Lubbuun Jiraannee Waan Hawwinuuf Arguu Feenu Arguuf Jalqaba Nagaan Jiraachuun Murteessaadha!”(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO-WBO)

“Impaayera tana keessatti Oromoon eenyummaa isaatiin balfamee dhiittaa mirga namoomaa fi sarbama dhala namaa kamirrattuu hin raawwatamne nurratti dalagamuun hanqatee, biyya abbaa isaa irraatti Oromoon namummaa mulqamuun jaarraa oliif dhiitamuu irra deddeebiin dubbataas, dhaga’aas as geenye. Sabni Oromoo akka sabaatti nagaa waan jaalatuuf nagaa faarsaa–ajjeefamaa, nagaa faarsaa–nagaa dhabaa as gahee. Kunis diinota innikkaa keenya biratti, akka sodaa fi gowwuummaatti ilaalalmuun inumaa obsaa fi kabajaa Oromoon nagaa fi mirga namoomaaf qabu tuffatuun, saba Oromootti roorrisuu aadaa kan godhatan dhufaa darbaan Mootummaa Impaayera Itoophiyaa ammas duula duguuggaa sanyii maqaa nama nyaataa Minilikiin moggaafameen Oromoo fi Oromiyaa irraatti weerara bananii jiru.

Oromoon akka sabaatti tuffatamuun, Qabsaa’onni Oromoo qaaliin, Aartistoota Oromoon qabu, Aartistoota dirna Oromoo nyaatu balfanii balaalleffataniif hayyootaa fi abboota Oromoo irratti duguuggaa labsuun sirni nyaate, Qabsaa’otaaf beektota Oromoof qaalii ta’an kumaan lakkaawaman sirni hidhuun ukkaamsee dararaa jiru, diina Oromoof Oromiyaa balleessuuf deemu tahuu beekuun murteessaadha. Manni hidhaa biyyaatti guutee mana baruumsaa mana ukkaamsaa taasisuun, waraanaf duula duguuggaa maqaa “Duula Miniliik” jedhuun nurraatti labsameen, walii galatti waggaa 150 keessatti roorroof dararaan akka miilanaa saba Oromoo muudatee hin beeku. Impaayericha keessaa beekaa fi hayyuun mana hidhaa keessa jiru kan Oromoo qofaadha. Kun ammoo jibba sirni biyyichaa Oromoof Oromummaaf qabu ifatti mullisa.

Balaa lolli fidee dhufu waan beekuuf sabni Oromoo waggoota baayyeef qe’ee isaa irraatti ofirraa ittisuu qofaatti fuulleffachuun cinaatti rakkoo Impaayera tana muudate karaa nagaan furuuf yaalaa turus, duulli Oromummaa balleessu warra dibbee waraanaa tumuun, dhiiga namaa dhangaalaasuu aadaa godhatee akka gootummaatti ittiin dhaadatuun Oromoon ajjeefamaa, buqqifamaa, godaansifamaa qe’ee isaa irraatti salphifamaa ture. Har’as wareegamni sabni Oromoo sirni diimokiraasiif haqaa; Abbaa Biyyummaa isaa raggaasifatuuf taasise dhiibamuun Oromoo diinummaan farrajuun gareen Impaayera dulloomtuutti umurii dheeressuuf deeman Oromoo irraatti lola sanyummaa labsuun ifaan nutti bobba’anii jiru. Nagaa buusuf nagaa jaalachuun ykn fedhiin gam-tokkee qofti gahaa akka hin taane lola amma impaayerattii kana keessatti tahaa jiru irraa ni hubaanna.

