MIL’UU WAGGOOTA 10n KANA DABARSEEF #ADAWAA! ANAAN, OFUUMA KOOTIRRAA!

Kuni kan koo kan akkaa dhuunfaa namaa tokkootti ani ergaan waa hubachuu eegalee gannoota 10n darbaan kana ilaalee taajjabeedha.

Wantootni ganna 10n darbaan kana keessatti jijjiiramaan danuudha. Kan biraa haa hafuutii 2015 keessa yeroo adawaan kabajamuuf jedhuu namoota adda dureen habashaa dura dhaabbatanii guyyaan kun oromoo akka sabaatti nun ilaallatu: waan irraa argannee hin qabnuu jechuun namoonniin beeku kanneen miidiyaa hawaasa kana irraatti walfaana habashaa morma turree kanneen akka Garasuu Tufaa, Birhanu leenjisoo, ahmad Gishee, Awwol Allo.. (including their master icon activist Jawar) warraa yeroo sanaa keessaa Tsagaye Araarsaa irraa kan hafee baayyeen PP tahanii adawaan nu ilaallata nuun jedhaa jiruu. Kuniis raajiidhumaa… Jedheen biraa darbaa….

Gara ijoo dubbiitti kiyyaatti osoo hin seeniin duraa: waadaa tokkoo ofiif seenen waan kana barreesse. Inniis waan Adawaa irraatti barruun koo kun anaaf tarii dhimma kana irraatti kan xumuraa tahuu malaa ammaa booda hin dubbaadhu tarii kan waggaa dhuftuu jiraadhee wanti na dubbachiisu yoo jiraate kanumaan gadi baasa.

Haala yeroo sana tureen barrii itti Italy abisiiniyaa weeraarte jedhamuu sana keessaatti impaayeerri ammaa tun kan unkaaf bocaa sirrii hin qabnee, kan mootummaa abbaa irreellee tahee ulaagaa mootummaa hin guutannee turee. Kanaaf kutaaleen biyya oromoo Danuun sana booda lolaa haga 1900tti tureen cabanii #namittii jalaatti galaan malee bulchiinsa ofdanda’oo turaan. Kanaaf Adawaan kun ayyaana injifannoo weerartootatii malee injifannoo sabootaafi kan oromoo ulaagaan itti tahuu nattiin muldhaanne.

Wanti kana nu jechisiisuu danda’uu danuudha.

1ffaan: haala yeroo sana tureen minilikiis weeraratuu turee. Sana biraayyu darbee weerartuu reef sirna uummattoota diigee gartokkeen sabootaatti duulee duguuggaa geessisaa tureedha malee mootii uummataa hin turree. Gama duula waraananiis yoo taate warraa adiin caalatti kan oromoota lafarraa dhabamsiise minilikii(adiin sana boodas dhufteetti garuu haga sirna habashaa saboota hin miine) sababa weerara Habashaan oromoon ni dhabamee fkn oromoota har’aa maqaa qofaan dhageenyuu warrii akka jaaloo, geeraa, jirruu, daada, gullaallee, eekka warjii dabalatee Danuun dhabamaa tahaani badaaan. Adawaan injifannoo oromooti yoo jennee egaa oromoon ofiin deebi’ee sanyii of balleesse jechuudha

2ffaan. Lollii isaan minilik waliin godhaan jedhamuu kuni qaama lola kolppneeffattoonni walii isaanirraatti Lafa qabannaaf taasisaniiti malee lolaa diddaa kolonii mitii: mataa isaatiin Habashaan biyya sabootaa koloneessaa turee waan taheef. Yeroo lollii Italy waliin godhamuu kutaaleen kibbaa ammaaf oromiyaan gartokkeen walabummaa qabdii. Garuu harkii caalu sanaa booda minilikiin kolooneeffatamaan.
@ Asiitti kan hubatamuu qabuu kolooneeffattoonni warra jalqaba cabsanii bitaan dirqaamsiisanii itti aanuutti wal faana itti duulu. Kana irraayis oromoonni jalqaba osoo minilik hin dhufiniyyuu habashaan wal lolaa turanii oromoo kaan dursanii kolooneeffatamaan kanneen akka Maccaaf Tuulamaa, raayyaaf walloo fi kkf duula adawaa kana irraatti dirqiin hirmaachifamaniiru. Kanarraayyuu lamaanuu diinahoo isa kam lollaa irraatti ilaalchi oromoota raayyaa diina isa hamaa lollaa kan jedhuu akka turee seenanis namoonni seenaa qorataniis ragaa bahuu!
•NB, hirmaannan oromoon lola adawaa kana irraatti taasisee dirqiisiifamaniiti ykn mootii cabaniin tumsuu deeman yoo tahee;
~Lola isaa anolee kan sheek Buusariin oromoo tahee oromootti duulen garaagarummaa maal qaba
~Kan waldaa mika’eel Guddisaa calaanqootti minilik waliin oromoo lolaan hoo?
~Kan Goobannii Bachoo waraagiitti oromoota bachoo minilik waliin cabseen hoo?
~Isa warraa jiddaatti akkasumaas dabareen haga suudaniif kanaatti minilik waliin duule waliin maal adda adduummaa qaba?

Kanaaf oromoon yeroo sanaatti lola irraatti hirmaachuun sirriidha hirmaataniis injifachuun sirriidha. Garuu lollii hurmaatamee kun lolaa oromoo ilaallatuu turee? Oromoof fayidaa qabaa? Dhugumaammoo gootonni oromoo kun fedhiidhan minilik jaalatanii dhaqanii hirmaatanii? Isa kana deebisuuf seenaa Abeebee Tufaa kan italy morma irraa muree mootichaatti kennee sanaa booda kaffaaltiin isaa QE’ee isaa eekkarraa buqqaafamee leemmaniitti awwaalamee ilaaluun gahaadha.

Lolaa sana kan hirmaatan cabanii diina harka jiraachuu isaanirraa ajaja dhufeef taheera.(fudhachuuf dhiisun mirgaa) Adawaa sababa oromoon hirmaateef injifannoo oromooti yoo jennee kanneen kaan oromoon minilik tumsaa oromoo lolees oromootuhoo hirmaate injifannoo eenyuuti jennaa?

3ffaa. Yeroo sana waliin walbiraa qabnee yoo ilaallee, lollii Afrikaa keessatti tahuu hundii duubaan harka warraa adii kan impaayeera koloniin babal’iifataniitu jiraa malee of danda’ee Afrikaatti warrii lolaa taasisee hin turree. Akeekni lolichaas bu’aan isaas aarsaan kaffalameef hojiin siyaasaa sana waliin dalagamees kan gareen naannoo kana kolooneeffatanii jiraan dantaaf itti ilaalaa turaniidha malee jabina addaa sirnii nugusaa sun akka dhuunfatti qabaatee itti fufee hin qabuu.

Kana jechuun warrii itophiyaa kolooneessuu fedhaa qabuu karaa alkallaattiin dadhabbii malee sirna nugusichaan: Warqeen, ilkaan arbaaf warseessaa, baalleen Guchii, dhadhaaf dannii, bunniif albuudonni bifa gibiraatiin ingilizootaaf fe’amaaf isaan ammoo aangootti isa tiksuuf imaammata, meeshaa waraanaaf teeknolojii ergamtuu isaanii minilikiif kennuu. Yoo akkaana taate nutii Adii injifannoo osoo hin taane osoodhuma lollee Mooneyyuu jennee; kolonii italy didnee kan ingliz filannee ingiliziif gabbaraa turree jechuudha qabduu (jechuunkoo warrii guyyiichi nu ilaallata jettaan).

ADDAATTI ADAWAAN YOOMII EEGALEE HO'IIFAMUU EEGALEE?

Adawaa dhaadhessanii oromoo akka injifannoo ofiisaatti fudhachiisuun as dhihoo kana bifaa adda taheen adeemsifamaa jiraa. Taajjabbii guddaan kanaarraatti qabummoo warrootuma kalee adawaan keenya mitii jedhanii dura bu’anii mormanii mormisiisaa turaaniitu deebi’ee adawaan kan kooti jedhee dhaadataa jiraa. Waan kun addaatti erga OPDOn gara aangootti haa dhuftuu jedhamuu eegalee kaasee namni 360 degree ofirraa naanna’ee fudhatee.

