sababa kanaaf tolaan gaaffii sabootaa kan bilisummaa, walabummaa mirgaaf eenyummaa abbaa biyyummaa hin kennituu. Kanaafis gaaffiin kun haga deebii argaatuuttif saboonni walaboomanii biyyaa bilisaa kan mataa isaanii ijaarrataniitti nagaan hin jiruu. Kanaaf impaayeerri tun itti fufuu hin dandeessu!
  2. Haalli addunyaa kanaa saffisaan jijjiiramaa deemuu irraa humnoonni waltarree dorgoommiitti jiraan yeroo yeroon filaannoo isaa jijjiiraaf fooyyeessaa jiruu. Sababa kanaafis impaayeerri itophiyaa Briatin waliin USAn ijaarramee kuni yeroo kana dorgommii jabaa warraa veto power tahaan walirraatti godhaa jiraaniin bakka itti michoomuuf hirkaatuu wallaaluu irraa raafameef michuu dhabuutti deemaa jiraa. Sababa kanaafis haala yeroo waliin tarkaanfachuu warraa kolooneessitoota habashaa impaayeera itophiyaa tana ijaaran irraa kan kahee warrii adii gaanfa Afrikaaf naannoo kanaatti olaantummaa fedhaan mootummaa biraa jabaa waahila isaaniif tahuu kan naannoo kanaatti irree qabaatu dhaabuu fedhuu [both western wing(NATO) and far east team/neo socialist/(BRICS)]. Sababa kanaaf tokkootti amanee maxxanuu shakkii impaayeerattiin seentee raafamteen gama lamaaniittu tuffatamaa jirtii, Kun immoo hirkoo hin qabduu taanan salphaatti kufuu akka dandeessu nu akeeka!.
  3. Addunyaan tun gidduu asii gadii kanaatti olaantummaa argataan jennaan guutuu addunyaa to’aachuu akka danda’aan beekamaa sababa ta’eefii (iddoon kuniis europe keessaa Turkey irraa eegalee gama Afrikaan immoo Naannaan Morookoo eegalee haga somaalee gahuutti jiruu kanarraatti dorgommiin warroota lixaaf baha fagoo jabduun jiraachuf adeemsii isaa ifaatti muldhatuu) kanaafis bakka kanarraatti gamtokkoon olaantummaa argachuuf iddoo murteessaan bakka impaayeerri itophiyaa jirtuu tana sababa ta’eefii impaayeerri itophiyaa immoo ammaatti sabaaba filaannoo yeroo taatee yeroo waliin tarkaanfattee humnoota kanaan hin filaatamneef gidduutti rukutamtee mootummaa haaraa jabaan akka adeemsa keessa dhaabbatuu ifaadha(beekamaadha) haalli addunyaa kanaa bifuuma kana fakkaatuun jijjiiramaa as gahee, ammaas kanumaan itti fufaa!
  4. Haalli addunyaa kanaa illee yoo dhiibbaa godhuu baatee, akkuuma uummata keenya saba oromoo qaawwaan nutti uumamee rakkataa turree tattaaffiin keessaa baane ammaa immoo dabaree ishee impaayeera itophiyaaf habashaa (generation gap) isaan muudatee jira. Haala ammaa jiruu dhaloonni habashaa ammaa kun akka abboota isaanii warraa oromoo cabsaniitti tooftaan oromoof saboota cabsaniif waliin cabsanii harkaatti galfachuu hin danda’aa. Kuniis sababa saboonni dammaqaniif akkasumaas amalumaaf hundeedhumaan gaaffiin eenyummaa al takkaa kaanan dagaagaa deemuuf ammaa yeroon isaa darbee jiraa.
    Dabalataan immoo Habashoonni jaarraa 21ffaa keessa taa’anii ammaas akkii(tooftaan) isaan ittiin impaayeera kana itti fufsiisuuf deemaan kanuuma jaarraa 19ffaa keessa abboonni isaanii dhimmaa itti bahaniidha. sababa kanaafis uummattoota cunqurfamoo biraa mitii tooftaan bittaaf kolonii isaanii addunyaa biraattiyyuu kan fashalee(failed colonial strategy) waan taheef humna sabootaa ukkaamsuu hin danda’aan. Sababa kanaaf hireen ishiin qabduu kufuu qofaa!
  5. Eenyummaa impaayeerri tanarraa qabaan irraa haala itti uummattoonni biroon ofiitti fudhataa dhufaan waliin walqabatee warrii qawwee warraa lixaatiin impaayeeraatti irreen bu’uuraan shakkanii gaaffii abbummaa kaasaa jiraachuu isaanin walqabatee impaayeerattiin #Hirkoomaleessa taatee jirtii. Kana jechuun itophiyaan erga min#*kii haga ammaatti ayidoolojii amaarummaa/haabashummaa/ortodoksummaa/itophiyummaa/afaan amariffaan/ turtee!. Haala shakkii habashoota kanaan ammaatti impaayeerattiin hirkoo /ideological base/ dhabdee qilleensarraattii rarraatee jirtii. Kanaafis yeroo kanaatti lollii amaarri godhaa jiraan kun Jawwee eegee of nyaattee taasisaa jirtii! Kanaafis hireen ishii diigamuu taatee jirtii!. *Gaheef Dirqamnii Oromoo maali!. Haala addunyaaf gaanfa Afrikaatti muldhataa jiruu kanaa waliin uumamaati oromoo akka guddummaa isaatti QE’ee ofii fi olloota isaa irraatti waan ija isaa seensisuuf ilkaan keessa0 isa baasu dalaguun dirqama. Filaannoo ambaaf firaa tahuuf maal taana? A.Oromoon ilkaan diinaaf firaa isaa keessaa of baasuu qaba. kuniis akkamiin tahaa yoo jennee Ija diinaa yoo seenne ambii osoo hin jaalatiin ija isaa eeggatuuf jechaa sikunuunsa. kuniis oromoon hiree nagaaf nagaada godina kana tahee humnoota itti duulaa turaan hundaaf diinoota isaa filaannoo dhabsiisuu qaba. B. Jabaa hundii firoomfachuuf barbaadu tahuu qaba: QE’ee isaa irraatti injifannoo argataa jiruu kana cinaatti saboota seenaaf duudhaa waliin qooddatu uummattoota kuushiif uummattoota cunqurfamoo biroo hiriirsuun jabeessuun fardiidha. Kuniis hireen Oromoof Oromiyaa murtooftuu nagaan godina kanaaf naannoo kanaa abjuu akka tahee kana caalatti itti agarsiisuun murteessaadha. C. Oromoon sabaaf jaarmiyaa imaammataa tahuudha qaba. Heerriif seerri orom dur kan ganamaa seeraa guutuu tahuuf kan oromoon amma ittiin qabsoo godhaa jirtuus namaaf namaa mitii namaaf uumamaa addunyaa kanaallee kan waliitti firoomsee hariiroo waliin jireenyaa itti fufaa qabuu tahuu agarsiisuun amansiisuun dirqama. Kuniis jeeqama godina kanaatti muudatee kanaaf furmaanni nuharkaa jiraachuu imaammata qabnuu agarsiisuun ofii keenyarraa eegallee muldhisnee amansiisuu qabna.

