OPDO jibbaa ABOf gadaaantummaa itti dhagaahamuu irraa jiraataa as geesse! Har’aas sanumaan jirtii!.

Ijoolleen oromoo baayyeen gaafa qabsoo oromoo keessaatti namaa dhuunfatti mufataan ykn haalli mijachuufii diduu ykn QBO keessatti badii seenaa seeraa ykn immoo dogooggora uumaan fiiganii OPDOtti galuu. Warrii akka kanaan OPDOtti galaan kun badii isaanii duraa ykn haaloo mufii fi dallaansuu duraan nama dhuunfaa ykn dhaaba ykn immoo hoggaana/ qondaala/miseensa dhaabaa ykn dabbaallee jaarmiyaa tokkoo irraa qabaan sana irraa ciniinnatanii qaama sana miidhuuf jechaa oromoof akeeka qabsoo oromoo walumaatti jumlaan gufaachiisu. Diinummaa QBOf qabaniinis qaamoonni harca’oon akkasii kunniin adda dureedha. OPDOfis humna tahee kan jiruus kan asiin gahees qaamuuma akkanaa kanneeniidha.

Innii biraan ijoolleen Oromoo baayyeen garaagarummaa sirna fi dhaaba gidduu jiruu wallaaluun Galaana hin tufnee(ujuummoo qaawwa ba’uumsaa hin qabnee) seenanii achumaan dhumataan.

Yeroo baayyee namoonni sabboontoota tahaan gaafa OPDOtti dabalamaan qaama mootummaa keessa teenyee waan saba keenyaaf dalaguu qabnuu gad of qabnee dalagna jedhanii of gowwoomsu. Kunii garuu dubbii sobaa namni ittiin sammuu ofii hidhee osoo beekuu cubbuu oromoo irraatti dalagamuu keessaa qooda fudhatuudha malee ‘Itophiyaa keessatti dalagee oromoof bu’aa hin buuste, bu’aa xiqqoo takkaa yoo buustellee ofii keetis ni nyaachistaa leegasiin kee suniis sana booda itti hin fufuu ni dhaabbataa’.

Jabbiloonni keenya garuu bara 2017 akka lakkoofsa adiitin booda sababoota lamaaf ijoolleen silaa mukaa kutuu danda’uu jennee eegnu qilee diinaa duudanii kan garii achumaan nyaataman kan gariis taphaan ala tahaan.

1ffaa. Sababa dheerachuu fi aarsaa kaffaalchiisuu QBO irraa mufii akkasumaas sodaa aarsaa baasuu qabaniif aarsaa qabsoon isaan katlffaalchiistee(hidhamuu, hojiirraa ariyatamuu, carraa hojii dhabuu, diinagdeen hiyyoomuu fi kkf) akka waan ABO ykn hoggaana ykn miseensa ABOf ta’aaniitti ykn ABOn kana isaan godheetti warrii fudhataan kanuuma jaaloo fudhachuun OPDOtti dabalamanii haala yeroo sana lammaan haasa’aa turee dhugeeffachuun boolla duudan.

2ffaa. Immoo OPDOn aangoo giddugaleessaa qabaattee jechuun rakkoon oromoo furaameera, gaaffii oromoo salphaatti deebisne dabalataaniis dhaaba kana keessatti aangomnee fedhii keenya dhugoomfannaa jedhanii warraa waan sirnaa hin beekneetui itti duudee nyaatamee.

dogooggorri guddaan qabxiilee lamaan kana keessa jiruu #Sirna jechuun maal akka tahee hiikka isaa qajeelloon beekuu dhabuu irraa maddaa. Osoo kana beekanii QBO ABOn gaggeessuufi sabboontonnii fi uummanni bal’aan akeekaaf kaayyoo ABOtti amananii qabsoo godhaan lollii isaanii sirna impaayeera itophiyaa waliini malee Mallaas waliin Hayila maaram waliin ykn Abiy waliin akka hin taane baruu qabuu turee.

Sababa sirnii impaayera itophiyaa hin jijjiiramneef hawwiif yaadni isaan qabatanii OPDOtti seenan warraa harkaa nyaatamee boolla seenan. Haala kanaan jalqaba irraatti OPDO keessatti waggoota 27f seenaa gurraacha hin qabnu waan taheef warraa nuduraa turaan image isaanii sanaan doorsisnee OPDO mataa micciirree akka feenetti impaayeera tanaas biyyaa Oromoo Oromiyaa tanaas miilla takkaan dhaabna. Dhaaba ABO kanaas dhabamsiisna jedhanii warrii OPDOtti duudan faanni Milkeessaa Miidhagaa, Taayyee Danda’aa, Hayiluu Addunyaa, Gllvh bll😆 fi gareen (waliif aksiyoon) achumaan sirna Itoophiyaa keessatti nyaatamanii OPDO mataa micciiruuf ABO balleessuun haa hafuutu ofiifuu dabaree dhabamsiifamaa jiruu.

