Yeroo kanatti Mootummaa uummataa ijaaramaa jiruu tumsuun waan fardiidha.

Oromiyaan Mootummaa walabaa kan fedhii uummata bal’aa Oromoof ilmaan haqaa sabboontota Oromoon ijaaramtee harkatti deebi’uun nagaa waaraa godina gaanfa Afrikaa fi baha Afrikaa fiduuf waan fardiidha. Kanarraa kan hafee Mariin qooddaan gartokkee qaama Oromoo fi Oromiyaa alaatti dhiibanii gaggeeffamuu kamiyyuu rakkoo nageenyaa babal’aataa jiruu jabeessa malee furmaata tahuu hin danda’uu. Giddu seentonni qaama walabaati ofiin jedhaan yeroo gara yerootti Qabsoo Oromoo kolaasuun garbummaa oromoorra dheeressaa har’aa gahanii jiruu. Kuni nageenya godina kanaatiif yaaddoo guddaa tahaa malee fala tahuu hin danda’uu.

Barootan darbaan keessa sababa marii siyaasaa gaggeessuu jedhuun akeeka Qabsoo bilisummaa Oromoo sharafuun impaayera Itoophiyaa itti fufsiisuu akka nagaa waaraa raggaasisuutti kan ilaalan impaayeralistoonnif koloniyalistoonni saba Oromoo fi saboota cunqurfamoo biroo irra garbummaa dheeressanii arginee jirraa. haala kanaan carraa Bilisummaa balbalarra nu geesse marroo hedduuf dabarsinee kenninee jirraa. Bifuma kanaan marroo sadii oliif hireen Oromiyaa Walabaa ijaaruu nu jalaa gufatee jiraa. Irra deeddebiin ABOn rakkoo Oromoof Itoophiyaa karaa nagaaf mariin furuu maqaa jedhuun umuriin garbummaa nurraa dheerattee jirti.

As dhihoo kana TPLFn dhiibamee Oromoon Mootummaa biyyaa Abbaa irree haaraa(oligarchy)n ijaaramee jalaatti waggaa 27 oliif rirriitamnee bullee, sana jalaatti immoo Oromoof oromummaan balfamuun imaammanni diinaa Naf**nyaa ijaaruu jabinaan lafa qabatee humni fiwudaalootaa jabaachuun saboonni akka of hin inaarreef eenyummaa isaaniin hin boonne taasifamnee. Kanaaf har’aas warra waggaa 300 oliif muuxannoo polotikaa, dippiloomaasii fi ijaaramaa qabuu waliin marii ykn taphnii siyaasaa nutii taphaannu waan hin jirreef, karaadhuma injifanneen qawwee keenya qabaannee nagaan ollaa gaarii taanee waliin jiraachuutu furmaata.

Waggaa 4n Dura gaafa TPLF Impaayeraala Itoophiyaa keessaa dhiibamtee baatuus Oromoon aarsaa itti kaffalee firii Qabsoo aarsaa itti kaffalee otoo hin argiin injifannoon ilmaan Oromoo 7500 ol’ lubbuu itti dhabanii fi 2,000,000 ol’ qe’eerraa buqqaafamanii akkasumaas 10,000 ol’ qaama itti hir’aatanii miliyoonni mana hidhaatti itti dararamaa turanii salphaatti garee itoophiyaanistoota fi Naf**nyootaan butamuun Oromoon waan hunda keessaa dhiibamee baafamee. Sana qofaanis osoo hin dhaabbatiin Mootummaa Abbaa irree TPLF jibbee aarsaa kaffalee sirna Nugusaa waggaa 60 dura tureetti Oromoo of duuba deebisuun bittaa, gabbaarummaa Kan Afaan tokkoo, aadaa tokko, amantii tokkoo, eenyummaa f alaabaa tokkootti deebisuuf eenyummaa Oromoo balleessuu irratti hojii eegalaan. Kanaas oromoon diduun dirree bahee hidhatee falmaa taasiseen har’aa geenye.

Qabsoon Oromoo gargaarsa argachuun Tigroonni TPLFn durfamanii Oromoo duuka hiriiran malee TPLF Lola addaa PP waliin hin qabdu. Dhiibbaa Qabsoo Oromootiin TPLFf Itoophiyaa gidduutti waraanni dhalatee. Lollii kaaba itoophiyaatti adeemsifamaa jiruu kun bu’aa Qabsoo Oromootiin argamee.

Duraanis qabsoon Tigraay bu’uura Qabsoo Oromoota raayyaati malee, Kan ilmaan tigree hin turree, qabsoon jalqabaa salsay wayyaane jedhamee kan lakkaawamaa turee warraaqsa Oromoota raayyaa butaa asgahaan. Ammaas lollii Tigroonni godhaa jiraan bu’uurri isaa diddaa Oromoon sirna nafxanaya irraatti taasisee irraa kaheeti. Kanaaf Oromoon irree isaa jabeeffatuu malee diinaf gugguufun ykn eeggattummaan qilee nu seensisaa.

ABOn waamicha dhiheessun isaa akkamiin ilaalamuu qaba. Addi Bilisummaa Oromoo waggoota hedduuf fedhii rakkoo Oromoof Itoophiyaa gidduu jiruu karaa nagaan furuuf qabu irra deddeebiin agarsiisaa turee, taatuus dhiibbaaf Mata jabeenya itoophiyaanotaan karaa nagaa furuun hin danda’aamne inumaa nagaa jaalattummaan Oromoo miidhaa as gahee. Kanaafiyyuu oromoon nagaaniin diina waliin dubbaadha jedhee maratee taa’uu dhiisuun gad bahee karaa qolachuu qabuun diinaan loluuf of ittisuun dirqama.

Ibsa ABOn baase,

Mirgi of ittisuu sabaa kamiitiyyuu seera addunyaatiin Kan kabajameefii jiruu yoo tahuu chaptera mootummoota gamtoomanii boqoonna tokko irraatti ifaan kaawamee jira. Kanaaf sabni Oromoos waan danda’uu hundaaniyyuu ofirraa ittisuuf of kabachiisuun dirqama yeroon nu gaafattuudha.

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started