OROMOO AKKA KURDOOTA?????… moo oromoo akka AYYUUDOOTAA??…

Sabboonummaa Oromoo fiixee irraa gara golga Itophiyummaa (cover fake nationalism akka political ideology) summeeffamuutti.

Uummaanni tokkoo eenyummaa fi biyyaa qaba kan jedhamuu yoo sabboonummaa qabaateedha. Sabboonummaan uummaata tokkoo kan ibsamuu immoo wantoota jiruu ofii guyyaa guyyaa keessatti godhatuu kanneen eenyummaa, duudhaa, aadaa, sirnaa, ogummaa fi beekumsa ganamaa sabichaa waliin walqabatuuni. Oromoonis sabbonummaa isaa Oromummaa keessaan muldhataa.

Oromummaan bal’aadha, gad fagoodha. Waan hundaan oliidha.
OROMUMMAA malee oromoon biyya qabaachuu hin danda’uu.
OROMUMMAA malee oromoon akka sabaatti itti fufuun danda’uu.
OROMUMMAA malee oromoon eenyummaa isaa tikfatee jiraachuu mitii nagaan garboomufiyyuu hiree hin argatuu.

Gaafti oromoon salphatee akka ayyuudota duriitti faca’ee baduuf deemu gaafa Oromummaa isaa gad lakkisee fi Tika godhuufii dadhabeedha.

Bilxiginnaan akka dhufeen jaarmiyaalee golgaa oromummaa tahaan diige, kuniis sabboonummaa oromoo(Oromummaa) balleessuufi. Kanaas kan godheef jaarmiyaa sanneen diiguun oromummaa qullaa argatee rukutuuf akka mijatuufiidha. Kan jalqabaa sana keessatti balaan irraa gahee, Qabsoo Bilisummaa Oromooti. QABSOO OROMOO butuun PP kan innii itti oromoo miidhe, galii hanqachuu kaayyoo qofa osoo hin taane jaarmiyaaleen Oromoo laamsha’anii akka Oromoon impaayeerummaa fudhatuu taasisee. Oromoon impaayerummaa fudhatee jechuun Oromummaan haleellaa hamtuu jala seene jechuudha. Kan ammaa argaa jirruus kanuuma.
Itophiyaan seenaa keessatti Oromoo cabsuu irraatti akka alanaatti nutti milkooftee hin beektu. Kan biraa hafee gaaffiilee qabsoo Oromoo waggoota 60 oliif godheen injifannoon oromoon argatellee ofduuba deebifamaan.
Fknf. Dhimmii afaan Oromoo
Eenyummaa oromoo wantootni oromummaa, Oromoo fi oromiyaa ibsaan ni balleeffamaan(koodii gabatee konkolaataa, alaabaa/faajjii/, moggaasaa kilaboota, miidiyaalee) fi kkf akkasumaas duudhaa fi eenyummaan oromoo oromummaa ibsaan ni faalamaan. Itophiyummaan fudhachiifamanii abbummaan oromoo zeroon baayyifamee.

Jaarmiyaaleen oromoo bara kana ni sarbamaan, Gadaan sirnii guddichii oromoo dhaabbataa daldalaa tahee, baankiin bakka buusaan, siiqqees akkasumaa. Dhaabbata daldalaa tolfamaan, kunii haalluu fi ulfaatina sirnichaa gatii dhabsiisuun cinaatti eenyummaa fi sabbonummaa oromoo diqaalessuun itophiyummaa fudhachiisuuf summii facaafamaa jiruudha. Isa kana Oromoon qubaayyuu of hin qabuu.

