Galiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo Oromiyaa walabaa ijaruudha!

Qaamni Impaayera Itoophiyaa Tiksee Boritti Tarkaanfachiisuuf Carraaqu Joobira Walabummaa Oromiyaan Butamee Dhabama Ta’a!
Mudde 6, 2020.

Jaal. Birmaddummaa-tiin.

Biyya keenya Oromiyaa impaayeraan liqimfamtee jirtu walaba baasuuf galaana impaayeraa gogsuun fardiidha. Galaanni impaayera kun yeroo ammaa kanatti raafama guddaa keessa seenee hundeen urgufamaa jira, Yeroonni gogee dhabama ta’us fagoo miti. Haala kana keessatti yaatota galaana ka ta’aan hedduun irraa dhaabbatanii galaanicha humna dhowwachuun madda galaanichaa dhabama taassisaa jiran.

Finxaaleyyiin leellistoota impaayera itoophiyaa martinuu gufuufi farreen mirga hiree murteeffannaa sabootaati. Akka ilaalcha finxaaleyyii impaayeraatti mirgi hiree murteeffannaa sabootaa; Biyya diiguu, Nageenya booressuufi shororkeessummaadha. Haatahu malee, Mirgi hiree murteeffannaa mirga uumaan uumamaan nama maraaf waan nama ta’eef kenneefidha. Saboonni dammaqiinsa qabaatuun waa’ee mirga hiree murteeffannaa ofii hubatan haga waan akeekan dhaqqabanitti gatii irraa barbaadamu kafaluu duuba hin jedhan. Kanaaf ammoo fagoo deemuu osoo hin taane asuma impaayera itoophiyaa keessattuu haqni kun addeessa caalee ifee mul’ata.

Warraaqsi Galaana Ummataa Itti Fufa ~ Walabummaa fi Bilisummaan Dhiigaan Dhufa!

IUOf.

Published by Bakakkaa Bonaa

i am a voice of voice less Oromo peoples those invaded by the milinikians for 150 years and know by ertirea force

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started