Kanneen olii kana irraatti jabaannee jechuun biyyii lafaa tun kan warraa of ibsee, of muldhiseef filatamuu danda’ee waan taateef carraan impaayeera tana abjuu taasisuu bal’aadha. Kanaafis filaannoo jabaaf dhumaa humnoonni addunyaa tanaa naannoo kanaatti qabaan qofaa tahuu agarsiisuun dirqama. Kanaafis madaala keenya eeggannee deemuun dirqama.

Gama Naamusaan, siyaasaan, fi imaammata hawwaanna nutii oromoo mitii saboota biraaf illee qabnuu yeroo yeroon ijoo dubbii tolchuu danda’uun dirqama.

Liigi xixxiiqqoo kan gandaa(premiership😆) keessaa baane sadarkaa Liigi biyyaaleessa isaa guddaa(premeirlegue) ykn kan oromoo Oromiyaaf Oromummaatti yoo taphaannee injifachuuf dorgoomne moo’uu hanqannullee, sadarkaa biyyaaleessaa waan taheef abbaan biyyummaan keenya Lolaanis tolaanis fudhaatamaa adeema. kanaaf kana irraatti haa xiyyeeffaannuu!

Jaawwii Jiillee

Yoo dheeratees na oofkalchaa
Yoo meelatees nagorfachaa
Akka kanaan injifannaa
Baraanni keenya irra aanna! Nagaan bulaa!

What did the PP planned for future?


The PP is a legal terrorist in the Horn of Africa who is disrupting the social life and peace of the citizens of Oromia, other nations of the Ethiopian empire and neighboring countries of Ethiopia

A. He is going to wage a mass war against civilians. and this is what he has lost in the political arena and is going to take revenge on the people.
He is conducting this in two ways.

