
Walumaa galaatti guyyoota 3n drbaan WBOn kibbaaf g/gala Oromiyaa iddoolee murasa odeessi nu dhaqqabee qofaatti Humna diinaa 110 ol ajjeesuun 108 madoo jabaan adabee jiraa.


gaafa guyyaa 05/10/2021
Irreef gaachanni Ummata Oromoo WBOn zoonii GG kaaba shaggar ona Dagam ganda yaayyaa haroo keessatti lola cimaa guyyaa sa’aa 10:00 hanga galgala sa’aa 1:00 deemen 27 ol battalatti yoo ajjeesu 40 ol madoon adabee jira.
Lola kun lola diishqaaf bireenni kan lafa raase yoo ta’uu WBOn diina gugsee tumuun injifannoo cululuqaa gonfatee jira.
Yeroo Ammaa (ganama har’aa 06/10/2021 humna dabalataa konkolaataa torbaan dhuftee madoof reeffa guurrachaa jirti.
CUUNFAA ODUU INJIFANNOO WBO ZOONII KIBBAA
Gujii bahaa Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa gujii bahaa torbaan kana tarkaanfii haleellaa diina irratti fudhachuun injifannoolee boonsaa galmeessaa jiraa.
Haaluma kanaan guyyaa 2/10/2021 gootichi bosonaa Cibraan laga dambii godina gujii bahaa aanaa sabbaa boruu ganda utuluu iddoo addaa dareersa jedhamutti waraana pp kan aanaa irraa ka’ee gara ganda utuluu deema turtetti haxxee itti hidhuun tarkaanfii laalessaa irratti fudhateen loltuu pp 10 battalatti ajjeesuun 7 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira. Akkasumas meeshaa kilaashii 2 fi hidhannoo 2 waliin hiikuun galii mooraa qabsoo bilsummaa oromootiif godhee jiraa
Ammas itti fufuun guyyaa 5/10/2021 cibraan laga dambii aanuma sabbaa boruu ganda utuluu fi ganda buuphoo giddutti lolaa jajjabaa guyyaa tookkotti marsa sadiif gaggeessen loltu diinaa 21 battalatti ajjeese 16 ammoo madoon adabee ganda utuluu keessa baasee gara aanaatti deebisuun guutumaa guututti ganda utuluu to’ateera
Haaluma walfakaatuun WBOn zoonii kibbaa konyaa gujii bahaa cirbaa odaa adoolaa guyyaa 5/10/2021 aanaa gooroo doolaa ganda adaadii iddoo addaa dhagaa ormi irra bade jedhamutti lola haleellaa diina irratti gaggeessen loltoota pp 42 battalatti daaraa godhee 37 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jiraa
Rasaasa fi qasina Akkasumas bag fi nyaata garagaraa irraa guuree dhuunfachuu danda’eera.
Ittuma siqee jala bulee guyyaa 6/10/2021 cibraa odaa adoolaa aanaa liiban ganda hardoti iddoo addaa mana barumsa adaama jedhamutti humna birmannaa godina irraa kaatee gara ganda adaadi deemtu itti marsee loluun 6 battalatti ajjeesee 8 ammoo madeesse injifannoo boonsaa galmeesse jiraa
Injifannoon Uummata Oromoof!