duulli Horroo guduruutti godhamaa jiruu PPn hoggaanama.
waggoota dheeraaf duulli Oromummaa fi Oromoo irraatti taasifamuu akeeka minilik Oromoo balleesse biyya Oromoo Dhuunfachuuf qabatee ka’ee qaama Lola Galmaan gahuuf saganteeffamuuti. lollii kun karaa lamaan adeemaa jiraa.
A. Bara nugusootaa, kan dargii fi Wayyaanee keessaa Saboota biraa fi keessattiyyuu warraa kaabaa fidanii Oromiyaa keessa qubaachiisaa turaan. Qubaachiisun kun immoo qaama haala teessumaa fi qubannaa hawaasaa jijjiiruuf Kan taasifamuudha. oromoon Yoo beellii ykn hongeen dhufee oromiyaadhuma keessa qubsiifamaa, sanayyuu Yoo hireen jiraatedha. warrii kaabaa garuu Oromiyaa keessaa iddoo strategic tahee qubsiifamuu, kuniis Kan godhamuuf sagantaa Oromoof Oromiyaa xiqqeessaa adeemu fi boodarra balleessanii eenyummaa itophiyummaa hawwaan uumuf waan godhamuudha. impaayerri tuniis akeekni jiraachuu ishii kanuumaafi.
B. Kan Lammaaffaa qubannaan cinaatti Kan deemsifamuu humnoota daangaa irraatiin Oromoo daangaa isaa dhiibuu fi sanaa booda immoo lafa xiqqeessuudha. lollii kun karaa lamaan altokkootti adeemsifamaa, kuniis keessaa humnoota Oromiyaa keessa qubaachiifamaan hidhachiisuun Oromiyaa tasgabbii dhorkuu, qaamni Aangoo of harkaa qabuu tasgabbii dhabuu keessoo kanaa ajandaa godhatee lolaa daangarraan oromootti banamuu Akka dhageettii hin argannee taasisaa. humnoonni daangaa irraa jiraan immoo Oromoo lolanii buqqisanii ofii isaaniitif qubataa adeemu. haala kanaan yeroo dhiyoo waggaa 11n asiitti qofaa Yoo xiqqaate guutuu Oromiyaa digirii 360 naanneessanii waraanaa jiruu. waraanni kun sagantaa sirna akkaa tahee fi qaama mootummaa ofiin jedhuun kan wiixinamee Akka tahee kan agarsiisu keessaa muraasnii yeroo ajandaan wayii Oromoo tokkummeessu uumamuu karaa kanaan lolaa itti bananii Oromoo cabsuu.
haala kanaan Oromoof Oromiyaa yeroo adda addaatti obboloota isaa osoo hin hafiin irraatti bobbaasuun duguuggaa sanyii gaggeessaa jiruu. Kunis.
- Yoo karaa bahaatiin ilaallee, somaaleen mi’eessoo kaasee haga moyaalee marsee waggoota Oromoo fixaa jiraa kuniis km 1700 Ol naannessee waraana Oromoo irraatti banameedha. kunii ammaas Kan Falaa argatee mitii, lolaa kanaan Oromoon Yoo xiqqaate walaakkaa Oromiyaa har’aa kana dhabeera, waggaa muraasan asiitti qofaa.
- maccaaf Tuulamaa(fantaallee kaasee haga asoosatti, mataakkal dabalatee) marsee finxaaleyyiin oromiyaa irraatti lolaa erga labsuun duguuggaa eegalanii bubbulanii jiruu.
- giddu galaa kibbaatiin, yeroo adda addaatti sidaamaa, gedayoo, hammar, koyiraa fi kkf saboota itti bobbaasuun Oromoo duguugsisuun Oromiyaa weerarsiisuutti jiru.
- Kaabaan immoo oromoota boorana kaabaa jedhamaan kanneen akk, walloo, raayyaa fi kkf itti gariin itti milkaa’uun duguuganii har’aallee hambaa hafteetti duula irraa hin citnee irraatti gaggeessaa jiruu.
●Ammaatti Sababni PPn waan kana gootuuf maali yoo jennee.
