WBOn Wabii Keeti✊

Goota kabaja haayyoof,
Lubbuu ofii wareege
Jagna kabaja kaayyoof,
Har’asaa boriin eege!!

Qabeenya qaalii qabdu,
Afaan si sakaalanii
Akkati hundeen baddu,
Shiraan si takaalanii!

Hattuudha shaneedha,
Of keessaa balleessi jedhan
Oromookoo, Diinonnikee,
Warri badiisakee fedhan!

Gariin afaan wallaale,
Abdiisaatu coolligee
Gariin dhugaa hubate,
Galaana haqaatti jige!

Haatahu malee kunoo,
Martuu haqa WBO arge
Rasaasa mudhii WBOn,
Qabsoon deebihee marge!!

Jirra✊

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started