

Duula PPn maqaa Minilikii mogaasitte gara WBOti bobbaa eega jalqabdee guyyaa 15 lakkoofisiise WBOn baha oromiyaa konyaa hararee lixaatti guyyaa 26/12/2021 marroo lammaafaaf injifannoo cululuqaan goolabe.
Bobbaa WBO balleessuu maqaa Duula minilik jedhu mootummaan pp oromiyaa irratti banne guyyoota 15 ol lakkoofisisen irree fi gaachani ummata oromoo WBOn baha otomiyaa konyaa Harargee lixaa tarkaanfii laaleessaa gaafa 23/12/2021 fudhateen gabroomfataa pp daaraa botoroo taasiseen kan baaragde, guyyaa 25/12/2021 WBOn ciroo qabachuuf, yoo ciroon qabamte nuu dhumate, jechuun humna guddaa fi meeshaa gurguddaa moortara, dishqaa, BKm fi B7 guurrattee itti bobbaatee Anaa mi’eessoo ardaa Dibaalaa irraa lola sa’aatii 9:00Am eegalee, ardaa kuukkoo hanga ardaa dhakaa daakuu tti hanga sa’aa 1:00pm lola taasiisee loltuu gabroofataa pp 70 ol ajjeesee, sa’aa 1:00pm booda lolli aanaa Gubbaa Qorichaa magaala kooraa itti fufee loltuu gabroofataa pp lola kanarrati 38 ajjeesee hedduu madeessuun, aanuma Gubbaa Qorichaa ardaa laga Ardaatti hanga saa’a 7:00pm lola taasiiseen lolituu gabroofataa pp 51 ajjeesuun hedduu hojiin ala taasisuun walumaagalatti lola guyyaa kana taasifameen loltuu 159 ajjeesuun madoo muummee hin qabne konkolaataa Ampulaanisii 21 fi patrol 5 olii fe’attee hospital magaslaa ciroo dhukkubsataa keessaa baasanii guyyaa haraa hanguuyyatti itti guuraa oolte, Gama meeshatiin meeshaalee addaa addaa fi mi’oota waraanaa hedduu irraa booji’uun injifannoo boonsaa fi cululuqaa irraa deebi’uun WBO baha oromiyaa galmeesdeen duula miniliki fashalsuu injifannoon itti fufee jira.
I U O!