Nagaa waaraan humnoota akeeka waldhiitu qabaan gidduutti kan dhufuu qaamni hundii waan isa ilaallatuuf waan barbaadee bahee karaa dubbiif mariin yoo gahee isaa argate qofaadha.
Haala ammaa impaayeerri itophiyaaf gaggeessitoonni sirnichaa fedhaniin akkasumaas ergamtoonni sirna kanaa yaadaniin nagaa waaraatu dhufaa osoo hin taane jeequmsa itti fufaa dhaabbatuu hin dandeenye dhalchaa. Kanaaf immoo sababni guddaan fedhii gaaffii oromoo deebisuu akkuuma sirnaa kalee warrii hardhaas deebisuuf kan fedhaa hin qabnee tahuu irraayi!
Itophiyaan Oromoo hidhatee jabaatee mirgii isaa kabajameefii akka namaatti biyya isaa irraa nagaan jiraatu arguu hin feetu. Kanaaf akka furmaatatti kan isaan yeroo hundaa qabatanii gara oromootti dhufaan immoo: Qawwee keessaan lafa kaa’aa, waan hiree keessanii nutu isiniif beeka, waan nutii safaarree isiniif kenniinu qofaa fudhaadha fi kkf waan waldhabaa niitii dhirsaa furuuf dubbatamuu qabatanii maqaa nagaa buusuun oromoo diigaa as gahaan. Marsaa Kanaas akkuuma kana duraa baree oduu mandaraa kan qaama biyyaan bulcha jedhuu irraa osoo hin taane milishaa gandaa irraallee hin eegamnee Oduu mandaraa qabatee waltajjii mootummoonni addunyaaf dhaabbilee gurguddoon argamaan irraatti dhiyaatee uummata biyyaattis ofiisaas qaaniif madaala hin taane itti uwwisee galee jira.
Qabxiilee PPn akka dhugaatti gogdee irraatti cichitee irraa guddaan isaanii sirniichi nagaa uummataaf dhimmaa uummataa osoo hin taane dantaa aangoof fedhii jireenya garee muraasa dhimma uummataaf biyyaan oliitti ilaalu isaa ija addunyaatti ifoomsee jiraa.
Kunneenis
- Gama PPtiin: nutii mootummaa uummataati uummataan filaatamnee kanaaf dirqama uummanni nuttii kennee karaa fedheenuu nibahaanna.. qawwee lafaa buusaatii harka kennadhaa, waan gaaffii uummataa uummanni nufilatee waan taheef uummataaf nutu jiraa sin hin ilaallatuu, isiin dantaa keessan dhuunfattii waan feetan siniif goona: carraa iddoo feetan jiraachuu dabalatee waan jedhuu fi
- Mootummaa keenyaaf beekamtii kennaa: gaaffiin oromoon waggaa 60 dura gaafataa turee deebii argatee jiraa kana booda gaaffiin bilisummaa isiin gaafattaan hin jiruu.. akkasumaas ibsa isaanii irraatti gaaffii yoomillee dhugoomuu hin dandeenye jechuun gaaffii mirga hiree murteeffannaa saba Oromoo bifa tuffiif ilaalcha jibbaa oromoof qabaan waan madaala hin kaasne uummataa biyyaattif sirna impaayeera sana madaalchisuuf tuffachiisu gabaa siyaasa addunyaatti qabaattee baatee ofiis salphistee, nagaa waaraa hawwamees fashalsitee galtee!. Akka qaama gaaffii saba Oromoo harkaa qabuutti immoo WBOn wantoota asiin oliitti PPn dhiyeessitee kun silaa dhimmoota ajandaa ta’aanii mariitti dhiyaachou qabaan hin turree. Sababni dhaloonni qabsoo hidhaannootti hiriireef haala nagaa fi mariin gaaffiin oromoo deebii hin argannee keessatti oromoon carraa mirga uumaan kennameef dhabee afaan qawween ugguramee qawwee ittiin ugguramee ofirraa kaasuuf hidhatee WBO tahee!. A. Dhimmii Hidhannoo WBO dhimma gaaffii tahuu hin qabneef mariif dhiyaachuu hin qabneedha.
