Jaarraa 14ffaa deebisee diinni Jaarraa 16ffaa deebistuu deebiiti finnii!

Diinni walabummaa Oromiyaa hanqisuuf Oromiyaa gaaffii siyaasaa taasisaa jiraa.

Jabiina Qabsoo walabummaa Oromiyaa fi itti dhiheenya fiixa bahuumsa QBO hidhannoon hidhamaa jiruu sodaa keessa galchuu irraa Kan Ka’ee humnoonni impaayeerattiin Akka itti fuftuu fedhaan kallaattii hundaan danqaa kaa’uu itti fufanii jiruu.

Waan sagaanteessan kana fiixaan baasuun karaa hundaan hojii manee Saba Oromoof kennuun akeeka isaanii Oromiyaa irraatti gaggeessaan taasisaaf lafa qabsiifataa jiruu! kuniis kallaattii loluun xiyyeeffannoo harkisuu danda’aaniin waraana Duguuggaa ykn(destructive war) gaggeessaa jiruu. haala kanaaniis lixaa Oromiyaa irraatti maqaa Sirna impaayeerattii gaggeessuufi finxaaleyyii Absinniyaan waggaa 5niif waliitti fufiinsan lollii waraana jabaan deeggaramuu itti fufee jiraa, haala kanaan Godinaa wallaaggaa bahaaf Horror guduruu wallaaggaa irraatti Oromoo saamuu, duguuguu, buqqisuuf fixuun cinaatti xiyyeeffannoo gara sanaatti harkisuun gara kaaniin guutuu Oromiyaa Akka diigamtuuf PP(sirna Impaayeera bulchuuf) golgaa tahaanii jiruu.

Bifuuma walfakkaatuun waraana callisaa onoota Bahaa Shaggaariif, Kaaba Bahaa shaggariin aanoota hunda keessatti hidhachuun Oromoo buqqisuun koriidariin(seensa biyya ollaan) ala taasisuuf yaalaa jiruu. kanaaniis Oromoo karraayyuu Onaa isaa gannoota dhiibbaa 4 oliif tikfatee irraa dhiibuun Walloon gargaar kutuu biraa darbanii lafa isaa irraa buqqisanii jiruu, akkasumaa Bahaa Shaggaar boosat onoota karaa jibuutiin gara kaabaatti argamuu irraa buqqisanii jiruu. kanaaniis aanaa boosatiif fantaallee irraa

lafoota aanaa Fantaallee Arroollee, Araddaalee
Eddoo Guddoo, Eddoo Qal’oo, Irraan buutee, Borbor, Malkaa Jiloo, Haroo Arbaa, Ulaagaa, Xininjii, Qonyee, Micci, Wanjii, Doddotii Guddoo, Harooreessa bal’aa, Harooreessa Qal’aa, Funyaan booraa, Funyaan waangayyoo, Qorkee

akkasumaas Aanaa Boosat ganda Borcataa irraa ammoo araddaawwan akka
Siiquu, Koysoo, Dudda Daalacha, Fossoo, Gabaa Raadaa, Calalaqaa, Qilee Arbaa Mindaa, Gaardaa Qal’aa, Handoodee, Garba Adii, Seera’ee, Boorticha, Maqidallaa , Qaawwa Bubbisaa ykn Qarsaa Abbaa Bunee ..
kanneen jedhamaan irraa Oromoon guututti buqqifamee jiraa.

Amma immoo Gama bahaatiin humnoonni somaalee Tuujaaroota Habashaan sponsor tahaan Oromoo irraatti Lola eegalanii Oromoo karaa baabbileen buqqisaa jiruu. adeemsi kuniis Oromiyaa sharaafuuf yaalii godhamaa jiruudha.

bifa walfakkaatuun Kan seenaa irraa dhageenyee Akka Oromootti dhiigni itti nu danfuu kibbaa Oromiyaa ardaalee Akka Dooloo xiqqaaf guddaa, innii garriif Boorana liibaan, quubsumni Oromoo gurraa, Gujiif Boorana guututti daangaan Oromiyaa km400 moyyaalee irraa malkaa cirreetti turee bifuuma walfakkaatuun Oromoo irraa fuudhamee somaaleetti gurguramee.

