Siyaasaaf kichuu ta’uurraan kan hafee, Bilisummaaf Walabummaa ofiitif Tarkaanfii NATO fi UN caala WBO jabeessuutu furmaata.

Wallaalummaa fi jaanjummaa siyaasaa:
—————————————————> Yaa uummata Oromoo maaloo dhiifama guddaa waliin irra dedeebi’een isiin kadhadhaa wallaalummaa fi jaamummaa siyaasaa keessaa ba’aa! Maaliif barabaraan siyaasatti xobbee taanaa laata?

NATO, G7, UN Peace Keepers, yookan Waraanni Amerikaa waa’ee Itophiyaa haasa’uun yookan Itophiyaa seenuun rakkoo Oromoo ittuma hammeessa malee furmaata tokkoyyuu hin fidu. Abiyii/Nafxanyaa garuu hedduu fayyada. Akkan siyaasa addunyaa kana hubadhutti, isaan Oromoon ajjeefamaa, hidhamaa, saamamaa fi mannii/qabeenyi/ bosoonni Oromoo gubachaa jiru dhaabsisuuf dhufu miti! Mkotummaan tasgabbaa’ee, bayyanatee akkaataa isaan barbaadanitti akka itti fufu barbaadaniiti. PPn Impayera dulloomtuu kana suphitee akka itti fuftuuf dhufu. Isaan mootummaa siif dhaabuu dhufu miti. Oromummaa fi Oromiyaa siif tiksuu dhufu miti. Lakki! Isaan Abiyii, Nafxanyaa, waraannii Ertiraa fi OPDOn Oromoo lafa irraa fixaa jiraachuun isaan gaddisiisee/ aarsee miti. Itophiyaan akka isaan yaadanitti adeemuu diddee. Abiyiitu akka Mallas Zenawi sana malaan/haxxummadhaan nama fixuu wallaalee guyyaa saafaa nama qaluu eegalee. Malaan nu ajjeesuu wallaale, akka Wayyaanee. OPDOnis malaa isa Mallas Zenawi irraa bartee sun harkaa badee ergaa Nafxanyaatti eerumtee, Diinummaa Oromoof qabdu dhokfachuu dadhabdee Nafxanyaa wajjiin gara jabina hamaadhaan lafa irraa nu fixaa jirti. Amerika, NATO fi UN kanatu isaan naasisee dantaa Itoophiyaa irraa qabantuu nuduraa bada jedhaniiti malee Oromoon maaliif ajjeefamaa miti.
Dhiibbaan karaa Tigray ta’aa jirus Oromoo fayyaada jettanii ofumaa sobaan of sossobdanii hin ragadinaa! Hin rafinaas. Utuu kana weeddiftuu Amerikaan ammallee Wayyanee deebisee fidee nurratti aangeessuu waanti dhorkuu tokko iyyuu hin jiru. Nuti garuu utuu dhugaama hamma geenyuu barree Oromiyaa irratti Oromoo Oromoon filate malee eenyu iyyuu akka hin aangoofnee gochuu ni dandeenya.

NATO, UN Peace Keepers yookan waraanni Amerikaan Itoophiyaa seenun kan Oromoo fayyadu yoo waan tokko qofa ta’eedha, akka ilaalcha kootti. Innis yoo WBO akka qaama jabaa fi barbaachisaa tokkotti maree siyaasaa keessatti guutummatti hirmaachisaniidha, WBOn immoo maree sana irraatti gaaffii guddaa akkuma Oromoon guddaa ta’ee, fakkenyaaf, Walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoo kan uummati Oromoo hiree isaa ofiin murteeffachu (self-determination) referendum dhaan akka itti adeemu gaafatee fi jarri fi mootummaan koloneeffattuu/nafxanaya immoo kana irraatti WBO /uummata Oromoo/ waliin negotiate goodhan qofa. Kanaa achii 2021 miti sichi waggaa 100, 1000 iyyuu rakkoo Itophiyaa eenyu iyyuu hin hiiku!

Kanaas akka yaada kiyyaatti Oromoo yoo kana godhaan gaaridha.

  1. Hundaa ol Waaqayyoo guddaa amanattuu fi dhugaa kee qofa falmattee, nagaa lammii kee Oromiyaa hunda tiksuudha.
  2. Isa warri beektotaa, rogeyyii (activistoota) jettee guyya guyyaan gara isaanii toleetti si oofan kana jala bilisa of baaftee humna guddaa fi deebiin qabsoo Oromoo Oromiyaa keessa akka jiru amanuu.
  3. WBO hal duree tokko malee karaa hunda deeggeruu fi jabeessuu
  4. Uummati fincila akka itti fufuuf tarsimoo yeroon kun gaafatu qindeessuu
  5. Itoophiyaaf boo’uu, Afaan Afirikaas wawaachuu dura Oromoo, Oromummaa fi Oromiyaa oolchuuf, sirna koloneeffattuu warra Nafxanyaa dhabamsiisudha
  6. sana booda Oromiyaan obboleeyyan keenya Kush (Simada, Somalee, Kambataa, Qimanti/Agawo, Hadiyyaa, Affar fi kan biroos) waliin akkamitti akka jiraannu murteeffannaa. Nafxanyaan immoo yoo walii galle ollaa nagaa taanee jiraanna yoo isheen diddee of tuulummaa fi sanyii namaa balleessee malee hin jiraadhuun ishee itti fufee immoo “Karaan dugda hindaaqqoo” jenna.
    (Luba Waaqee Ji’oo )

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started