
Ibsa Ajaja olaanaa ABO-WBO
Qabsoon bilisummaa Oromoo ABO-WBOn hogganamu bifa haaraan ilmaan Oromoo goolee Oromiyaa hunda keessatti dammaqinaan ijaaramee qabsoo hidhannoo finiinsaa jirachuun ni beekama. Qabsoon bal’inaan ummata keenya hirmaachisee waraana cimaa fi biyya walaba ijaaruuf taasifamu immoo yeroo kamiyyuu caalaa tumsa diinagdee guddaa barbaada. Dhugaa kana hubachuun, ilmaan Oromoo biyya keessaa fi ala jiran ijaarsa gurmuu, tuutaa fi garee keessatti ijaaramanii gahee isaanii bahaachaa jiru.
Haa ta’u malee namootni qabsoo kana dura dhaabbachuu barbaadan ykn ergama diinaa qaban
olola fi odeessa dharaa facaasuun qabsoo finiinaa jiru gufachiisuuf dhama’aa jiraachuun mul’achaa jira. Qaama olola kanaa kan ta’e gareen tokko maqaa beektotaa fi akstiivistoota Oromoo dhimma bahuun Fuula FB Sadaasa 25, 2021 tolfameen akka “Koree Deggarsa
WBO” ta’eetti facaafame.
Koreeen jedhamu kun, miseensota maqaa dhahaman birattis ta’e ABO-WBO biratti beekkamtii homaa kan hin qabnee fi deggarsa WBOf karaa seera qabeessaan walitti qabamu danquuf kan as bahee ta’uu isin yaadachiisaa, ummanni keenyi deeggarsa WBOf gumaachitan
mara qaama WBO waliin sududaan quunnamtii qabu irraan ta’uu isaa akka mirkaneeffattan
beeksifna.
Gumaachi keessanis karaa ajajoota ol’aanoo ABO-WBO ykn qaama isaan bakka buufatan irraan dirree dhaqabuu isaa akka mirkaneeffattan hubachiifna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Sadaasa 29, 2021