

[SQ ABO-WBO Onk. 21/2021]
Sirni faashistii Abiy Ahmadiin hoggaanamu umurii bittaa isaa dheereffachuuf tarkaanfii fudhataa jiru matumaa xumura isaa ariifachiisaa jira. Kanarraa kan ka’ee naannoolee humnaan impaayerattii jalaatti ukkaamfamanii jiraan danuun bulchiinsa abbaa irree diiguun bulchiinsa yeroo mataa isaanii ijaarrataa jiru.
Tarkaanfii bobbaa Waraanni Bilisummaa Oromoo maqaa Gootota Oromootti moggaasuun fudhataa jiruun, Oromiyaa iddoo danuutti bulchiinsa kolonii diiguun Oromiyaa dhuunfatuun ifa galaadha. Qeerroon Bilisummaa Oromootis bakka caasaan diinaa diigamee jiruutti koree nagaayaaf tasgabbii hoggaanni WBO onaaf naannoo dhaabuu waliin qooda fudhachuun hojii bulchiinsaaf nagaa eegsisuu akkasumas hawaasa tajaajiluutti hirmaataa jiru. Dalagaan kunis injifannoo uummanni Oromoo akka sabaatti argate tiksuuf murteessaa ta’uu hubachuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo jabinaan akka itti fufu waamicha dhiheessina.
Hololoonni kanaan faallaa ABO-WBO irraatti taasifamaan murnoota garbummaa keessatti dantaa dhuunfaa isaanii maqaa qabsoon tikfataa asgahaniin akkasumas Qabsootti hirkatanii dadhabbii tokko malee jiraata turaniin kan adeemsifamaa jiru tahuu hubachuun uummanni Oromoo yeroo dhumaaf qe’ee ergamtoota hafuura ergamtummaa irraa akka bilisa baasu hubachiisna.
Qaama Qabsoo gaggeessuu fedhu kamiifiyyuu dirreen qabsoo bal’oo tahuu akkasumas kallattii kamiiniyyuu abbaan fedhe yoo adeeme ABO-WBOn kan komiif mufii hin qabne tahuu irra deddeebiin ibsamaa ture. Haa tahuutii garuu tuuta maqaa ABO, WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo gargar baasuun dantaa dhuunfaaf, faayidaa yeroof akkasumas faashistii aangorra tursuuf holoola oofu kamiyyuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroo dhumaatiif ofirraa akeekkachisna.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo jaarmiyaa akeekaaf kaayyoo ABO-WBO ganamaa irraatti hundaa’uun hiree murteeffannaa Oromoo dhugoomsuuf qabsoo godhuudha. Kanas miseensonni gameeyyin QBO marii yeroo dheeraa gaggeessaniin toorri karaa nagaan qabsoo gaggeessuuf yaadame sirna faashistii PPn waan cufameef akkasumas waggoota 3f akka jaarmiyaatti murnii maqaa kana qeenxeen dhuunfatee deemaa turee warraaqsa itti fufsiisuun WBO irraa dirqama qooddachuu waan dadhabameef akkasumas kanaan booda Impaayera Itoophiyaa waliin rakkoon Oromoo kan furamuu danda’uu afaan qawween qofa tahuu hubachuun Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO jalaatti caasaa qajeelfamaaf dalagaa qindeeffachuun qabsoo warraaqsaa akka itti fufsiisu ibsa baatii darbe baaseen akeekee jira.
Murni kanaan faallaa adeemuun hoggaanoota WBO maqaa balleessu akkasumaas miseensoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo dirqama magaalaatti jiran adamsuun diinaf saaxilaa jiru gochaa diinummaa itti jiru kanarraa yoo hin dhaabbanne osoo hin jaalatiin dirqamnee seera diinaan akka wal gaafachuuf jirru yeroo dhumaaf hubachiisna.
Dhumarraatti wareegama Qeerroon Bilisummaa Oromoo kalee harka qullaa dhagaa darbateen sirna faashistii tokko aangorra qaarisuus warraqsi dhiigaaf lubbuun itti kaffaalamee gufachuu irraa QBO qawwee kaasun har’aa WBO tahuun qabsoo bilisummaa Oromoo gara galii xumuraatti oofaa jiru waliin uummanni Oromoo biyya isaa dhuunfachuun fardiidha.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Injifannoon uummata Oromoof!
Onk. 21/2021, Finfinnee Oromiyaa