Waraanni bilisummaa oromoo uumama isaa irraa kaasee gaaffii siyaasaaf abbaa biyyummaa akkasumaas mirgoota dimokiraasiif namoomaa chaptara mootummoota gamtoomaniin lafa taa’ee hundaa kanneen oromoon afaan qawween sirna impaayera Habashaan afaan qawween sarbamee hundaa haala karaa nagaaf gaaffii siyaasaan deebii dhabee keessatti qawwee kaase.
Kanaaf dhimmii mariitti dhiyaachuu qabuu dhimma hidhannoo WBOf jaarmiyaa waraanaa osoo hin taane dhimmaa siyaasaaf gaaffii ABBA biyyummaa oromoon afaan qawween weeraramee sarbamee akkasumaas gaaffiilee seenaa kan dabaan oromoo irraatti dalagamaan irraatti tahuu qaba. Haala kanneen irraatti waliigalamee halduree dhiyaate fudhatee humnoota addunyaa dhiibbaa uumuu danda’aan irraatti fudhachuu isaan mallaattoon hin mirkaneessinee keessatti waan WBO murteessuu mitii mariif dhiyeessunuu hin yaadamuu, waanti mariicha kufaa taasisee kanuma. PPn osoo dhimmaa Uummataa hin xumuriin dhimma kana seentee marii fashalsitee.
B. Dhimmaa PP ilaalchisee ykn PP akka mootummaatti beekamtii kennuu ilaalchisee!
Sirnii PP murna warraaqsa uummataa butee aangoo ofharka galfachuun uummata masaraa isa seensisee ganeedha. Dabalataan immoo erga aangoo qabatee booda sirna abbaa irrummaa dagaagsee yeroo filaannoo dabarsee morkaattoota karaa irraa qabee filaannoo uummataa malee aangoo qawween tikfataa jiru, Sirna uummata afaan qawween ugguree bulchaa jiruu, mootummaa waraanati malee mootummaa uummataati jennee beekamtii kennuuf fudhachuu hin dandeenyu.
C. Gaaffiilee biroo gama PPn dhiyaatan hundii kan gatii hin qabneef uummata oromoos tahee gaaffii mirgaa saboota cunqurfamoo biyyatti sanaa kan hin madaalle sabaaba taheef mariachi itti fufee bu’aa waan hin qabneef kufaa tahee gargaar deemuun karaa sirniichi filateef tuffii saba oromoof qabuu kana itti agarsiisuun waan murteessaadha.
DHAAMSA!.
UUMMANNI keenya: nagaa waaraan dhufee sabni boqochuun eenyuun oliitti waraana bilisummaa oromoo kan gaaffii sabaa oromootif kennaa jiruu kana gammachiisa. WBOf haadha oromootin oliittis kan nagaan kun gammaachiisu hin jiruu: haa tahuutii garuu gaaffiin saba oromoo kan uummanni keenya gannaa 60 oliif itti wareegamaa turee deebii argatee yoo hin gudunfamiin nagaa waaraan dhufuu akka hin dandeenye beekun dirqama. Rakkoon dhugaan osoo hin furamiin irra dibaan sobaa dhugaa fakkeessuun seeqa yeroo gabaaba malee gammachuu itti fufaaf nagaa waaraa fiduu caala Boqonnaa Gadadoof dararama biraa waan fiduuf gaaffiin nagaa kan shiraa oromoo dhabamsiisuu, balleessuuf ukkaamsuu PPn qabaattee dhuftee kunii eenyuun oliitti saba oromoo ukkaamsuuf waan taheef sirna kana dhabamsiisee nagaa waaraa buusuuf sabni keenya kan kalee caala WBO waliin hiriiree falmachuudha qaba.
Walumaa galaatti; Marii adeemaa three 100% bifa dhugaa oromoo addunyaatti ibsuu danda’uun kan fashalsee PPdha.
OROMIYAAN BIYYAA!
Jaawwii Jiillee
Nagaan bulaa!