Kanaafis Uummanni Oromoo akka sabaatti diina daangaa kabajaaf mirga namuummaa darbuun Oromoorraa namummaa mulquun ajjeechaa jumlaa irraatti gaggeessaa, kaan humna qilleensaan haleellaa saba nagaa irraatti gaggeessu, kaan Ardaa-Jilaatti Jilaa Gadaa Michillee Abbootii Gadaaf haayyuu akkasumaas jaarrolii guutummaan duguuggaa irraatti gaggeessaa jiru kana yeroo dhumaaf akka sabaatti xumuruuf, yeroon itti “Warraaqsa Diddaa Weeraara Minilik” itti gaggeessinu ammadha. Kana malees barnoonni, jireenyi qananiin, waliin jireenyii fi hawaasummaan lafa nagaan jiru keessatti malee yoo nagaan hin jiraanne hunduu milkaa’uu hin danda’u. Nagaan dhufuu kan danda’u qaama farra nagaa tahuun dararaa, duguuggaa fi weerara nurraatti labsee kana sirnasaa hundeen buqqisuu qofaan tahuu hubachuun Oromoon akka of baraaruu qabu waamicha dhiheessina.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo ABO-WBO jala hiriiruun, ‘DUULA IMALA GARA FINFINNEE’ jedhu kan WBOn gaggeessaa jiru tumsuuf yeroon itti tarkaanfii lama of dura tarkaanfachuun diddaa duula Minilik kana irratti gahee Leencaa bahatu yeroon isaa amma. Kana malees yeroon itti Oromoon tarkaanfii boonsaa fudhachuun biyya isaa Oromiyaa fi eenyummaa isaa Oromummaa kabaachiisu amma tahuu hubachuu feesisa.

Kanaafis:

1) Mannii barnootaa lafa sirni PP (Bilxiginnaan) itti humnaan baraattoota waraanatti guuraa jirtu waan taheef, ilmaan Oromoo jumlaan mana barnootaa keessaa fedhii isaanii malee Afaan Qawween guuramuun gara dirreetti oofamaa jiru. Kana malees goleewwaan Oromiyaa danuu keessatti osoo manni barnootaa kaampii waraanaa tahuun, gar-tokkeen qaama keenyaa barnoota irraa dhiibamee jiruu sammuun ittiin baratan waan hin jirreef, akkasumaas barnoota barachuuf nagaan jiraachuun waan feesisuuf, barattoonni Oromoo qaama farraa nagaa tahee PP buqqisuuf fincila finiinsuun gaaffii mirgaa kaasuun murteessaadha.

2) Qe’een Oromoo kabajaa dhabuun daangan Oromiyaa cabfamee, lolli kallattii hundaan Oromiyaaf Oromoo irraatti Oromummaa balleessuuf osoo nurraatti adeemaa jiruu, sirni duguuggaa nurratti labse nagaan nuwaliin jiraachuu waan hin qabneef, akkasumas teessuma isaa Finfinnee godhachuun gareen wal ijaaree duula nutti banaa jiru adabamuu waan qabuuf, DAANDIWWAN OROMIYAA KEESSAA KAMIYYUU: DAANDII GURRAACHAS TA’EE, DAANDIIN CIRRACHAA; HOJII DHAABUU QABU. Kana malees karra Finfinnee shanaanin oomishni lafa Oromoo fi Oromiyaa irraa galu, ibsaaf bishaan dabalatee Finfinnee irraa ni citu. Akkasumaas nu ajjeesaa nu salphisaa konkolaatan kamillee, kan abbaa qabeenyaas ta’e, kan mootummaas ta’e, kan dhuunfaa biyya keenya Oromiyaa keessa darbuun hin dandaa’amu. Oomisha kamillee alattis hin baasan. Keessaas hin seensisaan.

3) Faajjiif mallattoo eenyummaa Oromoo kan ta’e bu’uura Oromummaa keenyaa sirna Gadaa fi Abbooti Gadaa Oromoo kanneen sirna duudhaaf bulchiinsaatti mataa Oromoo ta’aan irraatti duguuggaan gaggeeffamee Oromuummaa cabsuuf balleessuuf kan sagaanteeffameedha. Ajjeechaa jumlaa abboota keenyaan gaddama nutti dhaga’aamellee ibsachuu nu dhorkuun roorroo irraatti roorroo waan taateef, hanga sirni kuni buqqifamutti, qabeenyaan diinaa Oromiyaa keessa jiru kamillee sochii akka hin taasisne akeekkachisna.

