- Gaaffiin eenyummaa sabootaa kan saboota biyyaa kanaa erga koloniitii gaafataa turaan deebii argannaan impaayeerri kun bu’uura akeeka ijaaramaa isaan itti fufuu waan hin dandeenyeef, gaaffiin uummataa yoo deebii argatee ofiitti deebitee waan akeeka itti fufaa dhabduuf ni diigamtii. Sababa kanaaf tolaan gaaffii sabootaa kan bilisummaa, walabummaa mirgaaf eenyummaa abbaa biyyummaa hin kennituu. Kanaafis gaaffiin kun haga deebii argaatuuttif saboonni walaboomanii biyyaa bilisaa kan mataa isaanii ijaarrataniitti nagaan hin jiruu. Kanaaf impaayeerri tun itti fufuu hin dandeessu!
- Haalli addunyaa kanaa saffisaan jijjiiramaa deemuu irraa humnoonni waltarree dorgoommiitti jiraan yeroo yeroon filaannoo isaa jijjiiraaf fooyyeessaa jiruu. Sababa kanaafis impaayeerri itophiyaa Briatin waliin USAn ijaarramee kuni yeroo kana dorgommii jabaa warraa veto power tahaan walirraatti godhaa jiraaniin bakka itti michoomuuf hirkaatuu wallaaluu irraa raafameef michuu dhabuutti deemaa jiraa. Sababa kanaafis haala yeroo waliin tarkaanfachuu warraa kolooneessitoota habashaa impaayeera itophiyaa tana ijaaran irraa kan kahee warrii adii gaanfa Afrikaaf naannoo kanaatti olaantummaa fedhaan mootummaa biraa jabaa waahila isaaniif tahuu kan naannoo kanaatti irree qabaatu dhaabuu fedhuu [both western wing(NATO) and far east team/neo socialist/(BRICS)]. Sababa kanaaf tokkootti amanee maxxanuu shakkii impaayeerattiin seentee raafamteen gama lamaaniittu tuffatamaa jirtii, Kun immoo hirkoo hin qabduu taanan salphaatti kufuu akka dandeessu nu akeeka!.
- Addunyaan tun gidduu asii gadii kanaatti olaantummaa argataan jennaan guutuu addunyaa to’aachuu akka danda’aan beekamaa sababa ta’eefii (iddoon kuniis europe keessaa Turkey irraa eegalee gama Afrikaan immoo Naannaan Morookoo eegalee haga somaalee gahuutti jiruu kanarraatti dorgommiin warroota lixaaf baha fagoo jabduun jiraachuf adeemsii isaa ifaatti muldhatuu) kanaafis bakka kanarraatti gamtokkoon olaantummaa argachuuf iddoo murteessaan bakka impaayeerri itophiyaa jirtuu tana sababa ta’eefii impaayeerri itophiyaa immoo ammaatti sabaaba filaannoo yeroo taatee yeroo waliin tarkaanfattee humnoota kanaan hin filaatamneef gidduutti rukutamtee mootummaa haaraa jabaan akka adeemsa keessa dhaabbatuu ifaadha(beekamaadha) haalli addunyaa kanaa bifuuma kana fakkaatuun jijjiiramaa as gahee, ammaas kanumaan itti fufaa!
- Haalli addunyaa kanaa illee yoo dhiibbaa godhuu baatee, akkuuma uummata keenya saba oromoo qaawwaan nutti uumamee rakkataa turree tattaaffiin keessaa baane ammaa immoo dabaree ishee impaayeera itophiyaaf habashaa (generation gap) isaan muudatee jira. Haala ammaa jiruu dhaloonni habashaa ammaa kun akka abboota isaanii warraa oromoo cabsaniitti tooftaan oromoof saboota cabsaniif waliin cabsanii harkaatti galfachuu hin danda’aa. Kuniis sababa saboonni dammaqaniif akkasumaas amalumaaf hundeedhumaan gaaffiin eenyummaa al takkaa kaanan dagaagaa deemuuf ammaa yeroon isaa darbee jiraa.
