Duulli waliirraa hin citnee humnoota gamtaa kanneen Itophiyaan hidhachiifamaniin erga Oromiyaa giddu galeessatti labsamee torbee tokkoo gahee jiraa. ..

Humnoonni sirna Itophiyaan hidhachiifamaan kanneen akka Faannoo amaaraa, humna addaa amaaraaf Oromiyaa, RIB, Poolisii federaalaa, milishaa, Gaachana sirnaa fi Kkf Oromiyaa giddu galaa kallaatti 3n duula Oromoo irraatti erga bananii torbee gahee jiraa.
haala kanaanis giddu galeessa Oromiyaa bakka 5tti qoodun sochii godhaa Kan jiraan humnii gamtaa diinaa kun,

•Kaabaaf Kaaba lixa Shaggaar godina addaa waliin Kan duula bal’aa humna guddaan daboo humnoota diinaaf ollaa kadhaachuun itti duule Yoo tahuu onoota garaagaraa keessatti WBOn qolatee ofirraa deebisaa jiraa. humni badii balleessan PP kun iddoo deeme hundaatti uummata dararuu, qabeenya uummataa saamuuf duguuggaa gaggeessuu itti fufuun Kaaba shaggariif Kaaba lixa Shaggaar irraa network balleessuun duula duguuggaa PPn labsitee erga gaggeessu eegalanii torbee guutanii jiruu,

•bifuuma walfakkaatuun baha Shaggaar Ajaja lama jalaatti qooduun duula godhaa Kan jiruu humbii diinaa kun, onoota Adaaman gara bahaatti argaamaan Ajaja tokko jalaatti duula qindeeffatee Kan jiruu yoo tahuu Iizii tokko guutummaatti affaar keessaa buqqifamee Adaamaa qubsiisuun uummataatti bobbaasaa jira, birgeedii tokkoos awaash qubsiisuun Bahaa dhihaa bahaan Ona boosat fi fantaalleetti duulli godhamaa Kan jiruu Yoo tahuu Waraanni Bilisummaa Oromoo gahuumsa guutun lolee ofirraa qolaachuun diinatti salphina uwwisaa jiraa. Boosatitti uummata baadiyyaa jiraatu irraatti labsii farraa Eenyummaa Kan tahee, uummata baadiyyaa jiraatu hunda sin buqqisnee magaalattii sharaa siniif ijaarree keessa jiraattu jechuun duula Oromoo dhabamsiisuu irraatti labsanii jiruu.

√Gama kaaniin baha Shaggaar onoota Akka, boodaa, dugdaa, liiban cuqqaalaaf baatuu akkasumaas kibba kixa Shaggaar, sooddoo daaccii, qarsaa, toleef onoota godina addaattis duula qindaa’aa gaggeessuun mana uummataa gubuu, ilmaan Oromoo jumlaan hidhuuf dararaattj jiruu.
kibba lixaa Shaggaar jalaatti, ammaayya, dirree incinnii, gooroo, walisoo, qotaa, diilallaa’aa, bachoo fi sadeen sooddoo Ajaja tokkoon duula gaggeessuun itti gaggeessuun Lola banaaniin Waraana Bilisummaa Oromootiin Akka gaariitti adabamaa jiruu,

√lixa Shaggaar jalaatti immoo, laga mogor Gama lixaaf karaa guddaa Finfinnee’ naqaamtee gara kaabatti Kan argaamaan aanoota jiraan birgeedi lama lama Kan Iizii, waraanaa tokkootti dhiyaatan qubsiisuun onoota garaagaraa keessatti Lola banaan WBOn Akka gaariitti ofirraa deebisaa jiraa. haaluma kanaan guyyaa kaleessaa aanaa ilfataa magaalaa aanaa keessatti Lola WBOn godheen adabamtee magaala keessa Kan baate yoo tahuu har’aan kana network naannoo sanarraa balleessanii jiruu!

walumaa galaatti diinni humna isaaf tumsitoota isaa guututti waliitti qabuun Oromiyaa dabarseen duula irraatti gaggeessaa jira. humnoota duraan lixa Oromiyaaf gambellaa akkasumaas benishanguliitti bobbaasan ofiirraa deebisuun Ajaja 5 jalaatti qoodun naannawaa Finfinnee’ ittifachuuf giddugala Oromiyaatti bobbaa qindaawaa qunnaamtii dabaree balleessuun taasisaa Jira.

waraanni Bilisummaa Oromoo yoomillee humna diina ofirraa ittisuuf gahuumsaaf dandeetti Kan itti qabuu taatullee, diinni WBO loluu dadhabee uummata nagaa irraatti yakka waraanaa raawwataa waan jiruuf uummata nagaa PPn yakka waraanaa irratti gaggeessaa jirtuuf sagalee tahuun dhaabbilee mirgoota namoomaa haa dhaqqabsiisnu! injifannoon uummata Oromoof!

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started