Itti fufuun cinaaksaan Kan magaalaa jigjigaa keessatti argamuu 1991 Haga Somaalee Godee ijaarrattee humna taatee itti galtuutti OPDOn teessoo Akka jigjigaa godhataan Ajaja TPLFn itti kennitee Oromoon keessa baafamaa Amma jigjigaa mitii haraariif dirree dawaa illee gaaffii jala galuuf deema.

kuni hundii hafnaan Oromiyaa haftee kan saamicha daangaa irraa haftee bakka lamaa lixaa fi bahaatti kutuuf qaamni ani mootummaa ofiin jedhuu ardaa Oromoo giddugalaa Kan Finfinnee’ marsee jiruu guututti Oromoo irraa buqqisuun invastimentii gurguddaa garagaraa kaampaanii biyya alaaf pirojektii daandii xiyyaaraa haaraa fi maagalaa haaraa jedhuun Oromiyaan bakka lamaatti kutanii jiruu.

kanaaniis karaa Kaaba Bahaa finfinneetiin adaamaaf biishooftuu gargaar kufuun amaarri minjaar irraan weeraaruun ejeree, Gabaa roobiif Moojoo keessaa Oromoo baasuuf Akka jiruuf kanaaniis shaakallii kanaa torbee darbee ejeree rukutuin Oromoon keessaa baafamaa turee.
dabalataan immoo buufannii xiyyaaraa haaraa jedhamees, galaan irraa eegalee Abbuu seeraa, dirree, aqaaqii, ada’aa guutuu fudhachuun Haga Gumbiichuutti Oromoo lafa isaa irraa kaaseera. irraa guddaan bara kana qofaa Akka qotataan itti himamee jiraa. qaama Kanaa Kan tahee keessaa tokkoo malkaan jilaa beekamaan Oromoon bahee itti irreeffatui Horrii Harsadii Project asiitti gurguramee jiraa.

kanaa malees kallaattii lafa xaafoon, 44t, alaaltu fi qimbibiit irraan humni amaaraa Gimbichuuf sandaafaa gidduun akkasumaas lamii irraan Oromoo guyyaa tokko qofaa lollee Finfinneef daangaa Amaaraa waliitti diigna jedhaa jiruu.

sagantaa kana duuba akeekni guddaan jiruu, Oromiyaa walabaa Oromoon fedhuu gaaffii jalaa galchaanii karoora Oromiyaa cirachuu irraatti argamu.

Diinni Oromoo waltahee karoora idilee baafatee Gannoota 180n darbaan addaatti hojii godharee Oromoo irraatti duulaa jiraachuu ifaadha.

Nutihoo
maal keessa jirraa?
akkaam taanu? akkamiitti jirraa? Akkii itti nutii deemaa jirruu kunii diina kana Maaf yaaddessee?
farraa akkamii qopheessuu feesisaa?
Gaaffilee kana keessa deebiin waliigalaa jiruu, Tokkoof tokkoo qofaadha.

Inniis Jaarraa 16ffaa deebisuu qofaa! yeroon kun maal Akka tahee hayyoonni seenaa baayyeen sirnaan ibsanii jiruu.
diinni keenya Jaarraa 14ffaa nutti deebisee waan taheef Oromoonis Jaarraa 16ffaa deebisuun dirqama

kanaafiin yeroo hundaa Jaarraa 14ffaa deebisanii Jaarraa 16ffaa deebisii Oromoo jedhee kanaan barreessuuf!

Jaawwii Jiillee

nagaa fayyaa tahaa!
Oromiyaa waliin qabna malee alagaa waliin hin qabnu, diina waliin haaloof godaannisa qofaa qabnaa!

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started