Tarkaanfii fi Injifannoo WBO Zoonii Kibbaa(Ibsa Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO Irraa)q

Sirni weerartuu Abiy Mohamed, PPn Onkololeessa 1 hanga Onkololeessa 8 ti duula lafa WBOn dhuunfate deebiffachuuf addoota waraana hedduu, Gujii Bahaa fi Gujii Lixaa keessatti weerara banuuf tattaafattee ture. WBOnis duula faallaa weeraraa gaggeesseen of irraa faccisuun of-irraa qolachuudhaan waraana weerartuu PP 592 ajjeesuun, 815 ammoo madeessuun, meshaalee waraana gosa hedduu booji’uun, weerara faashiistiin PP kibba Oromiyaa irratti gaggeessite guutuummaa gutuutti fashalsuun ofirraa debbisee jira.

Lola addoota waraana qixa hedduun itti bobbaafmae kana Onkololeessa 1, 2021 Gujii Bahaa aanaa Liibaan fi Simintoo gidduutti Cibraan Soddom Booroo lola gaggeesseen weerartuu 8 irraa ajjeesee, 5 ammoo madoon adabee jira.

Onkololeessa 2, 2021 adduuma kanaan Cibraan Soddom Booroo aanaa Gumii Eel-dallo keessatti weerartuu 2 irraa ajjeesuun hedduu ishee ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira. Guyyuma kana Gujii Bahaa aanaa Sabbaa Boruu ganda Utuluu keessatii Cibraan Lagaa Dambii weerartuu 10 battalatti irraa ajjeesuun 7 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.

Onkololeessa 3, 2021 Cibraan Soddom Booroo aanaa Liiban magaalaa Mugaayoo keessa baatee osoo WBO sakatta’uuf barbaadaaa olii fi gadi fiigaa jirtuu haxxee itti hidhuun weerartuu 3 battalatti irraa ajjeesuun 8 ammoo madeessuun adabee
jira.

Onkololeessa 4, 2021 Cibraan Soddom Booroo magaalaa Nageellee Booranaa iddoo addaa Keellaa Finfinnee jedhamutti weerartuu 5 irraa ajjeesun 7 ammoo madeessuun adabee jira. Guyyaa wal fakkaataa, Onkololeessa 4, 2021WBOn godina Gujii Lixaa keessa socho’u Cibraan Madda Albuudaa guyyaa keessaa sa’aati 6:20 (local time) keessaa aanaa Bulee Horaa gandoota akka Haroo Maddanaa, Soorilee Haroo, Qilleensoo, Magaalaa fi Baaddiyaa keessaa baasuudhaan weerartuu 10 irraa ajjeesuun 7 ammoo madeessuun adabee jira.

Onkololeessa 5, 2021 Cibraan Soddom Booroo aanaa Liiban fi aanaa Gumii Eel-Dallo gidduutti ganda Bobaa fi Xuxxuffee jedhamtu keessatti lola guyyaa guutuu gaggeesseen iddoo sadii olitti weerartuu diinaa haleeluun 130 irraa ajjeesuun 200 ol ta’an ammoo madeessuun adabee jira. Lola addaa aanaa Liiban ganda Mugaayoo iddoo addaa Gootuu Soolee jedhamutti weerartuu 70 ajjeesuun 83 ol ammoo madeessuun adabee jira. Lola aanaa Sabbaa Boruu Ganda Utuluu fi Ganda Buuphoo gidduutti lolaa ta’een Cibraan Lagaa Dambii weerartuu PP 21 irraa ajjeesuun 16 ammoo madeessuun adabee jira. WBOn

zoonii kibbaa konyaa Gujii Bahaa keessa socho’u Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Adaadii jedhamtukeessatti weerartuu diinaa 42 ajjeesuun 37 ammoo madoon adabee jira.

Onkololeessa 6, 2021 Cibraan Soddom Booroo aanaa Gumii Eel-Dallo ganda Bobaatti weerartuu diinaa haleeluun du’aa fi madoon adabuun diinni reeffaa fi madoo ishee ambulaansii jahaan guurrataa oolte. Guyyuma kana aanaa Liiban ganda Ardootti weerartuu birmaannaa dhufee 6 irraa ajjeesuun 8 ammoo madeessuun adabee jira.

Onkoloolessa 7, 2021 adda aanaa Gumii Eeldalloo ganda Xuxxufeetti galgala keessa sa’aa 12:00 haga 1:00 (local time) lola Cibraan Soddom Booroo gaggeesseen loltuu weerartuu PP 55 irraa ajjeessee 97 ammoo madeessuun adabee jira.

Onkoloolessa 8, 2021 aanaa Gumii Eeldalloo ganda boobaa diina hulluuqee seenee kaambii gaddaatti marsee loluun loltuu weerartuu PP 230 battalatti irraa ajjeesee 340 ol ammoo madooon adabee meeshaalee gartuu PKM, Sniper meeshaa dhuunfaa Akm hedduu akkasumas meshaalee waraanaa gargaraa booji’uun weerara diinaa guutumaa guutuutti fashalusee jira. Irree fi gaachanii uummata Oromoo WBOn lolituun weerartuu PP magaalaa Nageelleetti dachaasuun, injifannoo diina irratti galmeesseen weerartuun diinaa reeffaa fi madoo akka xiyyaaraan magaalaa Nageellee irraa guurrattu dirqee
jira.

Dhuma irratti ajajaan ol’aanaa ABO-WBO weerara Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru qolachuu qofaa osoo hin taane, haleellaa dugda diinaa kutu qindeessuuni fi wareegama qabsoon nu gaafattu baasnee, biyya keenya dhuunfachuuf murannoon sossoona!
Injifannoo Uummata Oromoof!
Onkoloolessa 10, 2021
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started