-The first is to attack civilians in non-combat areas with heavy weapons to kill and arrest them on the pretext of fighting the OLA. This is what they have been doing openly in many corners of Oromia for the past five years. They are still continuing this one. For example, in the meantime, it has been attacking the north and northwest of the Shaggar for over a month, with tanks, madfies, zuu23s, mortars and small missiles. In addition, it is carrying out attacks by drones and fighter helicopters in many places including western Oromia. She is going to continue this again.

-The second is using civilians as a shield: they set up a town far from the battlefield or exchange of fire in a big market and fire heavy weapons into the countryside, sitting in the crowd and opening fire.. in this way occasionally they set up madfies for tanks in the public market and fired towards where they suspected the WBO was. The main intention of this is to draw the battlefield to the civilian community and destroy the civilian population as part of the fighting. This is the worst of the terror tactics.

B. Invading a body outside the battlefield in an attack is looting and genocide. This situation is being used to deploy armed mercenaries of the ruling body to massacre the people in the absence of gunfire.. In response to this, they are going to say that the people were injured in our attack to fight the WBO (collateral milotary action during war). This is unacceptable for non-combat areas but in the context of rifle fighting outside civilian settlements (civilian attack on the areas out of battle field is a complete terrorism of govt). So the PP is ready to Create terror!

.The ruling body has lost all the qualifications that make it a government and has become a mafia group, a group of thieves, a group of shifts and a terrorist group without a people in control.

On peacekeeping; The PP has not only failed to maintain security but also become a terrorist in the defeated districts and has become a public security problem through its structures and agents. Therefore, the hope that this body will be able to bring down the system to maintain peace is beyond zero and negative. So this body has failed in this regard.

  • in terms of controlling its structure; these bodies have formed their own organizations for plunder and have become feudal kings in the villages and districts instead of being responsible for their structures due to lack of fair command to control the system. Therefore, even if the peace talks with the PP succeed, he cannot control his own body and implement what he agreed with the organization.
    In this regard, he has come down from the government and has taken the form of a shift.

  • Illegal trade and smuggling of prohibited substances.
    The Ethiopian empire is currently the world’s largest seller and marketer of illegal substances in South Africa. For example; it is the PP that fails to control all the illegal things like human bodies like liver, weapons, drugs, human beings, minerals etc.
    This is being done and facilitated by the military officers of the top leaders and the head of the pp regime abiy Ahmad. So in this regard, the PP has become a legal terrorist rather than a government!

Therefore, our people must strongly rid themselves of this evil terrorist entity.

@Jaawwii Jiillee

STAY SAFE!

Diinni maaliif deema?


PPn shoroorkeessaa beekamtii qabuudha(PP is a legal terrorist) gaanfa afrikaatti jireenyaa hawaasaa fi nagaa lammillee oromiyaa, saboota impaayeera itophiyaa biroo fi biyyoota ollaa Itophiyaa jeequtti kan jiruu PP Abiyyiin durfamtuudha

A. Lolaa jumlaa uummata nagaa haleeluu gaggeessee aarii siyaasaan injifatamee uummataatti bahuuf jiraa.
Kunis karaa lamaan gaggeessaa jiraa.

-Kan jalqabaa uummata nagaa lafa lollii hin jirree keessaatti sababa WBO lollaatiin ajjeesuu, hidhuuf meeshaalee gurguddaan haleeluuf jiruu. Kuni waan gannaa shanaan darbee kana ifaatti goleelee oromiyaa hedduu keessatti gaggeessaniidha. Ammaas isa kana itti fufaa jiruu. Fkn gidduudhuma kana kaabaf kaaba lixa shaggaar ji’aa oliif, taankii, madfii, zuu23, moortaraaf missayeloota xixxiqqaan haleelaa jirtii. Dabalataan xiyyaaraa waraana nama maleessaaf helikoptera lolaatiin lixa oromiyaa dabalatee bakka baayyeetti haleellaa gaggeessaa jirtii. Ammaas kana itti fufuuf jirtii.

-kan lammaaffaa immoo uummata nagaa golgaa godhachuuf jirtii(using civilians as a shield): kanaafis magaalaa dirree lolaa ykn dhukaasa irraa fagoo tahaan gabaa guddaa keessa dhaabbatee meeshaa lolaa dhukaasa, uummata keessa taa’ee lolaa banaa.. kanaas gidduu darbee gabaa uummataa keessa taankiif madfii dhaabee WBOtti dhukaasaa turee. Akeekni kanaa innii guddaan lolaa gara hawaasa siiviliitti harkisuuf waan kana dalagaa jiraa. Kuni tooftaa shoroorkeessuu keessaa isa hangafaati.

