Cuunfaa Qolannaa Duula Marii Jalaa
Mootummaan Abbaa Irree koloneel Abiy Ahmed maqaa Cehumsaatiin qabsoo sabaa butuun erga aangoo qabatee waggoota 4 lakkoofsiseera. Aangoo qabachuu koloneel Abiy Ahmedn wal qabatee qabsoo karaa nagaatti ulaan cufamuun qabsoo Bilisummaa Oromoo fi hiree uummata Oromoo harka WBOtti akka galu ta’e. WBO aangoo qabachuu Koloneel Abiy Ahmediin qormaataa fi afaan faajjii cimaa keessa darbuun golee Oromiyaa mara keessatti lolaa fi of ijaare sadarkaa Sirna koloneel Abiy Ahmed fi Impaayera Itoopiyaa yaaddoo cimaa keessa galchuu bira darbee ajandaa hawaasa addunyaas ta’e.
Bu’uuruma kanaan WBO lolaan balleessuun akka hin danda’amne kan hubatan hawaasni addunyaa fi Impaayerri Itoopiyaa marii araara kan eegalan April, 2023. Marii marsaa duraa Tanzaaniya odola Zaanzibaaritti torban tokkoo oliif gaggeeffameen walhubannaan uumamus dhimmoota murteesso irratti akka walii hin galamnee fi mariin kun akka itti fufu qaamni lachuu ibsa baasanii turan.
Impaayerri Itoopiyaa marii marsaa 2ffaa eegalamu kana irratti Olaantummaa gama waraanaan qabattee seenuuf duula bal’aa WBO golee Oromiyaa cufa irratti waraana bobbaase lolaa jira. duulli PPn gaggeessa jiru kun bakkee hundatti Olaantummaa WBOtiin goolabamaa jira.
Giddugala Oromiyaa Lixa shaggar Aanaa Ilfataa, Amboo fi Midaa Qanyiitti Caamsaa 13-15tti duula PPn gaggeessite Olaantummaa Birgeedi Obomboleettiin goolabame. Caamsaa 13,2023 ganama irraa sochii kan eegalte ergamtoonni sirnichaa sa’aati dura Aanaa Midaa Qanyii ganda Gijjoo Kombeetti Rasaasa WBO machoofte 14 du’aan 20 madoon adabeera. Aanaa Ilfataa irraa kallattii Aanaa Ambootti sochii kan gootes daangaa aanaalee kana lamaaniitti kan argamtu ganda Jirmaa Qorpheessa bakka addaa Jirma jedhamtutti haleelamuun madoo fi reenfa Konkolaata lamaan kaafattee bakka dhuftetti deebitee jirti. Aanuma Ilfataati konkolaata 14n ganda Herootti kan bobbaates bakka addaa lafa gabaa Kamisaatti qondaala ishee dabalatee miseensota waraana 7 bakkuma lolamtetti yoo awwaaltu madoo 9 baattachuun magaala aanaatti deebitee jirti.
Magaalaa Aanaa Ilfataati gara ganda Hidhabuu sandiitti kan bobbaate Caamsaa 14, bakka addaa lafa gabaa Ayyaana Sanyiitti Irree jajjabee WBOtiin cafaqamuun 13 battalatti biyyee yoo siphachiisu nama 8 madoo cimaan adabamtee gara duubaatti deebitee jirti.
Itti Fufuun Birgeediin Obomboleetti Lola guddaa kan lole caamsaa 15 waaree booda guyyootan sadan darbaniif mooraa qubsuma diinaa kan taate Aanaa Amboo ganda Galaan Waddeessa bakka addaa Bagaallootti lola sa’aati 3 oliif gaggeeffameen mooraa qubsuma Ishee keessa buqqisuun olii gad ari’ee waada ture. Lola kanaanis qondaalota ishee dabalatee miseensonni waraana 66 battalatti yoo ajjeefaman namootni 71 madoo cimaan adabamaniiru.
Birgeediin Obomboleetti Guyyaa Arfaffaaf lola gaggeessaa jiruun caamsaa 16,2023 Aanaa Midaa Qanyii ganda Bakkaafa Abeetoo lafa Gabaa qidaamee keessa qubattee uummata dararaa kan jirtutti bariin marsuun madoo fi du’aan adabee meeshaalee garagaraas mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godheera. Lolli gaggeeffamaa jiru ammas akkuma itti fufetti waan jiruuf jala buunee isin beeksifna
Kasaara duula guyyoota sadan kana irra gaheen kan baarage humni diina akkuma amala isaa namoota nagaatti.xiyyeeffachuun ajjeesa jira. Caamsa 13 Aanaa Midaa Qanyii ganda Gijjoo Kombee kanatti ijoolle maatii tokkoo dargaggoo Guddataa Kumsiisa rasaasaan rukutuun yoo ajjeesan obboleetti isaa qaama miidhamtuu kan taate durbee Bixillee Kumsiisa rasaasan jilbaa ol rukutuun madeessaniiru. Caamsaa 15nis ganda Galaan Waddeessaatti nama lama yoo ajjeesan nama sadii madeessani. Qeerroo Falamaa Dheeressaa fi Mallas Milkeessa kan jedhaman mana maatii isaanii fuulduratti rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan maanguddoo Balaachoo Ayyalaa, kumee Dassoo fi Bayyanee Mul’isaa rasaasaan madaa’anii yaala dhabuun rakkoo cimaa keessa jiru. Uummanni Otomoos sagalee akka ta’uuf kallattii garagaraan iyyachaa jiru.