- Siyaasni sabaa fi sabboonummaan haa baduu sagantaa jedhuu qabu. Kunis sabboonummaan oromoo baduu qabaa, oromoo ni xiqqeesse, oromoon eenyummaa isaa dhiisee itophiyummaa fudhachuu qaba sagantaa jedhuu waan qabaniif lolaa kana itti banuun kan feesiseef, siyaasni sabaa biyyaa diigaa, waliitit bu’iinsa dhalaa, farraa nagaati jechuufi. Kanaas ammaatti gochuun kan feesisee yeroo itti sirniichi bututee dadhabee hattuun guutamee utubaaleen state gatii dhabaan waan taheef akka oromoon hiree isaa hin murteeffannee danquufi. Kana malees diina oromootti baayisanii harka kennaachiisuufi.
- Sagantaa oromoo itophiyaa irraa eegnee itophiyaa baraarre jedhaan galiin gahuufi kan kana duraa dubbatanii warraa isaanii nugusootaaf waadaa seenan agarsiisuufi. Kunis kan isaan itophiyaan itti fuftii jedhanii dhaadataan oromoof oromiyaa laamshoftee irraatti tahuu waan hubataniif iddoo tarsimaawaa tahee rukutanii oromoo laamshessuuf duula godhamaa jiruudha. Ammaan duraa bahaaf kibbaa bahaa turee, ammaa immoo lixaa, kaaba lixaaf giddu galaa oromiyaatti kanaaf fuulleffatee.
- Oromiyaa balbala addunyaatti ittiin baatu dhorkanii marfamaa keessa seensisuun ukkaamsanii bitanii qabeenyaa oromiyaaf oromoo saamaa oromoo fi oromummaa dhabamsiisuufi. Kanaas fknf yoo ilaallee, karraa Bahaa irraa yoo ilaallee oromoo dhiibanii, Jijjigaa, cinaaksaniif dooloo irraa buqqisanii baasaniiru. Ammaa immoo moyyaalee, dirree dawaa, awaadaayif nageellee keessaa baasa jiruu. Yoo hin dhaqqaabne dhiyootti karraa kana cufuu. Haala kanaan marsanii ukkaamsuuf hawwii qabaan dhugoomsuuf lolaa godhamaa jiruudha. .Lollii kun akkasumaatti lolaa adeemsifamaa jiruu ykn lolaa daangaa kan baramaa tahee uummaanni wal cinaa jiraatu waliitti bu’uu mitii. Saganta lamaa qabatee jiraa. Sagantaan lamaan kun garee lamaan deemaa jiraa.
.Gareen jalqabaa warraa saboonni isaanii oromoo cabsaan yoo tahuu isaan kun oromoon baduu malee cabee moo’amuu malee jireenya itti fufuu hin dandeenyu jedhanii yaadu. Kanaafis oromoon cabee lolaanis tahuu tolaan akka asoosama isaanii fudhatee eenyummaa isaa garuu fedhuu.
.Gareen lammaffaan immoo aangoo warraa qabuu yoo tahaan warraa teessoo isaanirraatti faayidaaf haadha isaan deessellee gurguraniidha. Isaan kun oromoos dabalatuu, akeekni isaanii immoo cabiinsaa oromoo keessaan aangoo turfachuufi, kunis gamtokkoon warraa habashaa gammachiisanii firoomfachuu fi oromoon immoo diina impaayera tanaati jedhanii warraa sagantaa kana hojiitti hiikaa jiraaniidha.
●Taatee gidduu kanaa yoo ilaallu.
Taateen Horroo guduruutti irraa deddeebiin ta’aa tureef jiruu waan kanarraa eegalaa. Wantoonni akkanaa kun oromiyaa horro guduruu wallagga, wallaggaa bahaa, GG, walloo fi kkf as dhiyeenya muldhataa jiraa. Akkuuma oliitti jedhee sagantaa kana duuba Kan jiruu PPdha. addaatti immoo shimallis Abdiisaatu qindeessaa jiraa. Raayyaa ittisaa biyyaa itti erguun uummata irraa qawwee funaansisaa. humna ittisaa WBOn hidhachiisee uummata Akka eeganiif bobbaasu diina jedhanii itti duulu, Akka Faannoon uummaata fixuufi haala mijeessanii itti waamu, kana boodarra Faannoon dhufee uummata duguugaa jiraa.