B. Haleellaa gaggeessu keessatti qaama lolaan ala jiruu weeraruun saamichaaf duguuggaa sanyii gaggeessuudha. Haalli kun bakka lollii dhukaasni hin jirreetti mersenaroota qaama biyyaa bulchuun hidhachiifamaan bobbaasanii uummata duguuguuf taasifamaa.. Kanaafis deebii WBO loluuf haleellaa goone keessatti uummanni miidhamee (collateral milotary action during war) jechuuf deemu. Kuni naannoo lollii hin jirreef haala lollii ripheelolaa quubsuma uummataan ala tahee keessatti garuu fudhatamaa hin qabu (civilian attack on the areas out of battle field is a complete terrorism of govt). Kanaaf PPn shoroorkaa Uumuuf qophiitti jiraa!

. Qaamni biyyaan bulchaa ofiin jedhuu kun ulaagaa mootummaa isa jechisiisuu hundaayyuu dhabuun gara garee maafiyaa, garee hattuu, gurmuu shiftaa fi gurmuu shoroorkeessaa uummata ofharkaa hin qabnee tahee jiraa.

-.Nagaa eegsisuu irraatti; PPn nageenya eegsisuu dadhabuu biraa darbee onoota keessatti injifatamee keessatti shoroorkeessaa tahee caasaaf ergamtoota isaatiin rakkoo nageenya hawaasaa tahee jiraa. Kanaafuu qaamni kun abdiin kana booda sirna tahee nagaa eegsisuuf buusuu dandeessisuu isaa zeroo bira taree negative tahee jiraa. Kanaaf gama kanaan kufee jiraa.

  • Caasaa isaa gaggeessuutiin; qaamni kun sababa sirna to’aachuuf taliiguu qajeelaa hin qabneef caasaan isaa waliitti deebi’uun gaafatamaa irraa jiruu dhiisuun saamichaaf gurmuu ofii ijaarrachuun naannoof ona jiraan keessatti nugusaa tahanii jiruu. Kanaafuu PP waliin osoo mariin milkaa’eeyyuu qaama ofii to’aatee jaarmiyaa waan itti waliigalee hojiitti hiikuu danda’uu mitii.
    Gama kanaanis mootummaa irraa gadi bu’ee unkaa shiftummaa qabatee jiraa.

-daldalaaf daddabarsii wantoota biyya lafaatti dhorkaa tahaan irraatti.
gaanfa Afrikaa keessatti yeroo ammaa kana wantoota addunyaa irraatti dhorkaa tahaan gurguruu gabaaf dhiyeessuuf nagaduun sadarkaa qabaattee jirtuu impaayeera itophiyaadha. Fkn; qaama namaa kan akka kalee seeran alaa, meeshaa waraanaa, baaloota sammuu hadoochaan, dhala namaa, albuudootafi kkf wantoota seeran dhorkaa tahaan hundaa kan to’aachuu dadhabee PPdha.
Kanaas kan dalagaa fi dalagsiisaa jiraan qondaaloota waraanaa PP hoggaanoota olaanoo PP fi mataa sirnichaa abiy Ahmad. Kanaaf gama kanaanis PPn mootummaa osoo hin taane shoroorkeessaa beekamtii qabuu(legal terrorist) tahee jiraa!

Kanaafuu qaama badaa shoroorkeessaa kana uummanni keenya jabaatee ofirraa qaarisiisuu qaba.

Jaawwii Jiillee

NAGAAN TURAA!

Sababoota Nagaa waaraan gaanfa Afrikaatti dhufuu hin dandeenyeefiitu jiraa.

Nagaa waaraan humnoota akeeka waldhiitu qabaan gidduutti kan dhufuu qaamni hundii waan isa ilaallatuuf waan barbaadee bahee karaa dubbiif mariin yoo gahee isaa argate qofaadha.

