Qeerroo waa hubaattee

Qeerroo!


Waa dubbiin sii galtee?
Kaayyoon manii hin geenyee
Obbaafadhe jettee
Dhoobamtee akka hin teenye


Bar… hin obbaafattu
Qabsoon dhaalaan darbaa
Kaayyoon tasa hin cittu
Diinniis kaayyoo qabaa
Qabsoonsaas hin cittu
Kansaas dhaalaan darbaa
Ofiif gooftaa ta’uuf
Siin taasisee garba.


”Buddeen nama quubsu
Eeleerraa beeksisa”
Akka hawwii keetiif
Spoonjirra raftee, sponnjirra teessa
Akka yaada kootiif
Bar… spoonjirra raftee, sponnjirra hin teessu
Qoraattirra raftee, qoraattirra teessa
Akka ammaa-ammaa quuqee si damaqsu.
Galfata abbootii fi egeree dhalootaa
Eenyutti dagattee bashanantee rafta?


Kanaafuu yaa qeerroo
Qeerroo morma jorroo
Bashanana balfi
Kaayyo hin dagatini
Ija tokkoon rafi
Tasa hin liphsatini.
Qeerroon kaayyoo eegu
Yeroo argatee hin mugu.
Qeerroon biyya eega
Qeerroon kaayyoo eega
Yoom dagate rafa
Yoom dagatee muga.
Qeerroon kaayyoo eegu
Diilallaan dhiqata
Qeerron taa’ee hin dhugu
Utuu fiiguu unata
Adeemaa cuffata
Qeerroon qalbiin fiigu
“Akka gugee kaataa
Harka buleen nyaata”
Qaamaan huuqqateeu
Qalbiidhaan gabbata.


Zelealem Aberra Tesfa

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started