humna waraana jiraa RIB jedhamuuf kan odeessa kennuu immoo warraa lafa naannoo Sanaa beekaan kanneen caasaa PP Godinaa, aanaa fi gandaatti muudateedha. warrii kun karaa isaaniitin faannoof dhiyeessi fi rasaasaf dhiyeessuuf. kana malees shanee waliin lollaa jedhanii jedhanii marii yeroo adda addaatti qabachaa turaan. fknf meeshaa Oromiyaa irraa fuudhanii faannoo waliin gurgurtaan Wal jijjiirraatu. warrii waraana jedhamaan RIB immoo golgaa faannoof taasisanii Akka uummaanni ofirraa hin qolanneef uummata irraa qawwee hiiku, kana malees Akka Faannoon hin rukutamnee duula qolannaa uummataa gufaachiisu
kana Kan godhaniifis Oromoon Akka humna godhatee nagaa argatee hin jiraanneefiidha. Akka Oromoon isaan gabbaree harka kennatee waan isaan jedhaan fudhatee buluufiidha. waan kunii kan godhamuuf walumaagalaatti Oromoo Afaan isaa hin dubbannee, eenyummaa isaa hin hirmaanne akkasumaas itoophiyummaa fudhatee biyyaa isaa irraatti gaaffii hin kaasne taasisanii bituufii.
● OROMOON Maal gochuu qaba
kanaaf fallii jalqabaa sirnaa kana ofiirraa bakka qabsiisuudha. dhumaatii uummata keenyaaf Kan adda dureen itti gaafatamuu PPf jaleewwaan ishiiti. Lollii oromoorraatti tahuu itti abbaan eenyu jechuun ilaaluu nama gaafataa, abbaan lolaa kana qindeessummaan gaggeessaa jiruu qaama mootummaa ofiin jedhuudha. Lolaa kana akkamiin qolannaa irraatti yaadni addaa jiraa hin fakkaatu sabaabni isaa duulli godhamaa jiruu duula duguuggaati. Karaa siyaasaas tahee waraanan qolatanii of baraaruu qofa filaannoon jiruu. Gama kanaan innii oromoo tahee ergamaa diinan ofiitti dhukaasaa jiruus of ilaaluudha qaba. Sooriyaatti duktaatorri Assad gaafa baqatee baduu obbolaa isaallee gatee baqatee, ilmaan oromoo ergama PP fudhaattanii baqataa uummaata fixaaf ficcisiisaa jirtaan of ilaalaa. Boruu itti qaanoftuu ni salphaattu.
Yoo xiqqaate humni oromoo baratee PP dura dhaabbachuu irraatti illee taatu wal hubachuu dadhabuun qaaniidha. Oromoo tahee jiraachuuf itti fufuu oromiyaa irraatti amantaa hin qabaanne yoo jiraate gadigaloo(taadiyoos taantuu) oromoo qofaa. Isa kanaaf sagalee illee uummata kanaaf walfaana tahuu barbaachisaadha. Sagalee uummataaf tahuun waa lamaaf barbaachisaa.
1ffaa. Ijjii addunyaa hammeenya Sirna kanaa argitee callistuus itti agarsiisuun dirqama waan taheefi. Gaafa tokkoo sirna kana gaafatama keessa galuun hin hafuu kanaaf iyyachuun dirqama. Abbaan iyyaatui ollaan dirmaata. Fknf habashoota fudhaadhaa, akkamiin akka dhimmaa jibbaa oromoo irraatti walfaana dhaabbataan. Maaltu addaan sin oofa.
2ffaa. Oromoodhuma ciisee jiruu dammaqaan. Kunis oromoon inni gad hafee akka ciisee du’aa ofirraatti hin eegne obbolaa isaaf akka birmatuu fi akka humna godhatee walfaana qoostuuf gargaara.
Karaa hundaan waltaatee oromiyaa baraaruu fi of baraaruu sagantaa jedhuu jalaatti walirraa qolachuuf waliin falmachuun murteessaadha. Rakkoon dhuunfaa gidduu nama jiruu biyyaa booda tahuu qabdii. Yoo oromoo taanee jiraanne yaada keenya iddoo itti walfalminuu tolfannaa mataa jiruutti shaashii maruu jedhaa mammaakaan.
Jaawwii Jiillee
Nagaan