Haala ammaa impaayeerri itophiyaaf gaggeessitoonni sirnichaa fedhaniin akkasumaas ergamtoonni sirna kanaa yaadaniin nagaa waaraatu dhufaa osoo hin taane jeequmsa itti fufaa dhaabbatuu hin dandeenye dhalchaa. Kanaaf immoo sababni guddaan fedhii gaaffii oromoo deebisuu akkuuma sirnaa kalee warrii hardhaas deebisuuf kan fedhaa hin qabnee tahuu irraayi!
Itophiyaan Oromoo hidhatee jabaatee mirgii isaa kabajameefii akka namaatti biyya isaa irraa nagaan jiraatu arguu hin feetu. Kanaaf akka furmaatatti kan isaan yeroo hundaa qabatanii gara oromootti dhufaan immoo: Qawwee keessaan lafa kaa’aa, waan hiree keessanii nutu isiniif beeka, waan nutii safaarree isiniif kenniinu qofaa fudhaadha fi kkf waan waldhabaa niitii dhirsaa furuuf dubbatamuu qabatanii maqaa nagaa buusuun oromoo diigaa as gahaan. Marsaa Kanaas akkuuma kana duraa baree oduu mandaraa kan qaama biyyaan bulcha jedhuu irraa osoo hin taane milishaa gandaa irraallee hin eegamnee Oduu mandaraa qabatee waltajjii mootummoonni addunyaaf dhaabbilee gurguddoon argamaan irraatti dhiyaatee uummata biyyaattis ofiisaas qaaniif madaala hin taane itti uwwisee galee jira.

Qabxiilee PPn akka dhugaatti gogdee irraatti cichitee irraa guddaan isaanii sirniichi nagaa uummataaf dhimmaa uummataa osoo hin taane dantaa aangoof fedhii jireenya garee muraasa dhimma uummataaf biyyaan oliitti ilaalu isaa ija addunyaatti ifoomsee jiraa.
Kunneenis

  1. Gama PPtiin: nutii mootummaa uummataati uummataan filaatamnee kanaaf dirqama uummanni nuttii kennee karaa fedheenuu nibahaanna.. qawwee lafaa buusaatii harka kennadhaa, waan gaaffii uummataa uummanni nufilatee waan taheef uummataaf nutu jiraa sin hin ilaallatuu, isiin dantaa keessan dhuunfattii waan feetan siniif goona: carraa iddoo feetan jiraachuu dabalatee waan jedhuu fi
  2. Mootummaa keenyaaf beekamtii kennaa: gaaffiin oromoon waggaa 60 dura gaafataa turee deebii argatee jiraa kana booda gaaffiin bilisummaa isiin gaafattaan hin jiruu.. akkasumaas ibsa isaanii irraatti gaaffii yoomillee dhugoomuu hin dandeenye jechuun gaaffii mirga hiree murteeffannaa saba Oromoo bifa tuffiif ilaalcha jibbaa oromoof qabaan waan madaala hin kaasne uummataa biyyaattif sirna impaayeera sana madaalchisuuf tuffachiisu gabaa siyaasa addunyaatti qabaattee baatee ofiis salphistee, nagaa waaraa hawwamees fashalsitee galtee!. Akka qaama gaaffii saba Oromoo harkaa qabuutti immoo WBOn wantoota asiin oliitti PPn dhiyeessitee kun silaa dhimmoota ajandaa ta’aanii mariitti dhiyaachou qabaan hin turree. Sababni dhaloonni qabsoo hidhaannootti hiriireef haala nagaa fi mariin gaaffiin oromoo deebii hin argannee keessatti oromoon carraa mirga uumaan kennameef dhabee afaan qawween ugguramee qawwee ittiin ugguramee ofirraa kaasuuf hidhatee WBO tahee!. A. Dhimmii Hidhannoo WBO dhimma gaaffii tahuu hin qabneef mariif dhiyaachuu hin qabneedha.
    Waraanni bilisummaa oromoo uumama isaa irraa kaasee gaaffii siyaasaaf abbaa biyyummaa akkasumaas mirgoota dimokiraasiif namoomaa chaptara mootummoota gamtoomaniin lafa taa’ee hundaa kanneen oromoon afaan qawween sirna impaayera Habashaan afaan qawween sarbamee hundaa haala karaa nagaaf gaaffii siyaasaan deebii dhabee keessatti qawwee kaase.

Kanaaf dhimmii mariitti dhiyaachuu qabuu dhimma hidhannoo WBOf jaarmiyaa waraanaa osoo hin taane dhimmaa siyaasaaf gaaffii ABBA biyyummaa oromoon afaan qawween weeraramee sarbamee akkasumaas gaaffiilee seenaa kan dabaan oromoo irraatti dalagamaan irraatti tahuu qaba. Haala kanneen irraatti waliigalamee halduree dhiyaate fudhatee humnoota addunyaa dhiibbaa uumuu danda’aan irraatti fudhachuu isaan mallaattoon hin mirkaneessinee keessatti waan WBO murteessuu mitii mariif dhiyeessunuu hin yaadamuu, waanti mariicha kufaa taasisee kanuma. PPn osoo dhimmaa Uummataa hin xumuriin dhimma kana seentee marii fashalsitee.

