Oduu Injifannoo WBO kaaba Lixa Shaggar


Irreef fi Gaachannii Ummata Oromoo WBOn zoonii gidduu galeessaa Kaaba shaggaar aanaa Darraatti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP Ummata Oromoo gooluuf yaatu magaalaa Ceekaa jedhamtutti 11 booji’uun kaampii diinaa dhuunfachuun meeshaaf hidhannoo danuu diinarraa hiikkatanii jiruu. gama meeshaatiin AkM 19 fi Qawwee SKS fi kanneen biroo 19 Boombii 6 diina irraa hiikuun galii qabsoof oolcheera.

Aanichuma ganda baabbuu dirreetti lolaa guyyaa kana taasiseen humnoota diinaa 45 ajjeesuun 13 booji’uun 47 madoon adabeera. gama meeshaatiin qawwee AkM 59 SKS fi kanneen biroo 35 diinarraa hiikuun galii qabsoof oolcheera.
Bifuuma Wal fakkaatuu ganda Jiruu daadaatti tarkaanfii humna diinaa irraatti fudhateen 9 ajjeesuun 3 harkaan qabuun 2 madoon adabuun Injifannoo boonsaa galmeessera.

duula imala gara Finfinnee’  WBOn gochaa jiruu milkiin goolabuuf waraanni Bilisummaa Oromoos uummata Oromoo waliin duula faallaa Oromummaa balleessuuf sirni PP fi habashoonni leellistuu sirna miniliik tahaan weerara maqaa Duula minilikiin Saba Oromoof Oromiyaa irraatti labsaan WBOn injifannoon qolachuun karooraa diinaa cabsaa jiraachuu ajajan WBO Kaaba lixa Shaggaar beeksisee jiraa!

Injifannoon Uummata Oromoof

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started