
Lollii gaarii hin qabu, garuu nagaa waaraa foduuf lolanii diina farra nagaa waaraa tahee buqqisuun dirqama. Haa tahuutii balaa humnoota kaabaa gidduutti uumameen Oromoon walloo miidhamaa jira. Miidhaa kana jalaa bahuun kan danda’aamu immoo taatoo lolichaa(actor) tahuu qofaani. Kanaaf Oromoon walloo lola kana irraatti of kabachiisuun dirqama. Daangaa ofii kabachiifatuun gahee abbaati.

Guyyaa har’aa kanaas lolli kaabaa jabaatee oolee. Naannooo Amaaraa iddoo addaa haayiq jedhamutti lola jabaatu TDF fi pp gidduutti geggeeffamaa oole. Lola kanarratti loltootni TDF injifannoo gurguddaa galmeessuutu odeeffama.
Oduma wal fakkaatuun kaabni oromiyaa walloon raafama jabaa keessa jirti. Guyyaa har’aa kana fayyadamtootni seeftineetii kana booda kaffaltiin kennamu hin jiru jechuun caasaan gandaaf kaabineen aanaa muddamsa hamaa keessa jiru. Haaluma kanaan kaabni oromiyaa walloon Aanaalee torba kan qabdu yoo tahu aanaa tokko qofa irraa namoota 22,000tu seeftineetii fayyadama. Walumaa galatti namootni 154,000 ol kaaba oromiyaa walloo irraa seeftineetii kan fayyadaman yoo ta’an kana booda dhaabni deggersa godhu waan hin jirreef uummata hubachiisaa jechuun kaabineen caasaa gandaa fi itti gaafatamtoota qonnaa baadiyyaa fi hogganaa biiroo qonnaa waliin muddamsa jiraachuu odeessi keessoo waltajjichaatii nu qaqqabe ni addeessa!!
Uummanni keenya taa’ee beela namtolcheen dhumuu irraa lolee qooddataa lolaa tahee daangaa isaa kabachiifatuun waan fardiiti. Kanaaf Oromoon walloo tooftaa tarsimoo yeroon gaafattu fayyadamuun humna faashistii beela akka meeshaa waraamatti fayyadamuun uummata qulqulluu irraatti duguuggaa sanyii labsaa jiruu kana ofirraa qaarisuun fardiidha.
Injifannoon Uummata Oromoof
Jaawwii Jiilleetin