Afaan Oromoo wareegamaan afaan barnootaa taasifamee, cabee balleeffamaa jiraa. Qormata biyyoolessaa keessaa haqamee jiraa. Itti aansee itophiyummaan dhaloota cuubuuf seenaan oromoo kitaabilee keessaa haqameera. Oromoo akka weerartuutti babal’ifannaa oromoo jedhamee barsiifamuu eega qabee bubbuleera. Oromoon akka hin jirree fakkeessanii seenaa Oromoo haqaa deemuuf namoota oromoo fi daangaa oromiyaa illee amaaraaf kennaan(fknf abbabaa biqilaaf akkaatti barreeffamee kitaaba barnoota as dhiyoo irraa ilaalaa)

Daangaan oromiyaa ciramee guyyaan oromiyaan diigamaa jirtii. Onoonni oromoo kibbaa bahaan kanneen akka gammoojii sawweenaa, fiiltuu, qaachaan, Odaa roobaa, maddaa walaabuu, Gurraa dhaamolee, golboo liibaan kanneen akka odaa diimaa haga dooloo xiqqaa, kibbaan kanneen akkaa udaat, malkaa marii dabalatee guutummaan oromiyaa irraa fudhatameera.

Bahaan kanneen jaarsoo, cinaaksaan, gammoojii baabbilee, haga deemee hargeessaa gahuutti Oromoon jaarsoo balleeffameera. Waadaan chaartaraatti naannoon somaalee haga Godee magaala jabduu godhee ijaarratuutti teession isaanii jijjiigaa haatahuu jedhamee cabee Oromiyaan jijjiigaa mitii dirree dawaa, harariif awaadayiyyuu dhabdee jirtii. Kan kallaattii karraayyuun, areertii, kaasee haga affaar gahuu Bulgaa guutuu oromoo keessaa balleeffameera. Kaabaan Oromiyaan walloon gargaar kutuun guutuun goolabameera.
Gama lixaa fi kaaba lixaatiin daangaan oromiyaa kan buree daamotirraa Oromoon Osoo dhiibamuu walaakka biyyaa keenyaa dhabneerra. suniyyuu hafnaan godinoota lama Horroo guduruu fi wallagga bahaa keessatti diinni biyyaa ofiisaa hundeessuuf deema. Kanaas PPtu PPtu godhaa jiraa. Yeroo TPLF illee hin turree waan kun. OROMOONNI akka mataakkal, raayyaa fi walloo wabii hin qabaan

Kana maaliif kaasee? Sabbonummaan oromoo(Oromummaan) sadarkaa Oromiyaa jedhuu irraa diigamee oromiyaan baddee Itophiyummaan minlki fedhuuf eegalee goolabuun itti fufuu agarsiisuufi. Piroojeektiin bilxiginnaan godhaa jiruu kun yeroo booda Oromoo uummaata biyyaa dhabeessa qofaa osoon eenyummaa isaallee dhabsiisuudha.

Akka ammaa ilaalaa jirruutti bilxiginnaan badee impaayeerri kun diigamee hin jiguu tahee sadarkaan impaayeerri itophiyaa itti dabartuu kan itti aanuu sadarkaa sabboonummaa waloo uumaan fudhachiisuuti.

Kan ammaa argaa jirruu dargaggeessi oromoo, waan ofii dagachuun, ajandaa impaayerummaa dhaadhessuu fi kkf kunneen Oromummaa fi qabiyyee eenyummaa ofii dagachuu oromoo agarsiisa. Sadarkaa kana irraatti sabbonummaa waloo Kan jedhamuu, kanneen akka Irreechaa kan waloo taasifamuu, aadaawwaan fi ayyaanni dhugeeffannoo Oromoo akeeka fi kaayyoo godhamaniif gatanii akka impaayeeraaf tahuutti, bakka daldalaa, dirree gabaa, dirree siyaasaa fi itophiyummaa(aadaa kolonii itti dhaadhessaan) lafa safuun oromoo itti baduu cabuu fi cabaanummaan babal’aatu tahuu. Kana irreecha bara kana irraatti argineerra.

Sadarkaan kunii gaafa goolabamee, sadarkaan impaayeerummaa irraa gara biyyaa saba tokkootti ceeti jechuudha itophiyaan. Kuniis akka duraa sana osoo hin taane; Aadaa, eenyummaa, sabbonummaa fi oromummaan, oromoo adeemsa keessaa balleeffamaa waan dhufeef, eenyummaa itophiyummaa, amaarummaa, afaan amaaraa, amantii alaa dhufaa fi alaabaa tokkiittii fi biyyaa itophiyaa fudhachiifamaa. Sanaa booda Oromiyaan ni balleeffamtii, Oromoo wanti jedhamuu gaadatti ol deebifamaa. Biyyii takkaa, alaabaa takkaa fi saba takkaa jedhamaa jechuudha.