Kanarraa maal hubachuu qabnaa seeraan!
.Impaayeera tana keessatti gaaffiin mirgaa gaafatamee deebiin argamuu hin jiruu, akkasumaas Oromoon Impaayeera kana keessatti aangoo qabatee rakkoo oromoo furuu danda’uus hin jiruus kan sana yaafus yoo jiraate fuulduraaatti umurii garbummaa oromootti dheeressuu fi ofiisaafis of nyaachisuu malee waan buusu hin qabuu. Dabalataan immoo sirnii impaayeera itophiyaa kun diigamuu qaba. Kanneen adds dureen diigamuu qabaan keessaa.

  1. Moodeela ijaarsa caasaa impaayera itophiyaa kan akkaataa sirna bulchiinsa kolooneeffattoota dhaalaan tursuu jedhuu fiteha nagest irraa fudhatee akka principle tti dhimma itti bahaan diigamuu qaba(kuniis kan masaraan waliitti hidhatuu)
  2. Sirna habashaa (ijaarsi mootummaa gidduu galaa finfinnee irraa buqqifamee Oromoon state mataa isaa dhaabbachuu, sana booda akka feesiseetti saboota isaaf tahaan waliin haala waliin jireenyaa irraatti fi nageenya naannoof ollummaa gaarii irraatti mariyaaChun waan waliif galmee qajeelchuu)
  3. Itophiyaa maqaa jedhuun waraanni meeshaaf xiinsammuu olaantummaa saba tokkoo qabuu diigamuun maqaa biraan bakka buufamuu( kuniis nagaan waliin jireenya godinaa gaanfa Afrikaa boruutti dansa akka tahuufi)

○Kanneen olii kun yoo tahaan qofaa gaanfa afrikaatti nagaan bu’aa malee jibbaa ayidoolonii siyaasaaf duulli doofummaa irraa sabaaf jaarmiyaa tokkoo irraatti adeemsifamuu rakkoo furuus hin danda’uu, oromoonis kana booda haalota akkanaan ofduuba kan deebi’uu mitii.

Dogooggorri oromoo innii guddaan ammaas irraa baraachuudha qabnuu isa kanaadha. Osoo Abiy mitiiti gen Taaddasaa Birruu, Baaroo Tumsaa, Elemoo Qilxuu, Waaqoo Guutuu, Nadhii Gammadaa, Jaarraa abbaa Gadaa, fi Hasaan ammee deebi’anii dhufanii aangoo itophiyaa qabatanii inuuma nyaatamuu malee gaafii oromoo deebisuu hin danda’aan furmaatas hin fidaan.

Mee iyyaasuu irraa kaasaa ilaalaa ijoollee oromoo sababa oromummaaf nyaataman.
Kanaafiidha kan oromoon #jiddaa

Yaa Gadaa oromoo
waaqa nuuf kadhuu jabeechii

Waaqni maal godheree
roobee roobaa nutti asaasee

Algaa dhiisee badee
Iyyaasuu yaa ilma nagaasee

Algaan maaf badaree
Tafarii rabbiitu badhaasee

Tafariinis quufe
daafqa hiyyeechatiitti qoosee

Mangeen xiixee dhufee
Tafarii algaa jala buusee

Mangistuun hin teenyee
hin baraaree gara Zimbabee

Mallaasaatu itti aanee
Agaame rabbiitu gargaaree

OPDOn dhufteellee
Afaan ambaan nutti mammaaktee

Ambii kaayoo qabdii
Oromoo waaqati itti ilaalee

Hayila maaram dhufnaan
Qeerroon diddaadhaf gadi yaa’ee

Abiyyiituu dhufee
diddaa Qeerroo dugdaarra taa’ee

Darguu maal himaanna
Qayi shibbiirin reef mirkanaa’ee!

Jaarroleen oromoo durii kaasanii akkasiin kan walitti dabarsaa as gahaniidha. Kanammoo abboota Gadaa OPDO irraa osoo hin taane hayyuu biyyaa uummata waliin hubataa jiraan irraa argaattu.

●Kanarraa kan hubaachuu qabnuu Oomoon hagaam yoo impaayeera tana keessatti iddoo guddaa taa’eellee gaaffii oromoo deebisuuf mirga oromoo kabaachiisuu akka hin dandeenye hubaanna. Kana gochuuf qabxiilee olii sana gochuu feesisee. Yoo sana hin taane yon ofiif baduu ykn diinan ajajamanii saba oromoo balleechu.

@JaawwiiJiillee

Nagaan bulaa!. Barruun kun gama tokkoon axereeraa @ShimelisAbdisa hiikaa sabboonummaa jedhe sanaaf sabboonummaa biraa osoo hin gahiin maalummaa impaayeera itophiyaaf sirna itophiyaa baruu akka qabnuuf katabee.

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started