Irreef gaachanni Ummata Oromoo WBOn zoonii GG shawaa lixaa Ona Ada’aa bargaa keessatti diina magaala mugar irraa gara magaalaa eelaa fiigaa turtetti haxxee hidhuun patrol 4 dhukkeetti raree jira. Tarkaanfii kanaan 27 ol battalatti yoo duutu hedduun madoofte. Madoof reeffaa sino tokkof patrol 3 guurrattee jirti.
✅akkasuma godina addaa sulultaa magaalaa kanteer keessa dibbeessi sa’a 1 eegale diina burraaqsise darbaatti qajeelche. Erga diinni magaalicha gadhiisee faraxxaxee basaastonni diinaa harcummee WBOn garafaman.
✅ijoollen Taaddee Birruus salaale magaalaa daawwichaa seenun humna diina achi keessa turte ari’ee laficha too’annoosaa jala oolchuu ifoomseera.
Imalli Bilisummaa wareegama jaallaniin utubame walabummaa oromiyaa qofaan akka goolabumu WBOn dhaamatee jira.