Isa kana Oromoon osoo arguu /osoo ilaaluu hubachuu dabarraa/ ofiirraatti dalagaa jiraa. Kan PPn godhaa jirtuu isaa kanaadha.

Kanaan ani jechuuf yaalaa deemuu, adaaduma Itophiyummaan Oromoo keessaatti dagaagaa adeemtuun Oromummaan quucaraa adeema. Kana jechuun yoo itophiyaan olkaatuu oromummaa irraa eejjachuun ishii dirqama, kunii ijaaramaa ishii irraatti kan eegaleef bu’uureffateedha. Kanaaf itophiyaan Oromoo ishiif tahuu uumuu irraatti dhaloota kana irraatti milkooftee jirtii.

Kana booda yoo kunii tahee.
*gaaffiin daangaa hin jiruu, moyaaleen kan somaalee taatee kan gaamoo taatee rakkoo hin qabuu, sababni isaa laftii kan biyyaati malee kan sabaa mitikaa
*finfinneen kan kootin hin jiruu, oromoon lafaa hin qabuu. Laftii kan warraa(baalagarii) tahaa jechuudha. Baalagariin eenyu gabbaariin eenyu kan jedhuu sirnaa durii keessaa ilaaluu dandeenya. Torbee 3n tokkoofimmoo shaggaar keenya jettee iyyuuf teessa. Gaafa airport haaraan fudhatee gidduu sanaa oromoo balleessemmoo adaamaaan keenya jechuufii….. Raajii…

  • Oromiyaan waati jedhamuu hin jiruu, sababni isaa biyyaa keessa biyyii hin jiraattu jechuudha.

Walumaagalaatti Oromoon haguuma Itophiyaa gaarii fi dansaa tahuuf yaaluu haada ittiin fannifamuu mormaatti of naqee jireenya ofiitti xiqqeessaa.

Impaayeerri takkaa biyya tahuuf adeemsa keessa darbuu qabduutu jiraa. Itophiyaan biyyaa tahuuf ulaagaa sanneen hin guutne. Ulaagaa sanneen karaa lamaan guutti. Sana keessaa karaan tokkoo saba hundaa balleessuun adeemsa waliitti makuu(assimilation) walfudhachiisanii eenyummaa haaraa uumudhaani. Suni eenyummaa saboota balleessa(sanyii balleessuuni) kan ammaa itophiyaan godhaa jirtuu sanyii balleessuu kanaadha.

OROMOO FI DARGAGGEESSI OROMOO.
Giraafii gadii kanarraa sadarkaa sabboonummaan (Oromummaan) isaa dura tureetti(top) ol deebi’uuf impaayeerri kun diigamuu fi PPn baduu qabdii.

Taphnii obbolaa lamaan jettuu sunii impaayerummaa lafa qabsiisuu fi oromummaa itophiyummaan walfudhachiisuuf deemsa godhamuudha. Lollii godhamaa jiruu impaayera fi uummattoota/humnoota bilisummaa sabaaf falmaan/ gidduuttidha. Akkuuma beektaa sirnii ammaa sabaa waan jedhamuuf Heera beekamtii sabaaf kennuu kana ciree gatuuf deema, hojiittis hiikee jiraa. Impaayeera hundeessitoonni(ownership) warrii qabaan balfanii nuffanii jibbanii waraanuu eegalaan, gabbaarotaan(slave)n baraaramtee ijaaramuu hin dandeessu.
KUNII KARAA OROMOO AKKA KURDOOTAA GODHUUDHA.

Jaawwii Jiillee
Fiwudaalaaf du’aa
OROMUMMAAF KA’AA! haa tahuu.
OROMOON AKKA AYYUUDOTAA OF KABAACHIISUUF MAAL GODHUU QABAA? ITTI FUFAA…. ITTI HAA FUFUU?

Abaagazoota waraana absiniyaa irraa isiin haa aansu

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started