
Seenaa siyaasaa impayera Itiyophiyaa keessatti filannoo fakkeessii malee, filannoon uummataan fudhatame gaggeeffamee hin beeku. Filannoon amma partiin Bilxiginnaa nan gaggeessa jechaa jiru kunis, kan ulaagaa filannoo guutuu hin dandeenye qofaa osoo hin taane, kan maqaan filannooyyuu kennamuufii hin malle dha. Akeekni filannoo demokratawaa tokkoo fedhii uummataa irratti hundaa’ee haqaa fi bilisaan, aangoo siyaasaa filannoodhaan uummatatti dabarsuu dha. Haa ta’uutii, PPn partii fonqolchaa fi shiraan aangoo siyaasaa impayera Itiyophiyaatti darbee waan ta’eef, bakka bu’ummaa uummataa hin qabu. Uumamni partii kanaas faallaa demokrasii waan ta’eef biyya bulchuufis ta’e filannoo qopheessuuf hamlee fi aangoo sirnawaa itti hin qabu.
PPn ilaalcha siyaasaa dulloomaa kan bara Minilik hordofu waan ta’eef; mirga uummattootaa sarbuun, uummattoota humnaan jilbeeffachiisuuf yakka raawwachaa jira. Qabsaawoti bilisummaa ilaalchaa kana morman hundi akka diinaatti ilaalamanii lolli irratti labsame, duguuginsi sanyii irratti raawwatamaa jira. Haala kanaan seerri fi heerri mirgi dhala namaa silaa uumamaa fi uummata keessaa maddu paartii kanaan faallomee, dhalli namaa kabajaa dhabee akka bineensaatti rasaasaan ajjeefamaa jira. Lubbuun ilmaan Oromoo fi saboota cunqurfamoo hedduunis galaafatamee, qabeenyi hedduun barbadaawe, mirgi dhala namaa sarbame, hoggantooti fi qondaaloti siyaasaa karaa nagaa qabsoofna jedhan mana hidhaatti guuramanii, loltuun partii kanaa dhiiraa fi dhalaa gudeedaa yakka fokkataa dhala namaaf hin malle raawwatama jira.
Ol’aantummaan uumaa fi uummataa haalamee, kabajaan namoomaa tuffatamee, haala dhalli namaa salphifamaa jiru keessatti filannoodhaan uummata aangoomsina jedhanii abjoochuun gowwummaa dha. Haala yakki sanyii duguggaa uummattoota irratti raawwatamaa jiru keessattii fi haala uummatni keenyi akka beelaan dhumatu lolli sududaa fi harka lafa jalaan irratti gaggeeffamaa jiru keessatti filannoon gaggeessina jechuunis haqatti qoosuu dha. Partiin gochaa fokkotaa fi yakka ol’aanaa dhala namaa irratti gaggeessaa jiru kun, filannoo qopheessuun, yakka raawwataa jiru ittiin haguuguu fi aangoo isaaa seeromsuuf jecha; filannoo ofii isaa qopheessee, ofii isaa dorgomee, ofumaa daawwatee, ofii isaa injifannoo labsachuuf karoofate Waxabajjii 21, 2021tti qophaawaa jira.