Dabalataan immoo Habashoonni jaarraa 21ffaa keessa taa’anii ammaas akkii(tooftaan) isaan ittiin impaayeera kana itti fufsiisuuf deemaan kanuuma jaarraa 19ffaa keessa abboonni isaanii dhimmaa itti bahaniidha. sababa kanaafis uummattoota cunqurfamoo biraa mitii tooftaan bittaaf kolonii isaanii addunyaa biraattiyyuu kan fashalee(failed colonial strategy) waan taheef humna sabootaa ukkaamsuu hin danda’aan. Sababa kanaaf hireen ishiin qabduu kufuu qofaa! - Eenyummaa impaayeerri tanarraa qabaan irraa haala itti uummattoonni biroon ofiitti fudhataa dhufaan waliin walqabatee warrii qawwee warraa lixaatiin impaayeeraatti irreen bu’uuraan shakkanii gaaffii abbummaa kaasaa jiraachuu isaanin walqabatee impaayeerattiin #Hirkoomaleessa taatee jirtii. Kana jechuun itophiyaan erga min#*kii haga ammaatti ayidoolojii amaarummaa/haabashummaa/ortodoksummaa/itophiyummaa/afaan amariffaan/ turtee!. Haala shakkii habashoota kanaan ammaatti impaayeerattiin hirkoo /ideological base/ dhabdee qilleensarraattii rarraatee jirtii. Kanaafis yeroo kanaatti lollii amaarri godhaa jiraan kun Jawwee eegee of nyaattee taasisaa jirtii! Kanaafis hireen ishii diigamuu taatee jirtii!. *Gaheef Dirqamnii Oromoo maali!. Haala addunyaaf gaanfa Afrikaatti muldhataa jiruu kanaa waliin uumamaati oromoo akka guddummaa isaatti QE’ee ofii fi olloota isaa irraatti waan ija isaa seensisuuf ilkaan keessa0 isa baasu dalaguun dirqama. Filaannoo ambaaf firaa tahuuf maal taana? A.Oromoon ilkaan diinaaf firaa isaa keessaa of baasuu qaba. kuniis akkamiin tahaa yoo jennee Ija diinaa yoo seenne ambii osoo hin jaalatiin ija isaa eeggatuuf jechaa sikunuunsa. kuniis oromoon hiree nagaaf nagaada godina kana tahee humnoota itti duulaa turaan hundaaf diinoota isaa filaannoo dhabsiisuu qaba. B. Jabaa hundii firoomfachuuf barbaadu tahuu qaba: QE’ee isaa irraatti injifannoo argataa jiruu kana cinaatti saboota seenaaf duudhaa waliin qooddatu uummattoota kuushiif uummattoota cunqurfamoo biroo hiriirsuun jabeessuun fardiidha. Kuniis hireen Oromoof Oromiyaa murtooftuu nagaan godina kanaaf naannoo kanaa abjuu akka tahee kana caalatti itti agarsiisuun murteessaadha. C. Oromoon sabaaf jaarmiyaa imaammataa tahuudha qaba. Heerriif seerri orom dur kan ganamaa seeraa guutuu tahuuf kan oromoon amma ittiin qabsoo godhaa jirtuus namaaf namaa mitii namaaf uumamaa addunyaa kanaallee kan waliitti firoomsee hariiroo waliin jireenyaa itti fufaa qabuu tahuu agarsiisuun amansiisuun dirqama. Kuniis jeeqama godina kanaatti muudatee kanaaf furmaanni nuharkaa jiraachuu imaammata qabnuu agarsiisuun ofii keenyarraa eegallee muldhisnee amansiisuu qabna.
Kanneen olii kana irraatti jabaannee jechuun biyyii lafaa tun kan warraa of ibsee, of muldhiseef filatamuu danda’ee waan taateef carraan impaayeera tana abjuu taasisuu bal’aadha. Kanaafis filaannoo jabaaf dhumaa humnoonni addunyaa tanaa naannoo kanaatti qabaan qofaa tahuu agarsiisuun dirqama. Kanaafis madaala keenya eeggannee deemuun dirqama.
Gama Naamusaan, siyaasaan, fi imaammata hawwaanna nutii oromoo mitii saboota biraaf illee qabnuu yeroo yeroon ijoo dubbii tolchuu danda’uun dirqama.
Liigi xixxiiqqoo kan gandaa(premiership😆) keessaa baane sadarkaa Liigi biyyaaleessa isaa guddaa(premeirlegue) ykn kan oromoo Oromiyaaf Oromummaatti yoo taphaannee injifachuuf dorgoomne moo’uu hanqannullee, sadarkaa biyyaaleessaa waan taheef abbaan biyyummaan keenya Lolaanis tolaanis fudhaatamaa adeema. kanaaf kana irraatti haa xiyyeeffaannuu!
Jaawwii Jiillee
Yoo dheeratees na oofkalchaa
Yoo meelatees nagorfachaa
Akka kanaan injifannaa
Baraanni keenya irra aanna! Nagaan bulaa!