ODUU INJIFANNOO WBO ZOONII KIBBAA KONYAA GUJII LIXAA Guyyaa 14/10/2021

booji’amtoota hidhattoota PP Tophiyaan hidhachiistee WBO loluu dhufaniiti
Qawwee diinarraa hiikamee!

Gootichi Waraana bilisummaa oromoo,Leencii bosonaa WBO,n ZOONII kibbaa konyaa Gujii Lixaa CIBRAAN MADDA ALBUUDAA, Buttaan baddaa magaadaatii fi Malkaa sooddaa waliin ta,uun gaafa guyyaa 14/10/2021 Tiksitootaa fi Leellistoota impaayeera Toophiyaa, Kan SIRNA booddeessaa fi duubatti hafaa Nafxaanyaa Kan duguugga Sanyii fi saamicha qabeenya Uummata Oromoo irratti rawwataa turee fi ammas raawwataa jiru kana deebisee diriirsuu fi galmaan ga’uuf wixxifataa osoo jiruu WBOn ganama keessa saa’aatii 1:45 (local time) irratti haleellaa mooraa diinaa iratti rawwateen injifannoon goolabeera. Haleellaan kun iddoo lamatti Kan raawwatame yoo ta’u

1. Konyaa Gujii Lixaa Ona bulee horaa Ganda Qilleensoo Mokkoonisaa Daannoo mooraa diinaatii iratti.

2. Humna birmannaa fi deemtu Ona bulee horaa Ganda EebbaLati. Lola iddoo lamaa kana keessaatti Loltuun diinaa nami digdamii sadi (23) battalatti yoommuu du’an nami digdamii saddeeti(28) madoo dandammii hin qabneen adabameera. Nami lama(2) booji,ameera, konkolaataa diinaa(patrol) tokko barbadaa’eera, Qawwee AKm Kudhanii lama (12) fi meeshaa garagaraa booji’uun Dantaa qabsoo Uummata Oromoof oolcheera.

Kan achirraa hafte rifattee Reefffa osoo hin guuratin of duubatti deebi’uun Magaalaa guddoo Konyaa Gujii Lixaa Bulee Horaatti deebiteerti. Gadaan Gadaa xumura Garbummaati. Tarkaanfiin itti fufa Bilisummaa fi Walabummaan ni dhufa.

INJIFANNOON UUMMATA OROMOOf !!!!

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started