Waan ta’eef, haala PPn lola ummata irratti banee jiru keessatti, akka nam-tokkottis ta’e akka walootti mirga dhala namummaa sarbamee jiru keessatti, uummati sodaa guddaa keessa seenee jiru keessatti; Qaamoti beekamtii uummataa qaban kan akka ABO-WBO siyaasa impayerittii keessaa moggeeffamanii jiran keessatti, miseensoti, qondaalotii fi hogganooti ABO fi KFO mana hidhaa keessatti gidiraa argaa jiran keessatti, gariin ammoo hidhaa dhaabbii keessa jiran keessatti filannoo gaggeessina jechuun shiraan dhugaa uummataa awwaaluu dha. Yakki sukkaneessaan kan mirga dhala namaa sarbu raawwatama jiru keessatti uummati bilisaan qaama isa bulchu kaadhimmachuus ta’e filachuu hin dandahu. Namooti uummata bakka bu’u danda’u jedhamanii abdataman filannoo irratti hirmaachuu hin dandeenye. Bordiin Filannoos qophii, gahumsaa fi dandeettii bifa hin baabsineen gaggeessuu akka hin dandeenye ibsachaa jira. Filannoon kun taajjabdoota qaama hawaasa idil-addunyaa irraa afeeramanii dawwatan hin qabu. Namnis ta’e qaamni adeemsa kana keessatti filamu beekamtii uummataas ta’e hawaasa addunyaa argachuu hin dandahu. Inumaayyuu Filannoon kun kan Faashitii abbaa irree Abiy Ahmedif beekamtii fi waraqaa ragaa uummata lafa irraa ittiin fixu kennuuf waan ta’eef; uummati akeeka kana hubate bakka hedduutti mormii isaa mul’isuun buufata filannoo irratti tarkaanfii fudhachuu eegalee jira.
Filannoo kun callifamee yoo bira darbame balaa sirni Abiy Ahmed gad dhaabuuf deemu fiduu danda’u:
- Abiy Ahmed akka waan filannoon kun beekamtii isaaf kenneetti fakkeeffachuun, addunyaa ittiin afaanfajjeessuuf tattaafata.
- Abiy Ahmed akkuma ofiiyyuu jedhe Abbaa irree hiriyyaa hin qabne, kan mirga bilisummaa, mirga siyaasaa, mirga qabeenya horachuu fi mirgoota dhala namaa mara sarbuuf deema.
- Oromummaan akka ilaalcha farra itiyophiyaatti fudhatamee itti duulama, namni sabboonummaa qabu marti shororkeessaa jedhamee ajjeefamuu fi hidhaa bara dheeraaf saaxilama.
- Bulchiinsi Oromiyaa jedhumu ni diigama, Oromiyaan bakka hedduutti qoqqodamti.
- Qee’een Oromoo qee’ee gaddaa, qee’ee hiyyummaa fi gadadoo ta’ee itti fufa. Akka bara sirnoota Minilik haga Dargiitti Oromoon jiraachuufuu eenyummaa isaa jijjiirrachuuf dirqamuu mala.
- Afaan Oromoos afaan baadiyyaa akka ta’u magaalota keessaa dhiibamuuf deema.
- Oromoon dirree siyaasaa impayeritti keessaa dhiibamee akka meeshaa dubbatuutti ergamuu ykn ammoo ajjeefamuu fi hidhamuun hiree isaa ta’uuf deemti.
Kanaaf:
Ilmi Oromoo marti tokkummaadhaan wal ta’uun filannoo kana gatii dhorkuun akka sirni duubatti hafaa Oromoo irratti hin diriirre harka wal qabatee sosso’uun balaa siyaasaa, nageenyaa fi dinagdee Oromoo irratti aggamame kanatti furmaata itti tolchinu dirqama lammummaa nurra jiru bahannu waamicaha dhiheessina.
- Guyyaa ‘Filannoon’ fakkeessii kun gaggeeffamu, irraa qooda fudhachuu dhiisuun dirqama Oromoo marati.
- Guyyaa kanatti PPn uummata nagaa irratti balaa dhaqabsiisuu waan maltuuf ijoollee fi namooti gaheeyyiin marti akka manaa hin baane manatti of ittisuun barbaachisa.
- Guyyaa ‘Filannoon’ kun gaggeeffamu sochiin geejibaa akka bakkaa bakkatti hin sochoonee ugguramuu qaba.
- Filannoon kun kan bakka bu’ummaa uummataa hin qabne addunyaa hubachiisuuf media fi media hawaasummaa gargaaramuun diddaa guyyaa kanatti Oromiyaa mara keessatti gaggeeffamu huda saffisaan gabaasuun dirqii ta’uu qaba.
- Filannoon kijibaa kun gaggeeffamus gaggeeffamuu baatus kan uummata bakka bu’u waan hin taaneef fudhatama hin qabu.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Waxabajjii 18, 2021
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO