
Imaammata Alaa isaa keessatti Oromoon akka sabaatti obbolummaa gaariif Wal qixxummaa Wal qixa walirraa fayyadamuu Kan jedhuun Gadaa keessatti tumatee ittiin bulaa turee Kunis seera Ormaa, ambaa fi diinaa jedhamaa. alagaan sitti hammaate diina, diina waliin ammoo rakkoo karaa qolaanna ofirraa fixaatta, of kabaachiista.
Oromiyaan Baha Afrikaatti sochii daldala galaana diimaa irraatti adeemsifamuuf iddoo murteessituudha, daldala Galaana diimaa qarqaraa kana irraatti waggoota 30n darbaniif kanneen irraatti garee lama uumuun Akka fedhaan tahaa turaan warrii Bahaa fagoo Eritrea Yoo fayyaadamaan warrii lixaa ammoo Ethiopia TPLFn durfaamtu Akka gaariitti itti fayyaadamanii jiruu. ADWUIn sababa sobaa TPLF dhiheessa turtee dhimmaa shoroorkeessummaa, qoqqobbii Eritrea fi Kkf fayyaadamuun galii guddaa warra lixaa irraa argataa turtee. Eritrean Gama ishiitin warra baha fagootti hirkaachuun riphee loltoota godina kanaa cufaaf dahoo kennuun naannoo kanaatti dantaa warra lixaaf yaaddoo jabduu tahaa turtee. kanaaf warrii lixaa irra deddeebiin dantaa Oromoo ugguraa(ignore) gochaa turaan, inuuma holoola Habashaa Kan somaaleen waliitti hidhaan waliin sababfatanii Oromoo amantiitti harkisuun nutti duulaa turaan.
Erga Sirni TPLF warraaqsa uummataan cabee booda garuu gareen lamaan lixaaf Bahaa fagoon qabatanii waldura dhaabbataa turaan gara tokkootti luucca’aan. kana keessatti warrii lixaa guututti dantaa isaanii qilee jalaa seenee jiraa. Rakkoo guddaa jabaachuu Oromoo irraa Kan qabaan humnoota garee lamaatti walqoodaan Kan hundeen isaanii tokkoo Habashaa(Ethiopia)f warra maraabmallash(Eritreadha) warrii kun wanti isaan araarse tokkiichi Yoo jiraate Oromoon jabaatee gaaffii Abbaa biyyummaa gaafachuu isaati, humna Oromoo laafuu irraa dantaa irraatti Kan deebi’anii waldhabaan gaafa Oromoon dantaa isaa sadarkaa addunyaatti kabachiifatuuf mataa olqabatuu waliitti deebi’uun gamtaan waan argataan qooddachaa Oromoo gadi qabuutti deebi’aan. kanaaf qabsoon Oromoo sirnaan hubaachiisnan warra lixaas warra Bahaa fagoon gaanfa afrikaas darbee Afrikaafis Lafee dugdaati. milkaa’iinni Oromoo rakkoo Addunyaa tanaa guututti furuu danda’aa,
Rakkoon kun silaa Kan waliitti fufiinsaan furamuu danda’uu humni jabaan Akka Oromoo hidhatee ijaaramee of kabachiise nagaan godina kanaa amaansiisaa tahaa turee, kana warrii adiin gam lamaanii beekaniyyuu imaammata isaanii Akka fedhaan tarkaanfachiisuuf Poolisii Oromoon qabatee jiruu waan shakkaniif dantaa yeroof Oromoo dhiibaa as gahaan. Oromoon jabaachuun rakkoo dorgommii daldalaan galaana diimaa irraatti warrii lixaaf Bahaa godhaan guutun guututti furaa.
Oromoon rakkoo kana furuuf humna jabaa tahee argamuun murteessaadha. akkuuma Turkiin rakkoo daldala seeran Alaa, godaantotaaf baqaattota baha fagoo, akkasumaas duula shoroorkeessitoota baha fagoo irraa gara Europe godhamuuf Dallaa tahuun warra lixaatiin kabajamtee jiraattu kana Oromiyaanis rakkoo fakkaataa Gaanfa Afrikaa, afrikaaf addunyaaf akkasumaas karaa daldalaa Galaana diimaa irraatti Abbaa Guddaa waan taheef Yoo jabaanne osoo hin jaalatiin garee lamaaniinuu barbaadamuun kadhaatamuuf jirraa. kana dhaqqabuuf ammoo gadi deebinee ana siif beekaa dhiisnee, yaada xixxiqqoo Amma gochaa jirtaan tuffaadhaatii sadarkaa Oromummaa Oromoof Oromiyaatti akkasumaas Abbaa biyyummaatti yaaduun dirqama.
Humni jabaan gaanfa afrikaaf galaana diimaa irraatti murtee tasgabbii kennuuf buusuu danda’uu dhalatee lafa kanaarra jiruu Oromoof Oromiyaa qofaadha.
Jaawwii Jiillee
Galatoomaa, Nagaan bulaa🙏