Kuni pirojeektii dhaloota itophiyaa fudhachiisuuti malee dhimmii adawaa dhimmaa guddaa akkaas dhaadheffamuuf yeroon itti kennamee mormamuus tahee mitii. Anis akeekni kana duuba jiruu ifa tahuu waan qabuufiin kana barreesse.

Akeekni guddaan isaa Itophiyaa impaayeera jedhamtuu kana erga biyyaa(state) jedhanii ittiin sobuu eegalanii kaasanii seenaa fi injifannoo waloo saboonni impaayeera tana keessa jiraan waliin qabaan takkallee akka hin jirree hubataan. Kana jechuun immoo saboonni waliin waan qooddataan hin qabnee, inumaa waan isaan walirraa fageessuuf seenaa diinummaaf waraanaa walirraa qabaan carraan waliin turuu isaanii bal’aa tahee waan argameef kuni gadi dhufee adawaa oromoo fudhaachiisanii injifannoo waloo waliin qabna jecuuuf godhamee.
Kana malees dhaloota sammuu irraatti dalaganii kana fudhachiisuun itophiyaan yaaddoo oromoo irraa qabduu irraa akka boqoottuuf yaadamee kunii godhamee.
Dhugaatti itophiyaa waliinis tahee habashaa waliin oromoon seenaa diinummaa malee seenaa qajeelaaf hariiroo gaarii waliin qabaatee kan beeku kan ragaan jiruu hin arginee.

Gaafa adawaa dhaadhessuu eegalaan jalqaba irraatti isaan jedhaan muraasa keessaa kan asii gadii kunii isa duraati.

*Oromoo kana yeroo hundaa ABOn seenaa miidhamuu isaa qofa isa barsiisa, sammuu waraanamaa qofaa qabatee deema malee bakkanaatti injifatteetta, kuni Injifannoo keeti kan jedhuu hin barsiisu jedhan. Isa kanaafis oromoo kana sammuu moo’amaa irraa gara ayidolojii injifataatti ceesisuu qabna(we have turn oromoos from victimised mentality to victorious mentality) jechuudhaan adeemsuma keessa bara akkanaa kana goone, bara akkanaa kana galchinee jechaatuma sissiqaa sissiqaa dhufanii dhumarra #Adawaan injifannoo keetii fudhaadhu jedhaniin. ¿Giliiggil… irriif’ jettee amaarrii☹😆. GUDUUNFAA!

Kana jechuun gama biraatiin itophiyaa ijaaruu keessatti sabni oromoo jaalatee qooda fudhatee jiraa, Oromoon oromummaa isaa balleessuuf ofiisaaf fedhee afaan aadaa fi eenyummaa ambaa fudhatee oromummaatti duuleera, oromoon ofumaaf of cabsee malee garbummaa jala hin turree, dhiinbaaf dhiittaan saba oromoo irraa hin turree siin jechaa jiruu.
Duguuggaan sanyii oromoo irraatti hin taasifamnee, aanoleef calanqoon asoosama malee dhugaa mitii, finfinneen bararaadha(yizootaa xaayituuti malee QE’ee abeebee Tufaaf axalee jaatanii mitii) jedhanii sihalaa jiru.

Kana ni fudhaattamoo? Falmattee seenaa kee aadaa kee eenyummaa kabaachiifattaa, abbaa biyyummaa kee deebifattamoo? Durdurii diinaa hordoftee of dhabdaa kan jedhuu siif dhiiseera.

Sababa kana hundaaf Adawaan akka sabaatti Oromoof injifannoos miti. Faayidaan Oromoon irraa argatees hin jiruu! Yoo jiraate immoo lafaaf QE’ee isaa mana amantaaf na#&nyaan saamamuu fi maqaa kiristinnaa baattachuudha. Akkasumaas kolonii jalaatti biyyoota Afrikaa godina takka hin kaanillee gaafa walabummaa cabsitaan Oromoon cabee koloonii jalaatti hafuu isaati.

Bitootessa 2 2024

Jaawwii Jiilleetiin. NAGAAN TURAA!

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started