Cuunfaa tarkaanfii injifannoo WBO lixa oromiyaa

Adoolessa 2_4/2021
Wallagga Lixaa Aanaa mana sibuu ganda kobbaraa keessatti gaafa adoolessa 2 bara 2021 waraanni bilisummaa oromoo tarkaanfii fudhateen humna diinaa buqqisuuf gandicha guutummaa guutuutti tohateera. Gandichis tohannaa hanga ammaatti tohannoo WBO jala jiraachuun beekameera.

Akkasumas gaafuma adoolessa 2 Godina Wallagga Bahaa Aanaa saasiggaa naannoo Gaara Waataatti WBOn  tarkaanfii fudhateen diina hedduu du’aa fi madoon adabuun injifannoon keessaa baheera.

Irreefi gaachanni Oromoo WBOn Zoonii lixaa humna addaa furgaatuu urjii lolaa waliin waltahuun tarkaanfii hadhaahaa gaafa adoolessa 3 bara 2021 Godina Wallagga Bahaa Aanaa Haroo Limmuu keessatti fudhateen waraana harcaatuu PP saddeettamaa ol barbadeessee jira. 

Godina Wallagga Bahaa Aanaa nuunnuu qumbaa bulchiinsa magaalaa daalattii keessatti WBOn Zoonii lixaa Cibiraan shanan Gibee tarkaanfii haleellaa guyyaa lamaaf gaafa adoolessa 2 fi sadii walitti aansee fudhateen gaafa adoolessa lamaa 18 ajjeesee 14 yoo madeessu gaafa adoolessa 3 ammoo sagal ajjeesuun afur ammoo madeesseera. Anaa nuunnuu qumbaa keessaa humna diinaa barbadeessuun qawwee kilaashii AKM 96 hiikuunis qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisuun injifannoon xumureera.

Adoolessa 4 bara 2021 Waraanni bilisummaa oromoo Zoonii lixaa humni addaa furgaatuu bittinneessaa diinaa, mancaasaa gabrummaa fi wiirtuu Gadaa Oromoo wal ta’uun tarkaanfii laalessaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbii Gaara abbaa seenaatti fudhateen diina irraa afurtamaa ol ajjeesuun lakkoofsaan hedduu yoo madeessu sadii ammoo lubbuun booji’e. 

Loluma walfakkaatuun Gaara abbaa seenaa naannoo bochoosi tokkoffaa fi shanaffaa jedhamutti muraasni Gaara abbaa seenaa tarkaanfii fudhateen saddeeti ajjeesee 14 madeessuun tokko booji’eera. Walumaagala Qophii afurtamaa ol, hidhannoo shanii fi AKM afuris dhuunfachuun qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasiseera.

Gaafuma adoolessa 4 bara 2021 lola biraatiin Godina Wallagga Lixaa Aanaa Qilxuu kaarraa ganda talaamsoo dambiitti 3f tokko irratti haleellaa WBOn gaggeessern torba battalatti ajjeesuun afur madeesseera.
I U Of!

Booji’amtoota Waraana PP Lola irraatti Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennataan.

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started