4) Qabeenyaa keenya saamaa, haleellaa xiyyaaraa nurraatti gaggeessaa, daangaa Oromiyaa cabsaa waan jiraniif Oromoon bakka jiru maraa dalagaa sirna kanaa lakkisuun, sirna egeree Oromoof Oromiyaaf tahu kan ABO-WBOn ijaaraa jiru waliin hiriiruun dirqama.

5) Qaama qawween ajjeesee, doorsisee, gidirsee… waan fedhe godhuuf akka fedheen sigodhaa jedhuuf taaksii kaffaluun saanduuqa awwaalchaa bitachuu waan taheef, Gibirri kamillee akka hin kaffaalamne akeekna. Akkasumas qaamni sirna kana bakka bu’ee guurus tahee, kaffale walqixa yakkamaa tahuu hubaachiisna. Duguuginsi sanyii Oromoota Walloo irratti adeemsifamaa, finxaalessitoonni Sirna Minilik leellisan (Ilmaan Nafxanyaa) daangaa Oromiyaa seenuun; Giddu-gala Oromiyaa fi Wallaggaa keessatti uummata harka qullaa ( Civilians ) ta’an manaaf qabeenya isaanii barbadeessaa, mormaaf harka irraa ciraa; Sirni Shiftaa PP Abbootii Gadaa Karrayyuu hunda bakka tokkotti badii malee jumlaan osoo ajjeesuu kana arganii callisuun ajjeechaa sana tumsuun wal qixa.
Oromummaan eenyummaa ofiitiif falmatanii darbuun; dhaloota egereef bilisummaa, walabummaa, haqaaf walqixxummaa saaquudha malee; dibbee abbaan irree dhaanuun gara bubbiseetti jal’aachuu miti. Kanaafiyyuu biyya ofiitiif of kennuun yeroo sabni Oromoo akka sabaatti salphina nu muudate kana keessaa baanu amma ta’uu gad jabeessinee dhaamna.

Saboonni ollaa keenyaa hidhatanii qe’ee isaanii kabaachiifataa jiraachuu argaa jirra, kanaaf “Oromoonis akka sabaatti Waraana Bilisummaa Oromoo akeeka Oromiyaa bilisoomsuun; nagaa waaraa buusuf dhaabbatee falma hadhooftuu godhaa jiru waliin hiriiruun biyya isaa dhuunfachuun murteessaa tahuu” Ajajaa Olaanaan ABO-WBO ibsa isaa darbe keessatti gad jabeessee dhaameera. Nutis irra deebinee hojiitti hiikamiinsi ibsa sanaa yeroon isaa amma ta’uu mirkaneessina.

Dhuma irraatti:

Biyya keenya Oromiyaa irraatti abbaa taanee nagaa waaraa buusuun, daangaa keenya kabaachiifannee, wabii nageenya uummata keenya dhaabbachuun, akeeka keenya Kan yoomillee irraa hin maqnee tahuu hubaachiisaa, Qeerroon Bilisummaa Oromoo ABO-WBO; hooggansa isaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin ta’uun lola warri Itoophiyanistootaa Oromummaaf Oromoo balleessanii, Oromiyaa qircachuuf maqaa “Duula Minilikii”n Oromoo irraatti labsan kana qolachuuf yeroo kamillee caala qophii tahuuf gahuumsa itti qabaachuu ibsina.

Kanaafis, uuummanni Oromoo akka sabaatti waltahuun olka’ee yeroon itti diddaa isaa agarsiisuu qabu amma tahuu irraa deddeebii dhaamaa, guyyoota itti aanan fuuldura keenyaa kana keessatti Ajajaan Olaanaa ABO-WBO fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo ABO-WBO qabxiiwwan shanan olitti heeramaniif guyyaa uggurri kun kaa’amu/ hojiitti seenamu kan beeksisan ta’uu hubaachiisna!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO-WBO
Finfinnee Oromiyaa
Mudde 11, 2021

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started