B. Dhimmaa PP ilaalchisee ykn PP akka mootummaatti beekamtii kennuu ilaalchisee!
Sirnii PP murna warraaqsa uummataa butee aangoo ofharka galfachuun uummata masaraa isa seensisee ganeedha. Dabalataan immoo erga aangoo qabatee booda sirna abbaa irrummaa dagaagsee yeroo filaannoo dabarsee morkaattoota karaa irraa qabee filaannoo uummataa malee aangoo qawween tikfataa jiru, Sirna uummata afaan qawween ugguree bulchaa jiruu, mootummaa waraanati malee mootummaa uummataati jennee beekamtii kennuuf fudhachuu hin dandeenyu.

C. Gaaffiilee biroo gama PPn dhiyaatan hundii kan gatii hin qabneef uummata oromoos tahee gaaffii mirgaa saboota cunqurfamoo biyyatti sanaa kan hin madaalle sabaaba taheef mariachi itti fufee bu’aa waan hin qabneef kufaa tahee gargaar deemuun karaa sirniichi filateef tuffii saba oromoof qabuu kana itti agarsiisuun waan murteessaadha.

DHAAMSA!.

UUMMANNI keenya: nagaa waaraan dhufee sabni boqochuun eenyuun oliitti waraana bilisummaa oromoo kan gaaffii sabaa oromootif kennaa jiruu kana gammachiisa. WBOf haadha oromootin oliittis kan nagaan kun gammaachiisu hin jiruu: haa tahuutii garuu gaaffiin saba oromoo kan uummanni keenya gannaa 60 oliif itti wareegamaa turee deebii argatee yoo hin gudunfamiin nagaa waaraan dhufuu akka hin dandeenye beekun dirqama. Rakkoon dhugaan osoo hin furamiin irra dibaan sobaa dhugaa fakkeessuun seeqa yeroo gabaaba malee gammachuu itti fufaaf nagaa waaraa fiduu caala Boqonnaa Gadadoof dararama biraa waan fiduuf gaaffiin nagaa kan shiraa oromoo dhabamsiisuu, balleessuuf ukkaamsuu PPn qabaattee dhuftee kunii eenyuun oliitti saba oromoo ukkaamsuuf waan taheef sirna kana dhabamsiisee nagaa waaraa buusuuf sabni keenya kan kalee caala WBO waliin hiriiree falmachuudha qaba.

Walumaa galaatti; Marii adeemaa three 100% bifa dhugaa oromoo addunyaatti ibsuu danda’uun kan fashalsee PPdha.
OROMIYAAN BIYYAA!

Jaawwii Jiillee

Nagaan bulaa!

what we need to know as a nation at this time

The sacrifices paid over the past fifty years has been a bridge for us to get here. Today, the precious sacrifices made by the people as a nation to defend their freedom and identity and the journey to summarize the sovereignty demand deprived for more than 140 years continue without interruption! so our journey is a continuation of Yesterday’s struggle. So the OLF basic political aim is not the one that we began or start today for individual and group benefits. generally the demand of the OLA is a difficult and continuous cause that the Oromo have been asking for forever and still exist today.

As they say, peace is the outcome of war, alongside the initiation of peace talks started by the PP, it should be clear to everyone, that the enemy’s propaganda campaign against us is to devalue the OLA’s public intentions and to shake hands the OLA in the diplomatic front gomign on at this time.

Therefore, refrain from being part of this enemy’s destructive propaganda. from being part of this enemy’s campaign, what needed at this time is to make an advocate for the damage and destruction of the civilian population, and we must boast of the OLA’s victory in the fight and strengthen the voice of the Oromoo in the peace negotiating talks going on. this should be the role of everyone.

As a nation with one destiny, it is the duty of all Oromo to strengthen the only force we have together, OLA. and you should not do this for the sake of the OLA. Don’t worry about the fate of the OLA for a single day, the OLA carries the demands of the Oromo people. so say I care about the issue of oromo and oromia, stand together, Strengthen each other!

It was time to speak and I spoke!

Design a site like this with WordPress.com
Get started